Naannoo Affaar keessatti sababa kirkira lafaa bishaan danfaan burquu eegale

Burqaa bishaan danfaa Affaaritti dhalate

Madda suuraa, Hassen Kamil

Naannoo Affaar aanaa Dulesaa jedhamu keessatti sababa kirkira lafaan lafa baqaqe keessaa bishaan danfaan burquu eegaluu jiraattotniifi aanga'aan aanichaa himan.

Bishaan danfaan Wiixata galgalaa eegalee burqu hammisaa dabalaa akka deeme jiraattotni himaniiru.

Torbanoota lamaan darban kirkirri lafaa irradeddeebiin kan itti dhalate godina Gabii Raasuu jedhamu keessa kan argamtu aanaa Dulesaa ganda Saangaatoo keessatti bishaan danfaa burquu kan eegale Wiixata erga kirkirri lafaa mudatee booda akka ta'e bulchaan aanichaa Obbo Alii Dastaa fi jiraattotni aanichaa lama BBCtti himaniiru.

Jiraattotni dubbifne Wiixata galgala naannoo sa'aa sadiitti kan eegale kirkirri lafaa ''yoo xiqqaate yeroo sadii'' mudateera jedhan.

Bulchaan aanichaa Obbo Aliin kirkira lafaa Dilbata drabe mudate waliin bira yoo qabamu inni Wiixataa xiqqaadha'' jedhan.

Naannoo ollaa kan ta'e Awaash Fantaalleetti kirkirri lafaa Dilbata darbe mudate reektar iskeeliin 4.9 ta'ee galmaa'eera.

Sochii isaas hanga Finfinnee fi naannolee biyyattii hedduu keessatti dhagaahameera.

Jiraattotni fi aanga'aan aanichaa kirkirri lafaa biraan Wiixatas mudachuu himanis, BBCn kirkirri lafaa dhaabbilee sochii kana hordofaniin galmaahe akka hin jire hubateera.

''Kirkirri lafaa'' mudateera kan jedhan jiraattotni ta'iin kun erga raawwatee booda halkan sa'aa 10 irratti sagalee keessummaa ta'e dhagahuu dubbatan.

Obbo Sulxaan Kamiil kan jedhaman jiraataan gandichaa, burqaan danfaan kun kan baha bakka namni jiraatutti dhiyaateeti jedhan.

''Sagalee qaba ture. Halkan sodaarra bulle. Ganama deemnee waan hunda argine'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ganama jiraattotni bakka irraa sagaleen dhufaa ture yoo imalan lafa baqaqe keessaa bishaan danfaan yoo burqu argan.

Jiraataan biraan Hasan jedhaman bishaan danfi argan akka isa qaruuraarratti godhamee danfuutti akka ta'e himan.

''Lafa keessaa dhoqqeen gurraachi ni baha. Asii ol utaala'' jechuun dubbatan.

BBC viidiyoo bulchaa aanichaarraa argaterratti bishaan dhoqqee gurraachaan makate lafa keessaa yoo ol utaalu mil'ata. Hurki lafaa bishaan danfu ni mul'ata.

Jiraattotni kunniin lafa bishaan dafee keessaa bahu jalaa sagaleen akka dhagaahamus ni himu. Hammi bishaan danfaa lafa keessa bahuufi baqaqaan uumames dabalaa jira.

Obbo Hasan baqaqan mudate dabaleer. Bishaan bahu hira'teeraa laata jedhee yeroo sadi deemee ilaaleera. inumaa dabalaa dhufuusaan arge'' jedhan.

Naannoo amma burqaan danfi dhalateetti jiraattootni yaaddoo keessa galuu himaniiru.

Bulchaan aanichaas wanti itti aanee dhalatu waan hin beekamneef jeecha namoota naannichaa harki hedduun horsiisee bulaa ta'e gara iddoo biraatti qubsiisuuf hojjeecha akka jiranis dubbatan.