Kirkira lafaa Tarkii: Deessuun guyyaa afur booda daa'ima waliin caccabaa gamoo jalaa lubbuun baate

Kirkira lafaa Tarkii fi Siiriyaa Wiixata darbe mudateen namoonni kuma 21 caalan yoo du'an, kumaatamaan kan lakkaa'aman miidhamaniiru.

Kanneen haala hin eegamneen caccabaa gamoo jalaa lubbuudhaan ba'aa jiranis jiru. Keessattuu daa'imman reefuu dhalatan haala nama ajaa'ibuun gamoo caccabe jalaa argamaa jiru.

Ammas deessuun tokko daa'ima dhalattee reefuu guyyaa 10 taate waliin caccabaa gamoo jalaa guyyaa afur booda argamteetti.

Daa'imni umrii guyyaa 10 maqaansaa Yagiz jedhamu kibba naannawa Hatay jedhamuu keessatti gamoo hedduu caccabe jalaa barbaadamee argame.

Daa'imni kun gamoo jalaa baafamee of eeggannoo qabamuun wayita gara ambuulaansii seensifamu suuraan agarsiisu miidiyaa biyyattiin mul'ateera.

Balaan kirkira lafaa hamaa ta'e kun erga mudatee guyyaa afur ta'eera, garuu sababa haalli qilleensaa hamaa ta'een walqabatee lammiilee rakkoo keessa jiran baraaruun akkaan rakkisaa ta'ee jira.

Haata'u malee lubbuu baraartonni haaluma rakkisaa keessa ta'anii daangaa Tarkii fi Siiriyaatti bobba'uun namoota gargaaraa jiru.

Daa'imi fi haati isaa battaluma baafaman gara hospitaalaatti geeffaman, haala fayyummaa isaaniirratti odeeffannoo bal'aan hin jiru.

Waa'ee balaa kanaa haga ammaa waan beeknu

Kirkira lafaa Wiixata darbe Tarkii fi Siiriyaa keessatti mudateen lakkoofsi namoota du'anii kuma 21 caaleera.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) rakkoon kun to'annoo ala ta'uu fi hammam akka ta'e hubachuufuu nama dhiba jedheera.

Lubbu baraartonni ammallee gamoo kukkufe jala nama barbaaduu itti fufaniiru.

Balaa kirkira lafaarratti dabalataan qorri garmalee hammaate namoota mana malee hafanii bakkee keessa jiran guddoo miidheera.

Kana malees namoonni kunneen nyaata, bishaan fi da'oo malee hafanii dararamaa jiru.

Pireezidantiin Tarkii balaan kirkira lafaa kun balaa hamaa jaarraa kanaati jechuun ibsan.

Lubbuu baraartonnii fi qaamoleen gargaarsaa addunyaa xiyeeffannaasaanii gara Tarkii deebisaniiru.

Baankiin Addunyaa doolaara biiliyoona 1.78 Tarkiif waadaa galeera.

Maallaqi kun misoomaawwan bu'uuraa barbadaa'an deebisanii ijaaruu fi namoota balaa kanaan miidhaman gargaaruuf kan ooluudha.

Balaa uumame booda namoonni hanga ammaa du'an 20,000 caaluun alatti, namoonni 100,000 caalan ammoo bakkeetti hafuun qorraan dararamaa jiru.

Qondaalli UN Antooniyoo Guteerez balaan kun osooma nuti ilaalluu hawaasa baayyee galaafataa jira jedhan.

Keessattuu biyya waraana yeroo dheeraan burkutoofte Siiriyaa keessatti rakkoon kun daran hammaataadha jedhan.

Kamisa, Guraandhala 09, 2023, yeroo jalqabaaf gargaarsi UN karaa ulaa Bab al-Hawa, kan Idlib keessatti argamuun gara Kaaba Lixa Siiriyaa qaqqabe.

Naannolee to'annaa mootummaa jala jiraniin ala imaluun gargaarsa qaqqabsiisuu kan danda'e qaama gargaarsaa UN qofadha.

Aab Guteerez gargaarsi dabalataa ammas akka taasifamuuf waadaa seenan, garuu gargaarsa qaqqabsiisuuf ulaa tokko qofa fayyadamuu osoo hin taane ulaawwan hedduun jiraachuu aka qaban Manni Maree Nageenyaa akka mirkaneessu gaafataniiru.

Qondaaltonni akka jedhanitti balaa kirkira lafaa kanaan Tarkiitti namoonni 17,6000 caalan fi Siiriyaatti namoonni 3,377 ta'an du'aniiru.

Lakkoofsi kun kan balaa kirkira lafaa bara 1999 tureen du'an 17,000 caaleera.