Daa’imni reef dhalatte Siiriyaatti gamoo jijjigaa jalaa baraaramte

Haati daa’ima kanaa kirkirri lafaa Tarkii mudachuu daqiiqaa muraasa booda ciniinsuun kan ishee qabe yoo tahu erga deesseen booda lubbuunshee darbe.

Firri tokko akka dubbatetti, abbaa, obbolaa afuriifi adaadaan daa’ima kanaas lubbuun darbaniiru.

Viidiyoon diraamaa fakkaatu nama daa’ima baate tokko agarsiisa, daa’imnis caccabaa gamoo Jindaayiriis jedhamu jalaa yeroo baafamtu awwaaraan haguugamtee turte.

Hakiimni hospitaala Afriin, daa’imni kuni itti geeffamtee haala tasgabbaa’aa keessa jirti jedhe.

Gamoon maatiin daa’ima kanaa keessa jiraatan kirkira lafaa maagnitiyuudii 7.8 qabuun gamoowwan 50 jijjigan jedhaman keessaati.

Iddoon Jindaayriis jedhamtu daangaa Tarkiitti siqxee kan jirtu yoo tahu mormitoota mootummaan qabamteetti.

Eessumni daa’ima kanaa Kahaaliil al-Suwaadii, gamoon akka jige gaafa baran firooti iddicha dafanii qaqqaban jedhe.

‘’Yeroo jijjigaa sana sassaaqaa qotnu sagalee dhageenye,’’ jechuun gaafa Kibxataa AFP’tti hime.

Yeroo daa’ima argannu hidduma handhuuraa ishee wajjin turte, isa irraa kutnee, durbiin koo gara hospitaalaa ishee dhaqatte.’’

Daa’imni yeroo hospitaala geessu haala gaarii hin taanerra turte jedhan haakimni daa’immanii Haanii Maaruuf, ‘’qaamashee mara irratti madaa, tarsa’aa fa’a qabdi,’’ jedhan.

‘’Qorra hamaa keessaas gatii dhufteef ishee ho’isnee kaalshiyeemii kennineefi,’’ jedhan.

Daa’imni kuni sanduuqa ho’a kennu keessa kaa’amtee, gulukoosiin otoo kennamuufi suuraa kaatetti.

Abbaashee Abdullaah, hadhashee Afraa fi obbolaanshee sirna awwaalchaa walootu geggeefameefi.

Akka mootummaan Damaaskas jiruufi tola ooltonni White Helmet Siiriyaa mormitootaan qabamterraa hojjetan jedhanitti namoota kirkira lafaa kanaan lubbuun darbe 1800 keessaati maatiin kuni.

Hamma yoon kirkira lafaa Wiixata darbe Tarkiitti al-lama mudate kanaan namoonni 7,800 lubbuun kan darbeera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa lakkofsi kuni akkaan dabaluu mala jedhe. Namoonni miiliyoona 23 tahanis balaa kanaan miidhamuu danda’u jedhameera.

Gareen tola ooltotaa Siiriyaa jiran hamma yoonaa namoonni 1020 lubbuun darbuu gabaasaniiru, garuu lakkoofsi kuni akkaan dabaluu danda’a jechuun akeekkachiisaniiru.

‘’Yeroon akka malee deemaa jira. Namoonni dhibbaan lakkaa’aman ammayyuu caccabaa gamoowwan danqamanii jala jiru. Sekandiin tokkoon tokkoo lubbuu baraaruu malti, ‘’ jechuun Kibxata kaleessaa Tiwiitar irratti kataban.

‘’Dhaaboti namoomaa marti akkasumas qaamoti idila addunyaa deeggarsa meeshaaleefi kaan akka taasisan gaafanna, ‘’ jedhan.

Mootummoonni Gamtooman, ‘’karaa kaminiyyuu’’ namoota kaab-lixatti danqamaniif deeggarsa ni erginaa jechuun kakateera. Tahus sababii daandiin miidhameef gargaarsa yeroof akka garaa geessuun hin danda’amne jedhe.

Dabalataan mootummaan deeggarsa kennamu bifa siyaasaa akka hin qabsiisnes yaadachiiseera.