Daa'imni ganna 6 haleellaa farra-Musliimaan ajjeefamuu poolisiin hime

Madda suuraa, CAIR/HANDOUT VIA REUTERS
Namichi namoota lama sababii Islaama ta’aniif haaduudhaan waraane, yakka ajjeechaafi jibbaan himatame.
Maanguddoon umuriin waggaa 71 fi Jooseef Kuubaa jedhaman, ajjeechaa mucaa waggaa jahaafi dubartii waggaa 32 taateerraa miidhaa qaqqabsiisuun himatamaniiru.
Miidhamtoonni kunneen sababii lola Hamaasiifi Israa’el jidduutti gaggeeffamaa jiruun irratti xiyyeeffatamuu qondaalli poolisii beeksiseera.
Pirezidant Baayidan gamasaaniitiin, haleellaa haadhaafi ilmashee kan lammii Filisxeem-Ameerikaa ta’an irra qaqqabeen ‘‘dhukkubsachuu’’ dubbatan.
‘‘Gochaa suukanneessaan jibbaa akkasii Ameerikaa keessatti eddoo hin qabu. Faallaa duudhaa keenyaa: bilisummaa attamiin akka kadhannu, waan amannuu fi eenyu akka taaneeti,’’ jedhan Baayidan ibsa isaaniitiin.
"Akka Ameerikaanotaatti, walitti dhufnee jibba Islaamaa, fi jibba bifa kamiituu mormuu qabna.’’
Shakkamaan Obbo Zuubaa yakka ajjeechaa sadarkaa tokkoffaa fi yaalii ajjeechaa, yakka jibbaatiin himataman.
Waajjirri Poolisii Kaawuntii Wiil Dilbata ibsa baaseen, ganama Sambataa dubartii dhiheenya Chikaagoo Pileenfild irraa nama mana kireesseetiin miidhaan irra qaqqabuu bilbiluu hime.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubartittiinis ‘‘kutaa qaamni itti dhiqatamu keessatti baqachuun ammalleen nama miidhaa irraan gaheen wal lolaa jiraachuu himte.
Qondaaltoonni bakkicha wayita qaqqabanittis dubartittiifi mucaanshee ‘‘qaamasaaniirra bakka garaa garaa waraanamii ture,’’ jedhan.
Miidhamtoonni lamaanuu gara hospitaalaatti geeffamanis, mucichi du’eera. Daa'imni kun yeroo 26 akka waraaname booda barame.
‘‘Haaduun haleellaa kanaaf oolee sm 31 kan dheeratuu fi kan akka haaduu loltootaa qara torba qabu fakkaata,’’ jedhe qondaalli poolisii.
Dubartiin baayyee miidhamte ammoo, lubbuun ni oolti jedhamee eegamti. Shakkamaan Obbo Zuubaan, ‘‘mana jireenyaa fuuldura daandii konkolaataa bira lafarra taa’ee argame’’ jechuun ibseera.
Qorattootaan gaafatamuun dura mana yaalaatti geeffamuu himame.
Waajirri poolisii itti dabaluudhaan, ‘‘namoonni miidhaaa sukkanneessaa kanaan hubaman lamaanu Islaama ta’uusaaniifi sababii lola Israa’eliifi Hamaas jidduutti gaggeeffamaa jiruutti kan irratti xiyyeeffatame ta’uu bira gahameera,’’ jedheera.
Haata’u malee, poolisiin maqaa miidhamtootaa ifa hin goone ture.

Madda suuraa, WILL COUNTY SHERIFF'S OFFICE
Garuu ammoo guyyaa Dilbataa Wajjirri Mana maree Qunnamtii Ameerikaa- Islaamummaa (CAIR-Chicago) ibsa kenneen, kan ajjeeffame mucaa maqaan Wadea al-Fayoume fi haatiisaa Haanaan Shaahin jechuun himeera.
Itti dabaluunis mucaan kunis kan dhalate Ameerikaatti yoo ta’u, haatiisaa Weest Baank irraa waggaa 12 dura dhufte jedheera.
Shakkamaan ajjeechaa Jooseef Zuubaan, amma mana murtiitti dhiyaachuuf eeggataa jiraachuun himame.
Mucaa ol adeemaan ajjeeffame kun torbanootaan dura ture guyyaa dhalootasaa kan kabaje.
"Maatiisaafi hiriyootasaa jaalata. Kubbaa miilaas ni jaalata ture.
‘‘Amma Ameerikaatti argaa kan jirru, bu’aa hoggansa ittigaafatamummaa hir’ate, ibsa gam-tokkoo fi haguuggii miidiyaa amma argaa jirruu akkasumas qondaaltoota filatamaniiti, mucaan kun amma haarsaa baase,’’ jedhan.
‘‘Dogongorri akka bara 9/11 akka irra hin deebi’amne akeekkachiifnas’’ jedhe Obboo Reehaab.
Itti dabalunis, bara 2021’tti US keessatti kan miidhaman namoota nagaa miseensa hawaasaa tokkoo qofa turan jechuun kaasan.
Erga Hamaas Israa’el keessatti torbaniin dura haleellaa raawwateen booda, Israa’elitti namoonni 1,400 ol yoo ajjeeffaman, haleellaa qilleensaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwattuun ammoo namoonni 2,450 ta’an ajjeeffamuu, kanneen 1,000 ta’an jijjigaa jalatti dhokachuu aanga’oonni Filisxeem beeksisan.












