Magaala Finoota Salaamitti boombin gabaa keessatti dhohee namoota 27 irra miidhaan gahe

Magaala Finotaasalaam

Naannoo Amaaraa magaala Finoota Salaamitti boombin garaagarummaa guyyoota muraasaatiin gabaa keessatti dhohee namoota 27 irra miidhaan gahuu maddeen Hospitaala Waliigalaa Finoota Salaam BBC Amaarinyaatti himan.

Magaala guddoo Godiina Goojjam Lixaa kan taate magaala Finoota Salaam keessatti dhohiinsi boombii kun garaa garummaa guyyaa lamaa keessatti si'a lammaffaa mudachuu isaati.

Dhohiinsi kun lafa gabaa magaalattii keessatti argamutti kan raawwate yoo ta'u, kanneen miidhan qaamaa irra gahe namoota nagaa bitataafi gurgurataa turaniidha jedhame.

Waggaa darbee jalqabee magaalattiin lola hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamu heddu keessummeessiteetti.

Dhohiinsi boombii marsaa lammataa Finoota Salaamitti kan mudate dheengadda gaafa Sambataa Ebla 6, 2024 ture.

Dhohiinsichi kan mudate lafa gabaa guyyaa Sambataa magaalattii keessatti gaggeeffamu keessatti ta'uu jiraataan maqaansaanii akka hin dhahamne gaafatan BBC'tti himan.

Humnoonni mootummaa, haleellaan boombii jiraachuu akka malu eerun namoonni akka walitti hin qabamne akeekkachiisaa akka turan kan himan jiraatan kun, guyyaa dhohiinsi mudate sana qaamoleen nageenyaa naannoo lafa gabaa sana naanna'anii to'ataa akka turan himan.

Haata'u garuu, humnoonni nageenyaa bakkichaa erga deemanii booda dhohiinsichi mudachuu himan. Haleellaa kana eenyu akka raawwates "hin beekamu" jedhan.

Dhohiinsa boombii namoota heddurraan miidha gahe jedhame kana ilaalchisee bulchiinsi naannichaas ta'ee kan magaala Finoota Salaam hanga ammaatti homaa hin jenne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namoonni nagaa 27 haleellaa kanaan miidhaan irra qaqabes guyyaa keessaa sa’aatii 4-5tti wallaansaaf hospitaalaa Waliigalaa Finoota Salaam dhaqusaanii hakimni guyyaa sana hojiirra ture BBCtti himeera.

Namoota miidhaan irra qaqqabe keessaa jahan isaanii dubartootaa ta’usaanii kan ibsan oggeessi fayyaa kun, nama tokko malee miidhaan namootarra gahe kan ‘‘salphaadha’’ jedhamu ta’uu himan.

‘‘Namoota miidhaan irra qaqabee 27 keessaa qonnaan bulaan miidhaan ija isaarra qaqabuun riifaraaliif ergaman tokko jiru. Kaan isaanii wallaanamuun gara manasaaniitti kan deebii’an yoo ta’u, qonnaan bulaan miidhaa olaanaan irra qaqabe gara Baahir Daariitti ergamuu ibsan.

Taateen Sambata darbee kunis garaagarummaa guyyoota lamaatiin haleellaa boombii yeroo lammaffaaf magaala Finoota Salaam keessatti qaqabeedha.

Guyyaa Kamisa Ebla 4, 2024 haleellaa walfakkaataa Mana Barnootaa Qophaa’ina Daamooti Lakkoofsa Tokkoorra qaqabeen, barattoota 32 irra miidhaan qaqabuu Godiinni Gojjaam Lixaa beeksiisee ture.

Itti Gaafatamaan Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaala Finoota Salaam, Ittaanaa Komaandara Mulu’alam Gassasaa eeruudhaan, odeeffannoon godiinichaa akka kaa’eetti, haleellaa guyyaa sana raawwatameen barattoota jaha irra miidhaa cimaan qaqabeera.

Oggeessi fayyaa Hospitaala Waliigala Finoota Salaam BBCn dubbise akka jedhaniitti, barattoonni guyyaa sana miidhaan irra qaqabuun gara hospitaallichaa dhaqan 24 turan. Isaan keessaayis jahaan isaanii wallaansa dabalataatiif gara magaala Baahir Daariitti ergamusaanii yaadataniiru.

Waliigalattis namoota dhoohiinsa boombii guyyaa Kamisaa fi Sambataa raawwatameetiin miidhaan irra gahe keessaa kan ‘‘afur ta’an’’ ammalleen hospitaalichatti wallaansarra jiraachu oggeessi fayyaa kun himaniiru.

Barataan haleellaa guyyaa Kamisaa sana raawwachuun shakkame tokko to’annoo jala oolfamuu fi qaamooleen gara biraa gochiicha keessatti hirmaatan to’achuudhaaf hojjatamaa jiraachu Ittaanaa Komaandaraa Mulu’alam dubbachusaanii godinni Goojjam Lixaa beeksiisee ture.

BBCn haleellaa boombii guyyaa Sambataa ilaalchisuun Itti gaafatamtoota bulchiinsa Godiina Gojjaam Lixaa fi Magaala Finoota Salaam irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin karaa bilbilaatiin taasise hin milkoofne.