Taphataan Maanchester Yunaayitid yakka dirqamaan gudeeduu yaaluutiin himatame

Taphataan Maanchester Yunaayitid Maanson Giriinwuud yakka dirqamaan gudeeduu yaaluufi amala jaalallee isaa Jaanet Pooter irratti to’annaa hamaa cimsuufi reebichaan gidirsuutiin himatame.

Taphataan umuriin isaa wagga 21 ta’eefi garee biyyaalessaa Ingilaandiifillee taphate kun Amajjii darbe kan to’annoo jala oolfame.

Maason kan to’atame himannaa suuraawwaniifi viidiyoowwan oonlaayinii gadi dhiifaman irratti mul’atan hordofeeti.

Taphataan sarara fuula duraa Maason Amajjii keessa to’atamee wabiin mana hidhaa ala taa’ee akka himata irratti baname hordofu taasifamus, mirga wabii isaaf kenname cabsuu isaatiif Sambata darbe deebi'ee to’atameera.

Abbootiin alangaa akka jedhanitti, himannaawwan taphataa kana irratti dhiyaate hundi himattuu tokko irraati.

Maason Giriinwuud Wixata dhufu mana-murtii Maanchester dhaddacha Saalford irratti dhiyaate.

Garee biyyaalessaa Ingilaand tapha tokko qofaa kan taphate Maason, erga to’atameen booda kilaba isaa Maanchester Yunaayitidiif hin taphanne.

Dhaabbanni meeshaalee ispoortii dhiyeessu Nike waliigaltee ispoonsaraa isa waliin qabu kan addaan kute yoo ta’u, Elektiroonik Artis ammoo gareewwan isaa tapha FIFA 2022 keessatti galmeesse keessaa haqeera.

Yakki dirqamaan dubartii Jaaneet Pooter jedhamtu kana gudeeduuf yaale Onkoloolessa 22, 2021 yoo ta’u, miidhaa qaamaa geessisuun garuu dhuma Muddee ture.

Yeroo gara garaatti amalli irra deddeebiin reebichaan gidirsuun ammoo Sadaasa 2018 irraa kaasee kan mul’achaa turedha jedhameera.

Dubartiin miidhaan irra gahe Jaaneet Pooter akka jettetti, himannaawwan kun kan taasifaman abbootii alangaa dhimma dirqamaa gudeeduu irratti ogeessota ta’an ragaa poolisii bira jiru erga ilaalaaniin boodadha.

Tajaajilli Abbootii Alangaa Kiraawon himannaan yakkaa shakkamaa kana irratti dhiyaate waan qabatamaa jiru waan ta’eef mirga murtii haqaa argachuu akka qaban qaamota ilaallatu mara yaadachiisu,” jette.

“Adeemsa seeraa kana akka loogiin irratti uumamu taasisuu waan maluuf odeeffannoo karaa oonlaayiniitiin dabarsuu, yaada irratti kennuu ykn qooduu dhiisuun baayyee barbaachisaadha,” jechuun dhaamteetti himattuun kun.