Kirkirri lafaa tibbana Itoophiyaatti irra deddeebiin mudatu hangam yaaddessa?

Sababa kirkira lafaa Affaaritti bishaan danfaan burquu eegalee ture

Madda suuraa, Hassen Kamil

Ibsa waa'ee suuraa, Sababa kirkira lafaa Affaaritti bishaan danfaan burquu eegalee ture

Ji'a Fulbaanaa darbe irraa eegaluun kirkirri lafaa sadarkaa adda addaa qabu naannawa gaara Fantaallee fi Affaarittii mudachuun ta'ii irra deddeebiin gabaafamaa turedha.

Bakkeewwan kirkirri lafaa qabatamaan itti mudate kanaan alattis miirrri sochii lafaa fageenya kiiloomeetira dhibbaan lakkaa'amu irrattis Magaalota adda addaatti akka dhagahame jiraattonni ni himu.

Torbee tokkoon dura ammoo gaara Fantaallee irratti sigigni lafaa fi mallattoon dhukkee mudatee ture jiraattota naannicha jiraatanii fi magaala Matahaaraatti yaaddoo kan uume ture.

Dilbata darbe galgala dabalatee ammoo, naannichatti kirkirri lafaa kun irra deddeebiin akka mudatee fi sadarkaan kirkira lafaa tibbana mudates kan kanaan duraa irraa olka'aa akka ta'e himu, Yunvarsiitii Finfinneetti Daayireektarri Ji'oolojii, Astiroonoomii fi Qorannoo Hawaa akkasumas qorataan kirkira lafaa, Piroofeesar Ataalaay Ayala.

"Fulbaanaa fi Onkololeessa keessa jalqabee gara ji'a tokkootiif mudachaa turee, garuu gidduutti callisee ture. Torbee tokkoo asitti ammoo bifa haaraadhaan kirkirri kun mudachuurratti argama," jedhan.

Torban darbe kana keessas naannawa kanatti kirkirri lafaa kan kana duraarraa olka'aa ta'e fi reektar iskeelii 5.3 gahu mudachuus himan.

Dilbata darbe waaree boodarraa eegaluun ammoo kirkirri lafaa sochiin isaa hanga Magaala Finfinneetti dhagahamee fi kan kana duraarra dabale dafee dafee akka mudatee tures dubbatu Piroofesar Ataalaay.

Kirkirri lafaa amma irra deddeebiin mudatu kun itti fufuu akka danda'uu fi yeroo dhihoo keessatti ni dhaabbata jedhamees kan yaadamu akka hin taanes himan.

Haalli kun hangam yaaddessa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kirkira lafaa yeroo dhihoo asitti Itoophiyaatti mudachaa jiru kanaan keessumaa naannoo Affaar bakka dhiheenya kirkirri kun itti mudatetti, manneen jireenyaa irra miidhaan qaqqabuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa turan.

Piroofeesar Ataalaay garuu kirkirri lafaa mudachaa jiru kun kirkira lafaa xiqqaa fi giddugaleessa jedhamu keessatti kan ramadamu ta'uu eeruun yaaddoo hagas mara kan qabu akka hin taane himu.

"Miirri isaa fageenya irratti dhagahamuu mala. Garuu fageenya kilomeetira 50 fi isaa ol deemee miidhaa geessisa kan jedhu hin jiraatu. Baayyee rifachuu hin barbaachisu. Bakka itti mudatetti garuu miidhaa hamma ta'e geessisuu danda'a" jedhan.

Kirkira lafaa amma mudachaa jiru kana Finfinnee teenyee meeshaadhaan hordofaa jirra kan jedhan qorataan kun, qabatamaadhaan waan jiru adda baasuuf garuu bakkichatti imallee qorachuu nugaafata jedhan.

"Qaaman bakkichatti argamanii wanti ta'aa jiru maali? Miidhaan bakkichatti geessise maal fakkaata? kan jedhu qorachuu nama barbaachisa. Haala qabatamaa amma jiruun garuu wanti miidhaa cimaa geessisa jedhamee yaadamu hin jiraatu," jedhan.

Ta'iiwwan kirkira lafaa akkanaa kun biyya kana keessatti yeroo hedduu mudatee akka beekuu fi kirkirri lafaa kun humna kuufatee jiru akka amma deemaa jiru kanatti fixatee sanbooda kan dhaabbatu ta'a jedhan.

Kirkirri lafaa humna guddaa qabu yeroo adda addaatti ddunyaarratti balaa guddaa geessiseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kirkirri lafaa humna guddaa qabu yeroo adda addaatti ddunyaarratti balaa guddaa geessiseera

Miidhaan gahu garuu bakka kirkirri lafaa kuni itti mudateen kan murtaa'u akka ta'ee fi kirkirri lafaa reektar iskeelii 3 ta'eyyuu kan mudate magaala keessatti yoo ta'e miidhaa geessisuu akka danda'us himu.

Kirkirri lafaa olaanaan hanga ammaa addunyaarratti galmaa'ee jiru reektar iskeelii 9. 5 kan qabuu fi bara 1960 Chiilii keesatti mudatedha.

Itoophiyaatti kirkirri lafaa inni olaanaa mudatee fi seenaarratti galmaa'ee jiru ammoo bara 1906 naannawa gaarreen Baaleetti kan mudatee fi reektar Iskeelii 6.8 kan qabu akka ta'e himan Piroofeesar Ataalaay.