Naannoo Amaaraatti walitti bu'insi maaf itti fufe?

Madda suuraa, Getty Images
Afriikaa keessaa biyyi baay’ina ummata isheetiin lammaffaa taatee Itoophiyaatti, ammatti naannoo Amaaraa dabalatee eddoowwan garaa garaatti rakkoo nageenyaa mudataa jira.
Ministirri Mummee biyyattii Abiy Ahimad, kan mormii dargaggoota Oromoo, ummata biyyattii keessaa isa guddaa ta’ee garuu ammoo kan hirmaannaa siyaasaa fi diinagdee irraa gartokkeetti dhiibamee tureen taasifameen, bara 2018tti gara aangootti dhufan.
MM Abiy’s turtii aangoosaanii baatiiwwan jalqabaatti, kallattii hundaanuu kan abdiin guutame ture. Itoophiyaan biyya tokkoomtuu bilisuummaan guutamtee, garuu kan mirgi saboota garaagaraa keessatti kabajamu akka taatu waadaa galan.
Haata’u malee erga yeroo sanaatii, biyyattiin mudawwan eenyuummaa bu’ureeffatan, wal waraana Kaaba biyyattii Tigraayiitti gaggeeffamee fi walitti bu’insawwan hidhattootaa hedduun keessatti mudataa jira.
Naannoo Oromiyaa eddoowwan hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo fi kanneen daangaa qaxxaamuruun seenan hidhattoonni Faannoo keessa socha'an garaa garaattis ajjeechaafi badii raawwatamu dhagahamuu erga eegalamee bubbuleera.
Tasgabbii dhabiinsi dhiheenya Amaaraatti mudate hangam balaafamaadha?
Naannoo Amaaraatti maaltu ta’aa ture?
Erga baatii Ebla kaasee gareen hidhattootaa Faannoo jedhamuun waamamanii, humnoota mootummaa waliin walitti bu’an.
Tasgabbii dhabiinsi kunis murtee motummaan Humnoota Addaa Amaaraa dabalatee kan naannoolee hundaatuu diigamuun raayyaa ittiisaatti ykn poolisiitti akka makamuuf dabarse hordofuuni.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Mootummaanis caasaa humna nageenyaa jidduuugaleessa gochuuf yaaluuf akka ta’ee hime.
Naannooleen biyyatti 11 hundi humna wal fakkaatu kan qaban yoo ta’u, garuu naannoon Amaaraa sochiichi haleellaa Tigraay fi olloota kaan irraa aggaamamuuf akka saaxilu himuun morman.
Erga baatii Ebla asis miseensoonni garee humna addaa muraasni humna nageenyaatti yoo makaman kaan ammoo hidhattoota milishaa naannichaatti makaman.
Torban darban keessa ammoo naannichatti magaaloota garaa garaa keessatti walitti bu’insi cimaan mudachuun gabaafame.
Humnootiin hidhattootaa naannicha keessa socha’an kunneenis bakkeewwan hedduu to’achuun, qondaaltoonni mootummaa naannichaa akka baqatan dirqisiisan. Bakkeewwan muraasaatti ammoo, hidhattoonni bulchiinsa yeroo ijaaruuf yaalan.
Akkasumas, maneen sirreessaa cabsuun sirreeffamtoota gadhisiisuutu himame.
Laallibalaa, bakka bataskaana dhagaarraa becameefi UNESCOtti galmaa'e itti argamuutti, hidhattoonni buufata xiyyaaraa to’atanii kan turan yoo ta’u ammatti garuu harka mootummaa jira. Kanaanis wal qabatee naannichatti balaliinsi magaaloota gurguddaa haqamuun mootummaan Labsii Yeroo Mudamaa labse.
Naannichatti walitti bu’insa magaaloota Baahir Daariifi Gondariitti gaggeeffameerratti meeshaaleen waraanaa jajjabaan maa’ii akka itti bahame gabaasaaleen eeran.
Jeequmsichi maaliif cime?
Jeequmsichis aarii haleellaa yeroo garaa garaatti biyyattii keessatti saba Amaaraa ta’an irratti raawwatamen kan wal qabateedha.
Qeeqxoonni mootummaan haleellaa raawwataman dhaabuu akka hin dandeenye himu. Milishoonnis haala kanaaf deebii kennuuf hidhannoo humnaa cimaan umamuun akka barbaachisu himu.
Baatiiwwan muraasa keessa ammoo, karaa lafootiin imaltoonni Naannoo Amaaraa irraa gara magaala Finfinnee imaluun akka dhorkame gabaafamaa ture.
Aanga’oonnis namoota nagaa booreessan magaala akka hin gallee gochuuf akka ta’e himan. Kunis naannoo Amaaraa keessatti aarii akka uumee himama.
Jeequmsi kun waliigaltee nagaa Tigraayiin wal qabataa?
Sadaasa bara darbe keessa ture wal waraana waggoota lamaaf Kaaba biyyattiitti gaggeeffamaa ture dhuma itti gochuuf, TPLF fi mootummaa federaalaa jidduutti Afriikaa Kibbaa -Piritoriyaatti waliigalteen nagaa kan mallattaa’e.
Humnootiin Amaaraafi loltoonni biyya ollaa kan taate Ertiraa waraanicha keessatti haalaan hirmaataa turan garuu qaama waliigaltee nagaa kanaa hin turre. Kunis naannoo Amaaraa keessatti waa’ee waliigaltichaarratti shakkii akka qabaatan taasise.
Eddoowwan Tigraayii fi Amaaraan irratti wal dhabanis to’annoo Amaaraa jalatti hafe. Gama Amaaraatiin namoonni muraasni waliigalteen nagaa mallattaa’e iddoowwan naannoon Tigraayifi Amaaraa waggootaf irratti wal-fal-maa turan osoo hin furamin Tigraayif kennuu ta’a jechuun sodaatu.
Kaan ammo mootummaan federaalaa Tigraay waliin ta’uun haleellaa akka isaan irratti hin raawwanneef yaaddoo qabaachu ibsu.
Kun biyyaaf maal jechuudha?
Abdiifi gammachuu jalqabaa ture alatti bulchiinsi MM Abiy nageenya eegame biyyattiitti buusuu hin dandeenye.
Jeequmsi amma naannoo Amaaraatti mudate kunis erga waliigalteen nagaa Tigraay waliin Sadaasa darbe mallattaa’een booda tasgabbii silaa biyyattiin argachu qabdu dhibuu kan agarsiisedha.
Ummanni Amaaraa Oromootti aanuun biyya baayyina ummata miiliyoona 115 ta’u keessaa lammaffaa yoo ta’u, hidhattoota hedduutu naannichatti argama.
Tasgabbii dhabiinsi Amaaraa kun deeggarsa cimaa yoo argate ammoo, biyya dhiibbaa wal waraansa Tigraay irraa ganaa bayyanataa jirtuutti jeequmsa biraatti geessuu mala.












