Raayyaan bakkeewwan 'Shaneen' waggootaaf qabatee ture to'ateera - Mootummaa

Madda suuraa, FDRE Defense Force
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa bakkeewwan hidhattoonni Oromiyaa keessatti sosso’an qabatanii turan gadhiisisuu mootummaan Itoophiyaa beeksise.
Gama kaaniin wantoonni daangaa Naannoo Amaaraafi Tigraay gidduu tibbana mul’ataa jiran waliigaltee Piritooriyaa kan diigudha jechuunis ibseera.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu guyyaa har’aa miidiyaaleef ibsa kennaniin kana jedhan.
Raayyaan Ittisaa Biyyaa Itoophiyaa yeroo garagaraatti odeeffannoo baasuun hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan Shanee jedhu haleeluu ibsaa ture.
Dr Laggasaan waraanni Itoophiyaa hidhattoota kanarratti baatii Bitootessa keessa ‘’tarkaanfii guddaa fudhateera’’ jedhan.
‘’Kanaanis, miseensonni garee shororkeessichaa rukutamuun alattis bosona, holqaawwaniifi bakkeewwan garichi waggootaaf qophaasaa to’atee bakka leenjiifi kuusaa lojistikii godhatee itti fayyadamaa ture raayyaan ittisaa keenya to’ateera,’’ jedhan.
Tarkaanfii kanaanis bakkeewwan hidhattooti kuni socho’anitti ‘’nagaafi tasgabbiin bu’aa jira,’’ jechuun ibsan.
Bakkeewwan waraanni mootummaa hidhattoota kana gadhiisise Dubbii Himaan mootummaa waan ibsan hin qaban.
Naannoo Amaaraa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gama kaaniin, namoonni ‘’Odeeffannoo sobaafi dogoggoraa garaa garaan gowwoomanii garee finxaalessaafi hattuu wajjin kanneen hiriiran keessaa 12,000,’’ leenjii fudhatanii ummatatti makamuu ibsan.
Naannoo Amaaraatti waraanni mootummaa xumura waggaa darbe hidhattoota Faannoo waliin eegalee hin dhaabatiin jira.
‘’Miseensonni humna addaa duraanii 10,000 gadi hin taane sababa garaa garaan mufatanii bittimanii turan waamicha godhameef fudhachuun leenjii haaromsaa keessa darbanii naannicha humnoota badiirraa ittisuuf gaheesaanii bahataa jiru,’’ jedhan.
Rakkoo naannoo Amaaraatti adeemaa jiruun yeroo gara garaatti odeeffannoowwan adda baasuun rakkisuus miidiyaa hawaasummaa gubbaatti bahaa turan.
Dr Laggasaan ‘’Z-27 [meeshaa waraanaa] diishqaadhaan rukunnee kuffisne, jeneraal ebelu kan jedhamu ajjeesne, kutaa waraanaa akkasii haleelle jedhanii abjuu itti fakkaate akka odeessan,’’ miti jedhan.
Tarkaanfii mootummaan fudhataa jiruun naannichi tasgabbaa’aa jira jechuunis ibsan.
Bakkeewwan waldhabbiin jiru
Bakkeewwan naannoleen Amaaraafi Tigraay itti waldhabanitti tibbana wanti ‘’gama Naannoo Tigraayin mul’atu’’ kan ‘’sirrii hin taane qofa osoo hin taane waliigaltee Piritooriyaa kan cabsudha,’’ jedhan.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dr Laggasaan adeemsi ‘’daangaa humnaan kabachiisna’’ jedhu ‘’ummata Tigraay dararaafi dhamaatiitti kan saaxiludha,’’ jechuunis akeekkachiisaniiru.
Dr Laggasaan taatee ‘’mul’ateera’’ jedhan maal akka ta’e ifatti hin dubbanne. Ta’us, bakkeewwan naannolee lamaan daangessan keessaa aanaalee Raayyaatti baatii Guraandhala keessaa eegalee walitti dhukaasuun ture.
Waraana Kaaba Itoophiyaa booda bakkeewwan Naannoo Amaaraa jala ta’an kana qaamoleen bulchaa jiran ‘’hidhattoota Naannoo Tigraayirraa dhufaniiru’’ jedhaniin dhukaasi itti banamuu irra deddeebiin ibsaniiru.
Naannoon Amaaraa torban darbe ibsa baasen Bulchiinsi Naannoo Tigraay ‘’bakkee turerraa sosso’uun gandoota Raayyaa Allaamaaxaa to’achuun jiraattota ajjeesaafi hiraarsaa jira,’’ jechuun himateera.

Madda suuraa, Government Communications
Bulchiinsi Naannoo Tigraay gama isaan hidhattooti gama isaatii ka’anii haleellaa banan akka hin jirre waakkateera.
Dr Laggasaan rakkoolee ka’an mariin furuurra ‘’humnaan daangaa kabachiifna adeemsi jedhu dogongora turerraa barachuu dhabuu agarsiisa,’’ jedhaniiru.
Badii raawwateefis Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayitti quba qaban. Rakkoo kana furuuf Koreen naannolee lamaanirraa hundaa'e hojjetaa akka jirus ibsaniiru.
Haa ta’u malee, furmaati waaraan kan dhufu rifarandamiidhaani jechuun ejjennoo mootummaa federaalaa ibsaniiru.
‘’Kana booda kallattii kaa’ame qofaan rakkinoonni akka furaman godhama. Gaaffin eenyummaafi daangaa murtee uummataa qofaan furmaata akka argatu mootummaan federaalaa kallattii ifa ta’e kaa’era.’’
Dabaluunis, ‘’Bakkeewwan gaaffiin eenyummaafi daangaa irratti ka’u hanga dhimmichi furmaata argatutti mootummaan federaalaa, jechuunis, raayyan ittisaa keenya ummata naannichaa waliin ta’uun nagaafi tasgabbii ni to’ata, ni eegsisa,’’ jedhan.
'Rifarandamiin ni gaggeeffama'
Dhimmoota aangawoonni Bulchiinsa Naannoo Tigraay irra deddeebiin kaasan keessaa tokko namoota bakeewwan waldhabsiisoo kanaatii buqqa’anidha.
‘’Kanneen buqqa’an haal-duree tokko malee gara qe’eesaanitti deebi’uu qabu. Bulchiinsi bakkeewwan kanneenii filannoo ummataa qofaan hundaa’u qaba,’’ jedhan Dr Laggasaan.
‘’Haalli gaafa tasgabbaa’e Boordiin Filannoo bifa walaba ta’een filannoo uummataa [rifarandamii] gaggeessa.
‘’Nannoleen lamaanuu kallattii kana kabajuun raayyaa ittisaa naannoo sana jiruuf deeggarsa gochuu qabu,’’ jechuunis ibsaniiru.
Naannoleen lamaan bakkeewwan itti waldhaban furuuf ibsa wal himatu baasuun osoo hin taane mariin akka furan gaafatan.
Dr Laggasaan naannolee lamaanitti ‘’nagaafi tasgabbiin akka hin dhufne finxaaleyyiifi farreen nageenyaatiin’’ networkiin ‘’daddabarsa meeshaa waraanaa seeraan alaafi daldalaa’’ sosso'aa akka jiru himaniiru.












