Haleellaa Aanaa Gimbiitti raawwatamee kanneen ijaan argan kan himan

Godina Wallagga Lixaa Aanaa Gimbii olla ganda Toolee keessatti haleellaa hidhatoonni Sambata Waxabajjii 18, 2022 raawwataniin namoonni nagaa hedduun du’uu kanneen ijaan agarre jedhan BBCtti himan.

Haleellaa ganama sa’aatii 3 irraa eegalee hanga waaree boodaatti raawwatame jedhame kanaan dubartootaafi daa’imman dabalatee hedduun ajjeefamu himu namoonni kunneen.

Ajjeechaan alatti manneen jalaa gubachuu, loon dabalatee qabeenyaan jalaa saamamus himan.

Haleellaan kuni ganda Toolee keessatti ollaawwan Guutuu, Coqorsaa, Saalsaawu, Bagannee, Caakkaa fi Hayaawu jedhaman keessa namoota jiraatan irratti kan xiyyeeffate ta’u dubbatu namoonni ijaan agarre jedhan kunneen.

Waxabajjii 19 fi 20 ammoo reeffa namoota ajjeeffamanii walitti qabuun awwaalaa akka jiraniifi ammatti miseensoonni raayyaa ittisaa naannichatti bobbaafamu himaniiru.

Kamaal (nageenyaaf jecha maqaansaa kan geedarame), obboleessaa fi haadha waarraa obboleessa isaa haleellaa raawwatameen jalaa ajjeefamu BBCtti himeera.

‘‘Haleellaan kan eegale gara sa’aatii 3:30tti. Hanga sa’aatii 7tti hidhattoonni hin baane. Humni addaafi raayyaan ittisaa kan galee sa’aatii 11tti. Hanga sanatti omtuu hin qaqqabne ture,’’ jedha.

Qonnaan bulaa Kamaal ganda Toolee olla Silsaawu jedhamu keessatti dhalatee guddachuu hima. Naannoo inni jiraatutti hanga yoonaatti namoonni ‘‘250 awwalamaniiru.’’

‘‘Dilbata kaleessaa awwaalaa oolle. Har’a ammo kaan awwaaluu deemaniiru’’ jechuun ammallee reeffi ganaa kaafamu jiraachu hima.

Haleellicha kan raawwatan hidhattoota ''ABO-Shanee'' akka ta’an kan hime Kamaal, ‘‘sabaan adda baasuun Amaaraa ajjeessan’’ jedha.

Jiraattonni BBC'n dubbiseefi mootummaan kan haleellaa kana raawwate garee mootummaan Shanee jedhee waamuun akka ta’e yoo ibsan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo jiraattotnii fi mootummaan haleellaa kanaaf gaafatamtoota godhu ibsa baaseen, haleellichi qaama mootummaa ''Gaachana Sirna'' jedhamuun raawwatame jechuun qooda hin qabu jedheera.

Asoosheet Pirees gama isaatiin namoota ijaan argan dubbise jechuun akka gabaaseetti, haleellichan irra caalli isaanii kan saba Amaaraa ta’an namoonni 200 ol ajjeefamaniiru jedhe.

Ameerikaatti Waldaa dhalattoota Amaaraatti itti gaafatamaa kan ta’an Obbo Mandafroon, haleellichaan dubartoonniifi daa’immanni dabalatee namoonni saba Amaaraa dhibbaan lakkaa’aman ajjeeffamu BBC Amaariffatti himan.

BBC dhimmicharratti odeeffannoo dabalataa argachuuf Itti-aanaa bulchaa aanaa Gimbii, Bulchaa Godina Wallagga Lixaa, Biiroo Komunikeshinii godinichaaf bilbilee deebii argachu hin dandenye.

'Maatiin dhumanii nuti garuu jirra'

‘‘Ani obboleessaafi obboolleetii tokkoon dhabe. Firrii maatii guutuu dhabe jira. Namni miseensi maatii 21 jalaa dhume jira. Kan ijoollee fi ijoollee ijoolleesaa dhabes jira’’ jedha Kamaal.

Gooxiiwwan sadii naannoo inni jiraatuutti argamaniitti ''namoonni 250 awwaalamuu'' fi ganaa reeffi barbaadamaa kan hin awwalamiin jiraachufi lakkoofsi namoota du’anii dubbachuun akka cimu hima.

''Maatii keenya dhumanii nuti jirra. Kaan kaleessa awwaalaman. Kaan har’a walitti qabama. Kaleessa kana hunda awwaaluu hindandeenyu jedhanii kan deebii’anis jiru'' jedha.

Har’a namoonni dabalataa awwaalchaaf akka deemee kaasuun, ''kanaan namni meeqa akka ajjeefame baruun ni danda’ama'' jedha.

Ministirri Mummee Abiy gama saanitiin haleellaa kana ilaalchisuun, miidiyaa hawaasaa irratti akka ibsanitti, haleellaan wal fakkaataan naannoolee garaa garaatti raawwatamu mootummaan kan hin obsine ta’u ibsaniiru.

Kamaal wayita haleellaan raawwatametti gara qonnaa deemee akka tureefi dhimmicha akkuma dhagaheen gara mandaraatti yoo deebi’uutti daa’immaniifi dubartoonni ajjeefamanii akka qaqqabe dubbata.

''Aanichaan maaloo nu gargaara osoo jennuu kan nu gargaaru dhabne. Booda sa’aatii 11 irratti dhufan. Haleellaa yoo raawwataniitti isin gaha bahaa jechaa turan. Yoo as bultan deebiine isinii reebina jedhan. Daa’ima guyyaa sadii osoo hin hafiin nu jalaa ajjeessan.’’

Haleellichi mandara inni keessa jiratu biratti yoo eegalu, fagoorraa yoo manni gubatu argee gara sanatti akka imale hima.

''Yoo qaqqabnu mandarri marfameera. Nuunis nu ari’atan. Dubartoonniifi daa’imman mana keessa turan ni dhuman. Qonnaan bulaas ni ajjeessan.‘’

Qabeenyaan jiraattootaa saamamuufi Kanaan boodas nageenya isaanitiif akka yaadda’an dubbata Kamaal.

''Kan du’e du’eera. Mootummaan warra hafneef fala akka barbaadu gaafanna. Mootummaafi seerri yoo jiraate , asii nu baasanii gara biyya keenyaatti nu haa deebisan. Hanga ammaatti kan nuuf gaddee, qaamni dogongora kan jedhees hin jiru'' jedha.

Gareen hidhattotaa kan Lixa Oromiyaa naannoolee garaa garaa keessa akka socha’u himamu kun, haleellaa Ganda Tolee keessatti raawwateen badiinsi lubbuu namootaa irra qaqqabuufi qabeenyaafi namoota irra miidhaan gahuu’’ Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa baaseen eereera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaa aanaa Gimbiitti gareen ''shororkeessummaan farrajame'' haleellaa raawwachu mirkanneessuun, taatee kanaanis namoonni nagaafi qabeenyaa irra miidhaan qaqqabuu ibsa baaseen mirkaneesseera.

'Haleellaa kanaan intalakoo dhabeera'

BBC’n kan dubbise jiraataan gara biraa Obbo Alii (maqaan kan geedarame), intalsaanii Ganda Silsaawu jiraattu dhabu ibsaniiru.

Ijoolleensaanii lamaafi haatiwaarraa isaanii duraa magaalaa Arjoo jedhamu akka jiraatan ibsanii, daandiin baatiiwwan 8 ol cufaa waan ta’eef maatiisaanii waliin osoo wal hin argiin hafuu, amma Naannoo Beenshaangul Gumuz akka jiraatan ibsaniiru.

Haleellaa Sambataatiin intalliisaanii kan wagga 16 akka jalaa ajjeefamte dubbatan.

''Guyyaa Sambataa gara sa’aatii sadii akka eegale himan. Eenyuudha? jennaan ABO-Shaneeti jedhan. Suqiiwwan hundi cufamaniiru. Akka tasaa kan bakka qonnaa deeman turan. Isaanitu bilbilee natti hime... Bilbila nama tokkoon qaba.

Isa biratti yoob bilbilu dhukaasni ni dhagahama ture. Booda takka ture yoo yaalu namoonni ajjeefamanii kan qaqqabeef akka hin jirre natti hime. Isaanis gara mandaraa kan seenan galgala keessa’’ jechuun haala ture himu.

Obboo Aliin naannichi to’annoo hidhattootaa jala oolfamuun ganamaa hanga galgala sa’aatii 11tti akka ture dubbatu.

''Amma kan hanfan jiru. Reeffii baayyeen hin kaane. Kan baadiyaa keessa keessa seenuu jira. Naannoolee sanatti ammalleen akka hin kaafamne dubbatu'' jedhu.

Wayita haleellaan raawwatamutti qaamni naannichaas ta'e kan federaalaa akka hin turreefi amma qaamooleen nageenyaa gara naannichaatti bobbaafamu himan.

''Haatii mucaakootii achuma jirti. Beela’aa jirra. Kaleessa ganama mataasaa osoo hin nyaatiin turan. Ni kaatu jechuun walitti nu qabaniiru garuu wanti argannee omtu hin jiru naan jette'' jedhan.

Bakki isaan amma jiraatanis bakka amma haleellaan itti raawwatame irraa baayyee kan hin fagaannee fi naannoo Beenishaangul Gumuuz kan naannoo Oroomiyaatiin wal daangeessuu keessatti yaaddoo akka qaban himan.

'Manni ooleera, suuqiin saamameera'

Namni ijaan argeera jedhu kan biraa Saayid (maqaan kan geedarame) sababii haleellichaatiin daandii cufame turu fi humni nageenyaa hanga sa’aatii 7tti akka hin gallee hima.

Odeeffannoo hanga Wiixataatti jiruun ''Guutuutti namoonni saddeeti mana walin gubatan dabaltee namoonni 35 awwaalamaniiru. Silsaawuutti ammoo 102 awwalamaniiru. Ganneetti ammoo osoo reeffii hin kaafamiinuu namoonni 95 du’aniiru. Hayaatti ganaa reeffii hin kaafamne,’’ jedhan.

Haleellichi naannoo Oromiyaa qaxxamuruun olloota lama Beenishaangul Gumuziitti argamaniitti akka itti fufe Sayid ibseera. Amma humni addaa naannichaafi raayyaan ittisa biyyaa naannichatti bobba’u hime.

Mannen akka gubatan, loon dabalatee qabeenyaan akka saamame dubbata Sayid. ''Ollaa Guutuuttis namoonni bakka gara garaatti akka gubatan dhagaheera. Achi kan jirus qonnaan bulaadha. Humna hidhate miti,'' jedha.

Ammattis naannichatti sochiin akka hin jirre hima namni ijaan arge jedhu kun. ''Kaleessa warri aanaa dhufanii nu ilaalanii deebi’an malee homaa nuuf hin goone. Qabeenyaan saamameera. Manneen gubataniiru, kan qabnu hin jiru, beelaan dhumusaati uummanni.’’

Namoonni naannichaa butamanii fudhataman jiraachu eeruun, booda bosana keessatti ajjeesan. ''Bakka tokkotti reeffa 50 argame bosona keessaa. Wayita haleellaan raawwatamuutti mootaraan gara Argo Dagguu jedhamu deemuufi deebii’ee dhaqee ''gaara keessa dhokatee akka oole'' hima.

Erga raayyaan gara naannichaa seeneen booda gara manaa deebi’uu kan dubbate Sa’iid, ''obboolaafi maatiin hanga 7 ykn 8 ta’an na jalaa dhumaniiru‘‘ jedha.

Hidhattoonni ‘‘matarayyesii qabatanii’’ gara naannichaa akka seenaniifi haleellichi kan sabaan adda qoode ta’u hima.

Sa’iid manni hafulleen suuqii akka saaman hima. Jiraattoonni naannichaa qabeenyaafi manasaanii dhaban sodaa keessa jiraachu dubbata.

''Nuti biyya nagaa keenya Itoophiyaadha jennee teenyee turre. Qaamni dhimmisaa ilaallatu osoo asii nu kaasee filanna. Har’a akkas yoo ta’e boru kan caalu yoo dhufe hoo?'' jechuun yaaddoo qabu ibsa.

Nuuf qaqqabaa

Haaluma walfakkaatun jiraataan Mubaarak (maqaan kan geedarame) haleellichaan maatii isaaniifi isaan irra miidhaan qaamaa qaqqabe akka hin jirre dubbachuun, namoota beekan hedduu irra miidhaan qaqqabu himu.

Jiraataan kunis maatiiwwan tokko tokko namoota 15 hanga 20 ta’an awwaluusaanii akka argan ibsu. Kan isaan beekan keessaa jaarsi waggaa 80 fi daa’imti baatii lamaa fa’i akka argamtu dubbatan.

Sababii yaaddoo kanaatiin hanga ammaatti reeffi namoota ajjeefamanii hanga yoonaatti hin kaanee ‚''kanaa olitti tilmaamamu'' jiraachu mala jedhu.

Ammatti poolisiin Oromiyaafi Raayyaan‚ ''eegumsa nuuf taasisaa jira'' kan jedhan jiraataan kun, amma haalli fooyya’adha jedhu.

''Haleellaan booda deeggarsi nuuf taasifame akka lubbuun jiraannu qofaadha. Deeggarsi biraa nuuf taasifame hin jiru'' jedhu.

''Qaamni ilmaan namaatiif yaadu jira yoo jedhe, dhufe dowwachuun baayyee barbaachisaadha. Nuuf haa qaqqaban,'' jedhu Obbo Mubaarak.

*Namoota gabaasa kana keessatti fayyadamnee yaaddoo nageenyaatiif jecha akka hin ibsamne kan taasise BBCdha.