Naymaar hidhaa wagga shaniitu eeggata jedhame

Taphataa beekamaa lammii Biraazil Naymaar hidhaa wagga shaniin adabamuu mala jedhamaa jira.

Kun ammoo yakka waliin dhahuufi malaammaltummaa jijjiirraa isaa waliin walqabateen.

Dhaabbanni invastimantii Biraazil tokko yakka waliin dhahuufi malaammaltummaa jijjiirraa isaa bara 2013 keessa gara kilaba Baarseloonaatti yeroo taasisetti hojjete jedhuuf torban dhuftu mana murtiitti akka dhiyaatuuf waamicha qaqqabsiiseera.

Dhaabbanni DIS jedham kun adeemsa Neeymaar gara Baarseloonaatti jijjiiruu ture keessatti mirga %40 argachuu qaba ture.

Haata’u malee, yeroo taphataan sarara duraa kun gurgurametti gatii isaa gadi xqqeessuun kan dhaabbatichaaf malu waliin dhahameera.

Taphataan umuriin isaa wagga 30 Neeymaar, himannaa irratti dhiyaate kana waakkatus ol iayyannaa Mana-murtii Olaanaa Ispeenitti bara 2017 dhiyeeffatee ture mo’ameera.

Himannaa kana abbummaan fudhatee kan dhiyeessaa jiru abbootii alangaa Ispeen yoo ta’an, Naymaar yeroo jalqabaatiif Baarseloonaa keessatti Wixata qaamaan mana murtiitti dhiyaachuuf jira jedhe manni murti.

Haata’u malee, taphan Paris St-Germain kun turtii adeemsa murtichaa torban lamaaf akka turuuf gaafatamuun isaa ifa miti.

Namoonniifi qaamoleen biroo Naymaar himatan maatiiwwan isaa, kilaboota lamaan, pirezidantonni duraanii Baarseloonaa Joseep Maariyaa Bartomeu fi Sandiroo Roosel, pirezidantii duraanii Saantos Odilio Rodrigues keessatti argamu.

Bakka bu’aan abbootii seeraa maatii Naaymaar Baker McKenzie ibsa baaseen, maneen murti Ispeen, “dhimma maatii Neeymaar fi kampanii isaanii N&N himachuudhaaf aangoo seeraa hin qaban,” jechuun kun ammoo sababa gochawwan kunneen lammii Biraaziliin daangaa Ispeeniin alatti kan raawwataman waan ta’eefidha jedhe.

Itti dabaluunis, yakkawwan raawwataman jedhaman Biraazil keessatti kan adabsiisan miti jedhan.

DIS bakka yuroo mil. 2 yeroo inni wagga 17 turetti mirga Naymaar keessaa parsantaa hanga tokko argateera.

Kilabni Baarseloonaa akka jedhutti ammoo yeroo Naymaar jijjiirame sana gatiin jijjiirraa yuroo miliyoona 57.1 kan ture yoo ta’u, kana keessaa ammo yuro miliyoona 40 maatii isaatii kaffalame.

Jijjiirraan yeroo sana gaggeeffames seera FIFA kamiyyu hin cabsine jedhamameera.