Dhimmoonni ijoon Filisxeem fi Israa'el walitti buusan maal fa'i?

Haleellaan gareen hidhattoota Filisxeem- Hamaas Sambata darbe gaafa Onkoloolessa 07, 2023 Israa'el irratti raawwate akkaataa ulfaatina (scale) fi jeequmsa isaan yoo ilaalame kan kanaan dura turerraa baayyee adda.

Haleellaa akeekkachiisa yookiin mallattoo tokko malee tasa dagachiisuun mudateedha.

Garuu qoccolloo waggoota kurna hedduuf Israa'el fi Filisxeem gidduu turetu kana fide.

Hamaas waan haleellaa kana raawwateef sababoota hedduu eera. Mee afran isaanii haa ilaallu.

Dhimma Gaazaa

Ulaan Gaazaa (Gaza Strip) dheerina kiilomeetira 41 fi bal'ina kiilomeetira 10 kan qabuu fi Israa'el, Masrii fi Galaana Meeditiraaniyaanii gidduutti kan argamuudha.

Addunyaarratti bakka uummanni walitti heddummaatee keessa jiraatu keessaa tokko kan ta'e bakki kun uummata miiliyoona 2.3 qaba.

Daangaa Filisxeem karaa West Baanki fi Baha Jerusaalam irraa bakka hundaa'edha.

Akka ragaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti uummanni Gaazaa dhibbeentaa 80 kan ta'an deeggarsa idiladdunyaan jiraatu, inumaa miiliyoona tokko kan ta'an ammoo soorata guyyuu deeggarsaan argataniin jiraatu.

Haalli kun jireenyi naannawa kanaa hammaataa ta'uu agarsiisa.

Ragaan UN akka mul'isutti bara 2021 keessa uummanni gaazaa guyyaatti sa'atii 13 qofa ibsaa argataa turan.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa (WHO) namni tokko guyyaatti bishaan dhugaatii, dhiqannaa fi nyaata ittiin bilcheeffatu yoo xiqqaate liitira 100 argachuu qaba.

Uummanni Gaazaa giddugaleessaan liitira 88 qofa argatu.

Israa'el qilleensaa fi qarqara galaanaa Gaazaa abboomuun meeshaalee fi namoota ba'anii fi seenan daangaarratti to'atti.

Masriinis karaa daangaashee namoota seenanii fi ba'an to'atti. Kun nageenya biyyasaaniif murteessaa ta'uu amanu.

Amma Israa'el haleellaa Sambata darbee haaloo ba'aa jirti. Gaazaa guutummaatti of harka galchuuf duula labsiteetti. Nyaati, bishaan fi boba'aan akka hin seenne goote.

Biyyoonni kaan itti marsanii olaantummaa irratti argachuuf walqoccolanis, keessaan garuu Gaazaan bara 2007 irraa kaasee Hamaas jalatti bulaa jira.

Bara 2014 Israa'el erga Hamaas waliin walitti bu'iinsa keessa seentee booda, akka warri Hamaas haleellaa hamaa qilleensarraan hin raawwannee fi lafoodhaanis lo'anii hin seenne gochuuf Gaazaa nannessitee daangessite.

Daangaan Israa'el keesse kun lafa jireenyaa fi qonnaa uummatatti dhiphise.

Masjiida al-Aqsaa

Baha Jerusaalamitti kan argamu Masjiidi al-Aqsaa dhimmoota Israa'el fi Filisxeem walitti buusan keessaa isa hangafaati.

Bakka olka'aa irratti kan argamu Masjiidi kun amantii Islaamaa keessatti iddoo eebbifamaa isa sadaffaadha, warra Israa'el birattis iddoo qulqulluu (Temple Mount) jedhamuun beekama.

Wayita halleellaan raawwate sagaleen waraabame keessatti dursaan damee waraanaa (al-Qassam Brigade) Hamaas Mohammad al-Da'iif, tarkaanfiin kun haleellaa guyyuu Masjiida al-Aqsaa irra ga'u haaloo ba'uuf akka fudhatame dubbate.

''Warri Israa'el guyyuu haleellaa raawwatu. Mooraa Masjiida al-Aqsaa keessatti Nabiyyii keenya arrabsu,'' jedhe.

Dhiheenya kanammoo leellistoonni amantii Israa'el mooraa kana daawwachuu heddummeessan, haalli kun warra Filisxeem guddoo yaaddesse.

Mooraa kana keessatti walitti bu'iinsi amantoota Filisxeem fi humnoota nageenyaa Israa'el gidduutti guyyuu mudata.

Ebla darbe poolisoonni Israa'el sirna amantii mooraa kana keessatti gaggeeffamu dura dhaabbachuuf boombii fi meeshaa waraanaa qabatanii weeraranii turan.

Bara 2021 sababa weerara akkanaan guyyaa 11f lolli Israa'el fi Hamaas gidduutti gaggeeffame.

Qondaalli gameessi Hamaas kan Libaanon keessa jiru Osaamaa Hamdan BBC Global News Podcastitti akka himetti fedhii fi dantaa mootummaan Israa'el iddoo kanarraa qabuun yaaddoo guddaa qabu.

Jijjiiramni naannoo kanatti mudannaan balaatu uumama, kanarratti obsuun hin danda'amu jedhanii amanu warri Filisxeem.

Aanga'oonni Israa'el ammoo fulaa kanatti walabummaa amantootaa mirkaneessuuf kutannoo akka qabu ibsa.

Qubsuma warra Yihuudotaa

Waraana 1967 booda Israa'el wayita lafa hedduu qabattu lakkoofsi qubattoota Yihuudotaa keessattuu West Baanki keessatti akkaan dabaluu eegale.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti bara 2022 lakkoofsi Yihuudota bakkeewwan Israa'el qabatte keessa jiraatanii kuma 700 ta'a.

UN fi biyyoonni addunyaa hedduun qubsumni kun akkaataa seera idiladdunyaan seeraan ala ta'uu ibsu, mootummaan Israa'el ammoo kana hin fudhatu.

Bara kana haleellaan finxaaleyyii qubattoota Israa'eliin West Baanki keessatti lammiilee nagaa Filisxeem irra ga'u akkaan dabaleera.

Ji'a tokkotti haleellaawwan 100 ol ta'anfaatu raawwatamaa turan jedhe UN.

Sababa kanaan jalqaba bara 2022 irraa eegalee namoonni 400 caalan qe'eesaaniirraa dhiibamuu akka hin hafnes ibse.

Qondaalli Hamaas Osaamaa Hamdan sodaan Filisxeem ''guyyaa tokko Israa'el dhiibdee West Baank keessaa lammiilee Filisxeem xaragdee baasti kan jedhuudha,'' jedhe.

Hariiroo Israa'el fi Arabootaa

Israa'el biyyoota Arabaa keessaa biyya lama qofaan walitti dhufti- Masrii fi Jordaan.

Kunis bu'uura waliigaltee bara 1979 fi 1994 mallattaa'een ta'uusaati.

Yeroo dhihoo as ammoo hariiroo akkanaa UAE waliinis waan uumaa jirtu fakkaatti.

Fulbaana darbe kana Ilmi Mootii Sa'uudii Arabiyaa Mohammad bin Salmaan miidiyaa US Fox News jedhamutti akka dubbatanitti, ''biyyisaanii hariiroo Israa'el waliin qaban wayyeessuuf,'' tarkaanfii mishaarra jiraachuu ibsan.

Sa'uudiin ammoo dhimma walitti dhufeenya Arabootaa fi Israa'el ilaalchisee jijjiiramni uumamuu kamiyyuu akkaataa birmadummaa biyya Filisxeem mirkaneessuun ta'uu qaba jetti.

Hamaas ammoo kanayyuu ni morma. Kun Israa'eliif hojii waan salphisuuf Filisxeem irratti dhiibbaa dabala jedhe.

Onkoloolessa 07, 2023 guyyaa Hamaas Israa'el rukute hoogganaan garee kanaa Ismaa'il Haniyeeh akkas jechuun biyyoota Arabaa akeekkachiise.

''Waliigalteen garee Israa'el waliin taasifamu kamuu waraana kanaaf furmaata hin ta'u.''