Raashiyaan Burkina Faasootti dhaabbata nikularaa ijaaruuf

Madda suuraa, AFP
Dursitoonni waraana Burkinaa Faasoo dhiyeessii elektirikii dabaluudhaaf anniisaa nikularaa ijaaaruuf Raashiyaa waliin waliigaltee mallatteessaniiru.
Humni waraanaa biyyattii erga biyyoota warra lixaa hedduu waliin waldhabeen booda Raashiyaa waliin michummaa cimsateera.
Gareen waraanaa kuni erga bara darbe aangoo qabateen booda deeggarsa diinagdeefi waraanaatiif Raashiyaatti fuula garagalfate.
Burkinaa Faasoon biyya addunyaarratti dhiyeessii ibsaa xiqqaa qaban keessaa tokko yoo taatu, ummata biyyattii keessaa %21 qofatu ibsaa argata.
Waliigaltee haaraa Raashiyaa waliin taasifame, dursaan waraana Burkina Faasoo, Kaappiteen Ibiraahim Tiraa’oree, baatii Adooleessa keessa yaa’ii dureewwan Afrikaa Mooskootti taa’ameerratti marii pirezidantii Raashiyaa Puutiin waliin taasisan kan hojiirra oolcheedha.
Kaappiteen Ibiraahim Tiraa’oreen, Pirezidanti Puutiin Burkinaa Faasoo keessatti akka dhaabbata anniisaa nikularaa dhaabuun gargaaraniif gaafatani.
Kunis biyyattii fi kanneen ollaatti argaman fedhii anniisaasaanii akka guutuu dubbatan.
Yeroo sanattis, ‘‘Nuti fedhii anniisaa olaanaa qabna, kun anaaf dhimma baay'ee barbaachisaadha. Sababiinsaa yoo danda’ame Burkina Faasootti buufata anniisaa nikulaaraarraa elektirikii maddisiisuu dhaabuun barbaada,’’ jechuutu gabaafame.
"Nuti walakkaa Afrikaa lixaa bakka hir’inni anniisaa jiruutti ejjannoon keenya sirumaa tarsimowaadha,’’ jedhan.
Waliigalteen kunis qaama kaayyoo Burkinaa Faasoo bara 2030'tti naannolee magaalaatti %95 fi naannoo baadiyaatti %50 ibsaa argamsiisuuf qabameeti.
Humni annisaa Burkinaa Faasoon irra caalaa kan argattuu baayofiyulii kan cileefi mukarra jiran irraa yoo ta’u, oomishni boba’aas dhiheessii anniisaa waliigalaa keessaa harka tokko sadii haguuga jedha Eejansiin Inarjii Idil-addunyaa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka eejansii misooma Ameerikaa USAID’tti, Burkinaa Faasoon Afrikaa keessaa biyya baasii elektirikaa olaanaa qaban keessaa tokko.
Afrikaan Kibbaa biyya Afrikaa anniisaa nikularaa gurgurtaaf oomishtu yoo taatu, garuu ammo ardicha keessatti biyyoonni baay'een gara sanatti socho’aa jiru.
Raashiyaan waliigaltee Pirezidantii Abdal Fattaah al-Sisii fi Pirezidanti Puutiin jidduutti bara 2017 mallattaa’een baasii dolaara biiliyoona 30 dhaabbata anniisaa nikularaa ijaaruuf Masrii gargaaraa jirti.
Akkasumas baruma wal fakkaatu keessa dhaabbata anniisaa kana ijaaruudhaaf Raashiyaan Naayijeeriyaa waliiniis waliigaltee mallatteessitee kan turte yoo ta’u, garuu piroojaktichi hin eegalle.
Akkasumas Keeniyaanis dhaabbata anniisaa nikulaaraa jalqabaa bara 2027 ijaaruuf kan ibsite yoo ta’u, garuu ammo ganaa sharikoota idil-addunyaa irratti murtaa’u qabaata.
Fulbaana waggaa darbe Ruwaandaan bara 2028'tti dhaabbata anniisaa nikularaa ijaaruudhaaf kaampaanii Kaanaadaa-Jarmanii Dual Fluid Energy jedhamu filachuu beeksisteetti.
Mootummaan Ruwaandaas dhaabbatichi fedhii anniisaa jidduugala Afrikaa guutuudhaaf akkasumas jijjiirama qilleensaatiif ‘‘dandamannaa qabaachuuf’’ akka gargaaru dubbatan.
Baroota dhihoo keessa biyyoota Sahaaraa gadii keessatti dhiyeessiin anniisaa dabaleera jedhamulleen, ummanni naannichaa %50 ta’an ammalleen humna elektirikii akka hin arganne dhaabbati UN dhimma daldalarratti dalagu - UNCTAD ibseera.












