Dhohinsi gaara Fantaalleetti horsiisee bultoota godaansise maali?

Madda suuraa, Fentalle Communications
Dhohinsi gaara Fantaalleerratti uumame horsiise bultoota naannichatti qubatanii turan godaansise.
"Guyyaa lamaan kana dheengaddaafii kaleessa baay'ee ulfaataadha. Gaarri Fantaallees kaleessa dhohee ciccitaa ture" jedhan jiraataan magaalaa Mataahaaraa.
Kirkirri lafaa guyyoota muraasaa as naannawa Aanaa Fantaalleefi Magaalaa Mataahaaraatti irra deddeebiin uumamaa jiru sadarkaa yaaddessaarra gahuu jiraattonni naannichaa himaniiru.
"Wanti kun hedduu nusodaachise. Yeroo yeroon irra deddeebi'ee dhagahama" kan jedhan jiraataan magaalaa Mataahaaraa Boruu Abdallaa, "Eda mana keessa hinbulle. Mana keessa sodaannee ala iddoo elektiriikiinis hinjirre iddoo bal'oo keessa afanneetuma maatii wajjin ala bulle" jechuun BBC'tti hime.
Lubbuu namaarratti miidhaan qaqqabuu baatus magaalaa Mataahaaraa keessatti dallaan jiguufi manni baqaquu kan hime Mahaammad Boruu immoo, "Kirkirri kun kan duraaniirra wanti adda isa taasisu gaarri Fantaallee ciccituu isaati" jedhe.
Dhohinsi Wiixata ALI Mudde 15, 2017 naannoo walakkeessa guyyaatti gaara Fantaalleerratti uumame kun jiraattota naannichaa kan yaaddesse akka tures himameera.
Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaas suuraa wayita dhukkeen gaaricharraa ka'u agarsiisu qoodaa turaniiru.
Jiraataan magaalaa Mataahaaraa Mahaammad Boruu, "Gaaratu citee foxxoqa. Lafti yoo kirkiru gaarri ni baqaqa; yoo lafti citu dhukkee lafaa ka'utu aara fakkaatee mul'ata" jechuun haalicha ibseera.
Horsiise bultoota godaanan
Kirkirri lafaa tibbana gaara Fantaalleerratti uumame horsiise bultoonni loonsaanii waliin akka godaanan taasisuu kan hime immoo Huseen Waaqooti.
"Gaara Fantaallee mataa gubbaadhaan lafa Lalistuu jedhamufii iddoo volkaanoon duraan hafuura itti baafachaa ture Haarawa kan jedhamutu jira. Naannoo san gaara gubbaa fi cinaa gaaraatiin dhohinsa guddaa agarsiisee jira" jedhe Huseen.
Loon maatiisaa gara iddoo Haarawa jedhamu kanatti erga godaanee ji'oota lamaa ol lakkoofsisuu kan himu Huseen Waaqoo, yeroo ammaa iddicha gadhiisanii bahuu himeera.
"Yeroo bonaa kana horiin keenya ni godaana. Godaananiis achi turan. Dheengadda karaa gara Qaxxaamurree jedhamu baay'ee dhoohe, karaan gara saniin bahu cufamee uummanni akka jiruun sodaatee kaleessa lafa Haarawa jedhamtu sana keessaa godaanuu jalqabe" jedhe.
Yeroo ammaas maatiinsaa zoonii dhoohinsichi itti uumame Yaayyaa gadi dhiisuun gara zoonii Dhagaa Hedduu jedhamutti gadi bu'uu himeera.
Yaaddoo jiraattotaa
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aanaa Fantaallee keessa gandoonni afur: Dhakaa Hedduu, Qoobboo, Haroo Qarsaa fi Dheebitii jedhaman gaara Fantaallee marsanii akka jiran kan himu jiraataan Magaalaa Mataahaaraa Mahaammad Boruu, kirkirri lafaa naannoo gaarichaatti mudachaa jiru jiraattota gandoota kunneeniif yaaddoo ta'uu hima.
Gama biraatiin dhohinsa guyyaa Wiixataa uumame akka taatee gaariitti akka ilaalu kan himu Boruu Abdallaa, "Gaara dhohe kana akka gammachuutti fudhanne" jedha.
"Gaarri dhohee erga hafuura nurraa baafatee dachiin kun nurraa dhaabbatti jennee turre" jechuunis hime.
Dabalataan "Namuu garee gareedhaan kadhannaa gochaa turre. Taatee namaan nurratti taatee miti. Garri jalaa itti baanu hinjiru. Akka Rabbi nuuf araaramu Rabbuma kadhanna jenneetuma heddu gara Rabbii fuula deebine" jedhe.
Gama biraatiin kirkirri lafaa naannichatti mul'achaa jiru erga gaara Fantaalleerratti dhoohinsi uumamee boodallee itti fufuu jiraattonni himaniiru.
Kirkira lafaa kana qorachuun hawaasaaf hubannoo uumuun akka barbaachisu kan himu jiraataan magaalaa Mataahaaraa Mahaammad Boruu, "ummanni gaara jala jiru kunillee yeroo kirkirri uumamu waan godhuu qabu osoo hubannoo argatanii" jechuuun himeera.
Gama biraatiin yaaliin BBC'n dhimmicharratti yaada bulchaa aanaa Fantaallee argachuuf taasise yeroof hin milkoofne.
Haa ta'u malee Waajjirri Komunikeeshinii Aanaa Fantaallee sagalee dhoohinsa Gaara Fantaallee irratti uumameen jiraattonni aanichaa sodaa qabaachuu ergaa fuula Feesbuukii isaarratti maxxanseen himeera.












