Kirkira lafaa booda Affaaritti ibiddi lafa keessaa oldanfu mul'ate

Madda suuraa, Sultan Kamil
Kirkira Lafaa tibbana irra deddeebiin mudachaa jiru hordofee Naannoo Affaaritti abiddi lafa keessaa ol danfuu jiraataan BBC'n dubbise himan.
Hurki lafa keessaa abidda tufu kuni kan mudate Godina Gabii Rasuu Aanaa Dulaasaa Ganda Sagantoo jedhamuttiidha.
Baatii muraasa darbe Gaara Fantaalleefi Naannoo Affaaritti kirkira lafaa irra deddeebiin mudatu, Finfinneettis dhagahamaa yaaddoo uumeera.
Haa ta'u malee, hanga yoonaa qabeenyarratti yoo ta'e malee lubbuu irratti miidhaan dhaqqabsiise yoo jiraate wanti gabaafame hin jiru.
Hoji gaggeessaa ganda Sagantoo Obbo Sulxaan Kamiil BBCtti akka himanitti abiddi lafa keessaa oldanfuu fi aara qabu kuni Kamisa galgala sa'aatii 11 irraa eegale.
"Kaleessa naannoo sa'aatii 11tti jalqabe. Kan danfu kuni aara abidda qabuu fi olka'iinsa guddaa qabu.
''Fagoorraa mul'ata. Sagalee guddaadhaan gara samiitti oldanfaa jira. Jimaata ganama naannoo sa'aatii afurii ammoo danfi kan biraa haaraan jalqabee jira" jedhan.
Taateen mudate kuni baay'inni isaa hangam akka ta'e BBC'n adda baafachuu hin dandeenye.
Haa ta'u malee, jiraattonni yaadda'an qe'eerraa buqqa'aa jiraachuu nami BBC'n dubbise himaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ammaan dura gandichatti kirkira lafaa hordofee bishaan danfaan lafa keessaa olbahuun ciisaa ture.
Jiraattonni yeroos BBC'n dubbise akka kaleessaa lafti kirkiree ganama bakka sagaleen dhagahamaa ture yoo imalan lafa baqaqe keessaa bishaan danfaan yoo burqu argan.
Jiraattonni kunniin lafa bishaan dafee keessaa bahu jalaa sagaleen akka dhagaahamus ni himu.
Hammi bishaan danfaa lafa keessa bahuufi baqaqaan uumames dabalaa jira.
Taateen yeroo ammaa mudate kuni abiddi lafa keessaa bahaa waan jiruuf jiraattota naannichaa irratti yaaddoo fi rifaatuu guddaa akka uumes himan.
"Abiddatu lafa keessaa bahaa jira. Fageenyarraan suura kaase. Itti siquun hin danda'amu.
''Bakki waan kuni mudate bakka hawaasni jiraatu. Uummanni amma rifaatuu guddaadhaan bakkicha gadhiisanii deemaa jiru" jedhan.
Jimaata darberraa kaasee kirikira lafaa cimaatu naannichatti mudataa jiraachufi kanarraaa kan ka'e yaaddoo keessaa galuu dubbatu.
"Halkan edaa rafnee hin bulle. Bakka sanaa aara cimaa baha. Ani haalalarraan viidiyoo waraabe.
Aara gurraacha wayita balfi guban fakkaatu baasa. Sagalee dhageessissus ni qaba. Aarrisa ol dheerata," jedhan.
Hawaasni naannichaa bakka bu'uuraalee misoomaa akka fayyaa fa'aa argaturraa bakka kana dhiisanii amma baqataniiru.
Hanga ammaattis namootni 600 ta'an bakkicha gadhiisanii bahuus himan hoji gaggeessaan gandichaa kuni.
Kirkira irra deddeebi'e
Ji'a Fulbaanaa darbe irraa eegaluun kirkirri lafaa sadarkaa adda addaa qabu naannawa Gaara Fantaallee fi Affaaritti irra deddeebiin mudataa jira.
Miirri lafi bakkeewwan kanatti kirkiru immoo magaalaa guddoo Itoophiyaatti dabalatee akka dhagahamu jiraattoti dubbataa turan.
Torban lama dura ammoo Gaara Fantaallee irratti sigigni lafaa fi mallattoon dhukkee mudate jiraattota naannichaa fi magaala Matahaaraatti yaaddoo kan uume ture.

Madda suuraa, Fentalle Communications
Yunvarsiitii Finfinneetti Daayireektarri Ji'oolojii, Astiroonoomii fi Qorannoo Hawaa akkasumas qorataan kirkira lafaa, kan ta'an Pirof. Ataalaay Ayyala hordofaa jiru.
Torban dura haala ture BBC'tti yeroo dubbatan "Fulbaanaa fi Onkololeessa keessa jalqabee gara ji'a tokkootiif mudachaa turee, garuu gidduutti callisee ture.
''Torbee tokkoo asitti ammoo bifa haaraadhaan kirkirri kun mudachuurratti argama," jedhan.
Kirkirri lafaa amma irra deddeebiin mudatu kun itti fufuu akka danda'uu fi yeroo dhihoo keessatti ni dhaabbata jedhamees kan yaadamu akka hin taanes himan.
Kirkira lafaa yeroo dhihoo asitti Itoophiyaatti mudachaa jiru kanaan keessumaa Affaaritti manneen jireenyaa irra miidhaan qaqqabuu gabaafameera.
Pirof. Attaalaay garuu kirkirri lafaa mudachaa jiru kun kirkira lafaa xiqqaa fi giddugaleessa jedhamu keessatti kan ramadamu ta'uu eeruun yaaddoo hagas mara kan qabu akka hin taane himu.
Lafti maaliif kirkira?
Akka NASA Science jedhutti, kirkirri lafaa raafama (sochii) kirkira guddaa lafa jalatti uumamudha.
Kirkirri kun lafa jalatti ta'ee gara irra keessaatti sochiiwwan dhalataniidha.
Yeroo lafa jalatti rakkoon tokko uumamee akka tasaa sigigaachuun dhalatu kirkira lafaa uumuu danda'a.
Saa'inaawwan Tektoonikii lafa jalatti yeroo hunda suuta jedhanii socho'u, garuu fiixeen isaanii yeroo walitti bu'u rigataaf sababa ta'a.
Rigata uumame dandamachuuf wantoonni ta'an ammoo muddama lafa jalatti dhalchuun kirkirri lafaa uumama.
Danbaliin sababa muddama lafa jalaa kanaan uumamu ammoo humna yeroo gadhiisanitti kirkira nutti dhaga'amu kana qaqqabsiisa.
--------------------------------------------------
Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.
BBC Afaan Oromoo Facebook akkasumas Chaanaalii WhatsApp irratti hordofaa.












