Waraanni Addunyaa 3ffaa ka'uu akka malu Yukireen akeekkachiifte

Loltuu dhukaasaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Yukireen waraana Raashiyaa wajjin itti jirtu kana ni mo'amti taanan "Waraanni Addunyaa 3ffaan" waan hin oolledha jedhan Ministeerri Muummen Yukireen Deeniys Shimaayhal.

Kanaaf ammoo kongiresiin Ameerikaa deeggarsa Yukireenif jedhamee hanga ammaa hin raggaane akka raggaasisuuf waamicha godhan.

Hanqina meeshaalee waraanaa ishee mudate akka guuttattuuf deeggarsi dolaara biliyeena 61 akka kennamuuf pirezidaant Joo Baayidan gaafatanis kongiresiin US hanga ammaa hin raggaasisin jira.

Deeggarsa Yukireenif qophaa'e kanarratti Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa US Sambata dhufu kana sagalee kennuuf jira.

Ministeerri Muummee Yukireen Deeniys: "Maallaqa kana kaleessa barbaanna turre, har'a, boris miti," jechuun deeggarsi hatattamaa akka biyyasaanii barbaachisu BBCtti himan.

"Yoo hin ittisnu ta'e, Yukireen [harka Raashiyaatti] kufti, kanaaf sirni nageenya addunyaa ni kufa...addunyaan martuu mala nageenyaa haaraa soquu qaba.

"Kuni yoo hin taane, waraana heddutu gaggeeffama, waraanakana fakkaatu heddu. Dhumarratti, Waraana Addunyaa 3ffaatti geessa," ministeerri muummee Yukireen kun.

Waraana Raashiyaa waliin gaggeessituun yoo injifatamte rakkoon addunyaatti dhufuu akka malu Yukireen akeekkachiisunshee kun kan jalqabaa miti.

Bara darbe, Pirezidaantin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin Raashiyaan waraana kana yoo injifatte, ittaansun Pooland weeraruun Waraanni Addunyaa 3ffaan ni ka'a jedhanii ture.

Qondaalonni siyaasaa Kirimiliin garuu kun sodaachisa biyyoota lixaati jechuun itti qoosaa turan. Raashiyaan guyyaa tokko boyyooya baha Awurooppaa weeraruu dandeessi oduun jedhu "oduu hundee hin qabneedha" jechuun ji'a tokko dura Pirezidaant Vilaadmir Puutin dubbatanii ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Raashiyaan biyya miseensa NATO taate takkaa haleeltee hin beektu. Seera NATO keessatti haleellan biyya tokorratti raawwate, haleellaa biyyoota miseensa NATO hundarratti akka raawwatetti fudhatama.

Ministeerri Muummee Yukireen piroppaagaandaan Raashiyaa US dabalatee Gamtaa Awurooppaa keessattis dhiibbaa fiduu dubbatan.

Deeggarsi meeshaa waraanaf oolu Yukireenif akka hin kennamneef miseensonni paartii Rippaabilikaanii ji'oota hedduuf danqanii jiru.

Miseensonni paartii Rippaabilikaanii tokko tokko deeggarsi Yukireenif godhamu kan ragga'u fandiin ijaarsa daangaa Meeksikoo kan godaantonni Laatin Ameerikaarraa akka US hin seenne dhorku ragga'uu qaba jedhanii falmu.

Kongireesin biyyattii yoo raggaasise deeggarsa Yukireenif jedhame kana mallatteessun hatattamaan Yukireen akka qaqqabu gochuuf Baayidan waadaa seenaniiru.

Raashiyaa biyya guddoofi humna waraanaa cimaa qabdu loluuf Yukireen deeggarsa meeshaalee waraanaa USfi biyyoota lixaa irraa kennamuuf irratti hundoofti.

Maallqani deeggarsa meeshaalee waraanaf oolu ji'ootaf osoo hin ragga'in turuunsaa Yukireen irratti dhiibbaa fiduu erga eegalee bubuleera.

Diree lolaa irratti humna namaan caalamuufi hanqina meeshaalee waraanaa irraa kan ka'e duubatti baqataa jirti. Hamileen loltootashees gadi bu'aa jira.

Danqaa kongireesin uumen Yukireenif deeggarsa meeshaalee waraanaa gochuu akka hin dandeenye himan Joo Baayidan.

Looltoonni Yukireen ji'a Guraandhalaa keessa magaala Avdiivkaa keessaa bahuunsaanii mo'amuu guddaa ture.

Ajajaa duraanii Humna Waraanaa UK kan ta'an Sar Riiichard Baarons deeggarsa meeshaalee waraanaa isheef barbaachisu hin kennamuuf yoo ta'e Yukireen bara kana injifatamuu akka dandeessu dhiyeenya kana dubbatanii turan.

"Raashiyaan adda waraanatti baay'ina humna namaa qabduufi artilarii fayyadamuun waan hundumaa daaraa gochaa jirti.

"Yukireen waraana kana mo'achuu akka hin dandeenye itti dhagahamuu danda'a. Sadarkaa sanarra gaafa geessu namoonni maalif loluufi du'uu barbaadu?," jedhu.

Raashiyaafi Yukireen lamaan isaanituu miidhamni guddaan irra gaheera. Bara 2022 irraa kaasee loltoonni Yukireen 31,000 du'uu Pirezidaant Zeleniskiin ibsanii turan.

Qondaalonni US garuu loltoonni Yukireen 70,000 ta'an du'aniiru ykn miidhan qaamaa irra gaheera jedhanii amanu.

Gama Raashiyaan ammoo loltoonni 50,000 jalaa du'uu BBCn qorannoon mirkaneessera.