Lola Israa'eliifi Hamaasiin 'namummaan dursuu qaba' - Saalah

Jifataan Liivarpuuliifi Masrii, Mohaammad Saalah, walitti bu'iinsa Israa’eliifi Gaazaa ittifufeen ''hooggantoonni addunyaa walitti dhufuun lammiileen nagaa kana caalaa akka hin galaafatamneef akka ittisan'' dhaame.

Aangawoonni fayyaa akka jedhanitti, dho’insa Kibxata galgala hospitaala magaalaa Gaazaa namni hedduu keessa turetti dhaqqabeen dhibbaan kan lakkaa’aman du’aniiru.

Taphataan ganna 31 kuni deeggarsi namoomaa gara Gaazaatti erguun ‘’atattamaan’’ eeyyamamuu qaba jedhe.

‘’Hookkaraafi hojiin hamaa bal’inaan raawwatuu,’’ taphataan Liivarpuuli kuni hime.

Aangawoonni Filisxeem dho’insi Hospitaala Al-Ahlii haleellaa qilleensaa Israa’eliin raawwate jedhan.

Waraanni Israa’el immoo rokkeetii garee Islaamik Jihaad fashaleetu kana fide jechuun himate. Himannaa kana gareen Gaazaafi biyyoota kaan keessa sosso’u kuni waakkateera.

Haleellaa hidhattooti Hamaas kan Gaazaa bulchan daangaa Israa’el ce’uun raawwataniin namoonni 1,400 lubbuu dhabaniiru.

Israa’el kana haaloo bahuuf xiyyaara waraanaafi meeshaalee jajjaboon Gaazaatti haleellaa raawwatteen namoonni 3,000 ol ajjeefamaniiru.

Saalah waan hospitaalicha keessa raawwate ‘’suukaneessaadha’’ jechuun ibse.

‘’Ummanni Gaazaa atattamaan soorata, bishaaniifi dhiheessi meeshaalee wal’aansaa barbaadu, ‘’ jechuun viidiyoo X [kan duraan Tiwiitara jedhamu] gubbaa gadhiiseen hime.

‘’Lubbuun hunduu safeeffatamuufi kunuunfamuu qaba. Ajjeechaan jumlaa dhaabbachuu qaba. Maatiin adda faca’aa jiru.

‘’Hoggantoonni addunyaa walitti dhufuun lammiileen nagaa kana caalaa akka hin galaafatamneef ittisuu qabu.

‘’Namummaaf dursi kennamuu qaba.’’

Federeeshiniin kubbaa miilaa Aljeeriyaa ‘’michummaa ummata Filisxeem waliin qabu’’ ibsuuf taphootaafi dorgoommiiwwan mara yeroof dhaabuu ibseera.

Kana dura gaaffii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Filisxeemirraa dhihaate hordofee tapha garichi qabu biyya isaaniitti akka taphatan Aljeeriyaan eeyyamteetti.