Tarkiifi Siiriyaatti lakkoofsi namoota balaa Kirkira lafaan du'anii 17,000 caale

Balaa Kirkira lafaa Wiixata darberraa eegalee Tarkii fi Siiriyaatti mudateen hanga yoonaatti yoo xiqqaate namoonni 17,000 ol ta'an du'aniiru.

Pirezidantiin Tarkii Recep Tayyib Erdohaan balaan mudate kun dandeettii mootummaasaaniin ol ta'uu fi akkaataa barbaachisuun akka uummataaf qaqqabaa hin jirre dhugaa bahan.

Kanneen mootummaa qeeqan gargaarsi yeroo hatattamaa akkaan harkifateera jedhan.

Mootummaanis qixa sirrii ta'een itti hin qophofne jechuun pireezidanticha qeeqan.

Pireezidanti Erdogan rakkoon mudate mootummaasaanii guddoo akka qore himan, garuu amma ''to'annoo jala ooleera,'' jedhan.

Dursaan paartii mormituu Tarkii Kemal Kilicdaroglu waan pireezidantichi jedhaniin walii hin galu.

''Kan itti gaafatamuu qabu yoo jiraate, Aab Erdogan,'' jechuun dubbii gara pireezidantichaatti dabse.

Pireezidanti Erdogan himata kana kuffisuun yeroo ammaa walkomachuurraa tokkummaatu feesisa jedhan.

''Haala rakkisaa akkasii keessatti namoonni dantaa siyaasaaf jecha daba yaadan, hanqina namarra barbaadan iddoo hin qaban,'' jechuun gaazexeessitootatti himan.

Namoonni balaa kanarraa lubbuun baraaraman kumaatamatti lakkaa'aman haala qilleensaa akkaan diilallaa'u keessa halkan sadaffaaf bakkee bulaa jiru.

Kanneen gamoo jijjige jalatti danqaman hedduun ammallee ba'uuf jiru abdii jedhuun eegu.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa namoonni hedduun balaa kirkira lafaa kana jalaa baraaraman haala qilleensaa akkaan qorruun daran miidhamuu danda'u jechuun yaaddoo qabu ibse.

Siiriyaa keessatti ammoo hojiin lubbuu baraaruu waraana waggoota hedduuf biyyattii keessa deemaa jiruun gufateera.

Balaa kirkira lafaa daangaa biyyoota lameenii gidduutti mudateen ulaan biyyoota lameen walquunnamsiisu adda citeera.

Waamicha deeggarsaa mootummaan dhiheesse hordofee Gamtaan Awurooppaa yuuroo miiliyoona 3.5 gumaachuu ibseera.

Garuu gargaarsi kennamu iddoowwan to'annoo mootummaa jala jiranii fi hidhattoota mootummaa lolaniin qabamanii jiraniif walqixa qaqqabuu qaba jedhe gamtaan kun.

Siiriyaa naannawa Idlib keessatti namoonni 1,500 caalan balaa kanaan du'aniiru.

Gorsaan Pireezidantii Siiriyaa Bashaar al-Asaad, qoqqobbiin mootummaarra ture deeggarsa kennuurratti danqaa uumeera jedhe.

Jaarmiyaaleen gargaarsaa UK- Fannoo Diimaa Biriteen, Oxfam fi ActionAid jedhaman walta'uun lammiilee Tarkii fi Siiriyaatti balaa kirkira lafaan miidhamaniif maallaqa walitti qabaa jiraachuu ibsaniiru.

Maallaqi kun tajaajila fayyaa, da'oo keessa boqotan, nyaataa fi bishaaniif kan oolu ta'uus himan.

Mootummaan UK marsaa jalqabaan paawondii miiliyoona 5 kennuuf akka jiru himeera.

Mootummaan Iskootlaand ammoo paawondii kuma 500 ergaan jira jedhe.