Ameerikaan dhala liqaa hir'isuun lammiilee Itoophiyaa biyyattii keessa jiran irratti dhiibbaa akkamii qaba?

Namoota Niwu yoorki keessa deeman

Madda suuraa, Reuters

Baankiin giddu galeessaa Ameerikaa waggoota afur booda yeroo jalqabaaf tibba kana dhala liqaa hir’isera. Kunis jiraattota biyyattiif bu'aa qaba.

Tarkaanfiin hawwiin eegamaa ture kun namoota miliyoonaan lakkaa’aman Ameerikaa keessa jiraatan qofa osoo hin taane, namoota addunyaa maraa irratti gatii wabii liqii kaardii liqaa fi qusannoo irratti dhiibbaa akka qabu himama.

Hiri'inni dhalaa kun lammiileen Itiyoophiyaa achii jiraatanii fi Ameerikaa biroo hedduun liqii baankii irraa argataniin mana, konkolaataa fi baasii biroof itti fayyadaman kanfaluun irraa eegamus dhala baasiichaa hanga tokko gadi ni buusa.

Manni qopheessa kan furtuu ijoo liqii Ameerikati jedhamu dhala isaa dhibbeentaa 0.5n hir’isera. Haala kanaan naannawa 4.75% hanga 5 % gidduutti akka ta’u taasifameera.

Sababni murtee kanaa inni guddaan sochii dinagdee biyyattii keessatti mul'atu daran kakaasuufi.

Kanaafuu murteen kun isiniif maal jechuudha?

Kaardii Liqaa

Madda suuraa, Getty Images

Murteen kun liqii manaa, konkolaataa fi liqaa biroo hir’isuu kun dhala baankonni liqii mootummaa irraa argataniif kaffalan, dhala dhaabbileen liqii manaa fi gosoota biroof kaffalaniif bu’uura.

Jalqaba bara 2022tti dhala xiqqaa irraa kaasee kan waggaa tokko keessatti naannoo 5.3% ture. Kunis erga bara 2001 as isa olaanaadha.

Hir’inni dhala liqeeffattootaaf boqonnaa guddaa ni fida. Haa ta’u malee, baankonni tokko tokko qusannoo qusattootaaf dhiyaatu irraa dhala hir’isuu isaanii hubachuun barbaachisaadha.

Kanaaf lammiilee Itiyoophiyaa fi kanneen biroo manaa fi konkolaataa bitachuuf akkasumas hojii adda addaa hojjechuuf karoorfatan caalaatti jajjabeessa.

Dhiibbaan sadarkaa addunyaatti qabu maal taʼuu dandaʼa?

Dhiibbaan kun kallattiin lammiilee Ameerikaa irratti hunda'a. Baankonni giddugaleessaa jijjirraa maallaqa isaaniin walqabatu murtee kana waliin kan wal qabsiisan ta'a.

Biyyoonni galoo galaanaa heddu fi biyyoonni akka Hoongi Koongi hedduun murtee kanaan ni miidhamu.

Kanaafuu, murteen kun liqeeffattoota biyyoota sana irratti dhiibbaa mataa isaa ni qabaata. Gama biraan Dhala hir’isuun kun namoota US ala irraa gabaa aksiyoonaa Ameerikaa keessatti invasti godhaniif oduu gammachiisaadha.

Murteen dhala gadi aanaa sababa lamaaf gatii aksiyoonaa guddisa.

Inni jalqabaa dhaabbileen liqii dhala xiqqaa qabu fudhachuun hojii isaanii babal’isuun bu’aa caalu argachuu danda’uu isaaniiti.

Lammaffaa, yeroo dhala gadi aanaa ta’etti qusannaan fi invastimantiiwwan tokko tokko hawwataa ta’u. Kanaafuu invastarootni maallaqa isaanii dameewwan akka aksiyoonaa irratti invasti akka godhan jajjabeessa.

Mootummaan maaliif dhala hir'ise?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Baankota giddugaleessaa biroo wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu, manni qopheessa Ameerikaa dhala liqii hir’isuu irratti harkifateera.

Awurooppaa, Yunaayitid Kingidam, Niiw Ziilaandii fi Kaanaadaan tarkaanfii walfakkaataa fudhachuun isaanii bubbuleera. Baankonni biyyoota guddachaa jiranii hedduunis kanuma hordofaa jiru.

Sababa qaala’iinsa jireenyaa fi carraa hojiif baankiin mana qopheessaa sadarkaa dhalaa gadi buusa ykn ni dabala. Haaluma kanaan bara 2022tti sababa qaala'iinsa jireenyaatiin dhala ol kaasee ture.

Gatiin tilmama dhalaa dabaluun liqii fudhachuun akka ulfaatu taasisa. Kanarraa kan ka’e namoota meeshaalee fayyadamaa irraa kaasee hanga meeshaalee manaa fi daldalaa hunda bitachuu irratti dhiibbaa geessisa.

Fedhiin xiqqaachuun dinagdeen akka saffisaan hin guddanne godha. Guddinni garmalee harkiftaan ammoo kufaatii dinagdee fida.

Waggoota darban keessa qaala’iinsi jireenyaa walduraa duubaan erga dabalee booda dinagdeen Ameerikaa kufaatii mudateera. Sababa kanaan namoonni miliyoonaan lakkaa’aman hojii dhaban. Sababa carraan hojiin saffisaan hir’ataa dhufeef lakkoofsi hojii dhabdummaa biyyattii haalaan dabaleera.

Dura taa'aan baankii mana qopheessa Ameerikaa Jeeroom Pool

Madda suuraa, Getty Images

Kanaafuu, murtoon mana qopheessaa kun qaala'iinsa jireenyaa mo'achuu moo diinagdee biyyattiitu balaadhaaf saaxilame?

Xiinxaltoonni hedduun qaala'iinsa jireenyaa akka sababaatti kaa'u. Qaala'iinsi jireenyaa baatii Hagayyaa keessa dhibbeentaa 2.5 gaheera.

Qondaaltonni mootummaa qaala'iinsi jireenyaa gara idileetti akka deebi'u amantaa qaban ibsanii, xiyyeeffannaan isaanii gara carraa hojii uumuutti akka deemu beeksisaniiru.

Filannoon pirezidaantummaa biyyattiis kana irratti xiyyeeffannoo argata.

Rippabilikaanonni fi Dimookiraatonni waggoota lamaaf gocha mana qopheessaa kana itti dhiyeenyaan hordofaa turan. Murteen amma kun Paartii Dimookiraatawaa aangoo irra jiruus gargaaruu mala.

Dura taa’aan mana qopheessa Ameerikaa Jeeroom Pool, baankichi murtee isaa dabarsuuf ragaa siyaasaa osoo hin taane daataa dinagdee irratti hunda'uun ta'uu irra deddeebi’anii dubbataniiru.

Dhibbeentaan 0.5 hir'achuun kun waan nama ajaa'ibu?

Eeyyee, murtoon kun namoota hedduu biratti kan hin eegamne waan ta’eef, ajaa’ibsiifannaa fi miira gaarii uumera.

Murtee kanaan dura, xiinxaltoonni carraan dhibbeentaa 0.25 fi isaa gadiin hir’isuu ni jiraata jechuun irratti wal falamaa turan.

Haa ta'u malee, haala hin eegamneen dhibbeentaa 0.5 hir'ateera. Murteen dhala hir'isuu kun liqeeffattootaaf carraa gaarii uumuun diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa gaarii akka qabaatu eegama.