Kirkirri lafaa Affaaritti namoota kuma hedduu buqqaase, mootummaan bakka biraa qubachiisuuf hojjechaa jira

Affaar bakka sababa kirkira lafaan haroon uumame

Madda suuraa, FBC

Kirkirri lafaa naannoo Affaar godina Gabbirasuu aanaa Dullachaatti mudate miidhaa geessisuun gabaafameera.

Kirkirri mudate Warshaa Sukkaaraa Kasam mancaasuu dabalatee lafti dhodhohee namoonni kuma 20 ta'an qe'eesaaniirraa buqqisuu bulchiinsi aanichaa waabeffachuun OBN gabaaseera.

Hawaasa toora sanaa iddoo biroo qubachiisuufis hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Mootummaan Itoophiyaa ogeeyyii adda addaa iddoowwan balaan kirkira lafaa itti dhagahamee fi saaxilamoo ta'anitti bobbaasuu ibseera.

Tajaajilli dhimmoota kominikeeshinii mootummaa ibsa Sambata har'aa, Amajjii 4, 2025 baase keessatti namoota iddoowwan kirkirri lafaa mudate jiraatan kuma 80'f wantoota dursa kennamuu qaban adda baasuun, jiraattonni iddoo balaa kanaaf saaxilamaa ta'erraa akka siqan fi mootummaan akka qubsiisuuf tumsa taasisaa jiraachuu ibseera.

Akka ibsa kanaatti ogeeyyiin balaa yeroo tasaa kanneen ogummaa adda addaa qaban iddoowwan kirkirri lafaa itti mudatetti ramadamuun qorannoo gaggeessuu eegalaniiru.

Bara haaraa Itoophiyaarraa eegalee kutaalee Afaar, Oromiyaa fi Amaara daangessanitti kirkirri lafaa deddeebi'ee mudataa jira.

Kirkirri lafaa kun fageenyarratti haa mudatuyyuu malee dambaliinsaa giddugala biyyaa hanga magaalaa Finfinnee qaqqabeera.

Tajaajilli kominikeeshinii mootummaa dhimma kana ilaalchisuun ibsa baaseen taateen kun suduudumaan hammaataa jiraachuu eere.

Keessattuu torbee kana keessa kirkirri lafaa mudate kan duraarra caaluu kan ibse jaarmiyaan mootummaa kun, reektar iskeelii 5.8 irra ga'uu odeeffannoo akka qabu beeksise.

Kaleessa halkan naannawa sa'aatii 9:52 irratti Awaash Fantaallee fi naanna sanatti kirkirri lafaa mudate cimaa akka ture jiraattonni naannawa sanaa ni dubbatu.

Kirkirri lafaa halkan edaa mudate kunis reektar iskeelii 5.8 ta'uu odeeffannoon jaarmiyaa America Geological Survey jedhamu irratti ba'e ni mul'isa.

Waliigala sa'atii 24 darbe keessa Itoophiyaatti kirkirri lafaa 5 caalu mudateera, kanneen keessa sadi reektar iskeelii 5 ol ta'uun barameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummaan karaa ogeeyyii damee adda addaa taatee kana hordofaa jiraachuu kan eere ibsi kun, keessattuu iddoowwan kirkirri lafaaf daran saaxilamoo ta'an adda baasuun irratti xiyyeeffachuu hima.

Mootummaan gandoota saaxilamoo ta'an 12tti ogeeyyii damee adda addaa ramaduun hamma balaa kanaa fi gargaarsa taasifamuu qabu qorachiisaa jira jedha ibsi kun.

Namoota gandoota adda baafaman kunneen keessa jiraatan kuma 80 ta'aniif wantoota dursa kennamuu qaban adda baasuun jiraattota naannawa saaxilamoo ta'an irraa siqsuun qubachiisuuf tumsaa jiraachuus ibseera tajaajilli kominikeeshinii mootummaa.

Sababa kanaan miidhaa dhaabbilee tajaajilaa, jaarmiyaalee diinagdee fi misoomaawwan bu'uuraa irra ga'uu danda'u itti dhiheenyaan hordofaa jiraachuus ibseera.

Kirkirri lafaa kun hanga yoonaatti magaalota ijoo biyyattii keessatti miidhaa guddaa hin qaqqabsiisne kan jedhe ibsi kun, ta'us lammiileen gorsa ogeeyyii hordofuun mallattoowwan akeekkachiisaaf kennaman hunda qixa sirriin hojiirra oolchuu akka qaban akeekachiiseera.

Ogeeyyiin damee kanaa keessattuu ji'oonni Fulbaanaa fi Onkoloolessa ji'a kirkirri lafaa bal'inaan keessa mudatan ta'uu ibsaniiru.

Sadaasa keessa hir'atee kan ture kirkirri lafaa kun torbee darbe ammoo bifa haaraa eegalee deddeebi'ee mudataa jira.

Kirkira lafaa hanga yoomaa mudate keessaa reektar iskeelii guddaanis kan galmaa'e torbanuma kana keessa.