Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamaas attamiin haleellaa balaqqee ni raawwatama jedhamee hin yaadamne raawwachuu danda’e?
Wayita haleellichi eegalutti lammiileen Israa’el irra caalaan rafanii ture. Guyyaan Sambataa guyyaa boqonnaa Ayihudootaafi guyyaa ayyaana qulqulluutis.
Guyyaa kanattis maatiin mana keessatti ykn bakka walitti qabamaniitti waliin kadhannaa taasisuun dabarsu.
Hiriyyoonnis guyyaa kana wal arguun bashannanu.
Haata’u malee ganama isaa dhukaasa rookkeetiin eegale. Haleellaan bal'aafi qindaa’aan akkasii ni raawwatama jedhee kan yaade humtuu hin turre.
Israa’el waggootaafi daangaa isheefi Filisxeemoota jidduu cimaa kan turte ta’ulleen, haleellaa sa’aatiiwwan keessatti raawwatame kanaan hanqiina akka qabu saaxilameera.
BBCnis waraabbii viidiyoo attamiin Hamaas haleellaa qindaa’aafi wal xaxaa kanaa Gaazaa irraa akka itti raawwachuu danda’ee agarsiisan, kan namoota nagaafi hidhattootaan waraabame xinxaleera.
Mallattoo jalqabbii haleellaa rookkeettii
Rookkeettii dhokaasuu kan eegalan akka lakkoofsa sa’aatii naannichaatti gamana naannoo 12:30 irratti ture.
Gaazaa bulchaa kan jiruufi UK fi biyyoota kaaniin shororkeessaa jedhamuun kan farrajamee dhaabbanni hidhattoota Islaamaa Hamaas tarsiimoo kana irra deddebiin fayyadameera.
Rookkeettiiwwan jalqabarratti dhukaafamanis sirna ittisa misaa’eelaa hammayyaa’oo bira qaxxaamuruuf baayyee yaalaniiru.
Ta’us hidhattoonni Hamaas sirna kana mudduudhaan yeroo gabaabaa keessatti rookkeetiiwwan kumaatamaan lakkaa’aman dhokaasaniiru.
Kunis kan baatiiwwaniif itti yaadameefi karoorfame ta’uu kan agarsiisuudha.
Hamaas marsaa jalqabaatti rookkeetiiwwan kuma shan dhokaasuu ibseera.
Israa’el garuu baayyinni rookkeettii itti dhokaafamee wallakkaa kanaati jette.
Haleellaa walxaxaafi qindaa’aa Hamaas raawwatee kana raawwachuun kan of eeggannoon guutameefi qophii taasisuu kan barbaachisu ta’uun ni amanama.
Kanaafuu, funyaan Tikaa fi raayyaa ittisa Israael jala taa’uun rookkeettiiwwan kumaatama dhokaafaman sochoosuufi kuusuuf gama Hamaasiin ergama nageenyaa of eeggannoo cimaa gaafatu ture.
Haleellaan kunis haleellaa Yoom Kiippuur wagga 50 dura Israa‘el irratti raawwatameen guyyaa wal fakkaatu irratti attamiin raawwatamu danda’e jechuun miidiyaaleen Israa’el waraanni biyyattiifi dureewwan siyaasaa deebii akka kennaniif gaafataa jiru.
Sambata ganama akeekkachiistuun haleellaa qilleensaa Teel Aviiv kan Gaazaa irraa fageenya kiilomeetira 60 irratti argamturraa dhagahamuu kan eegale yoo ta’u, magaaloota haleellaan keessatti raawwatme keessaas aarri yoo bahu argameera.
Haleellaan rookkeettii cimee wayita itti fufetti, loltoonnis dallaa Gaazaa cimaa cabsanii seenuudhaaf walitti qabamanii eeggataa turan.
Israa’eel jiraattota ishee bara 2005 keessa Gaazaa keessaa baaftulleen, naannoo qilleensaa, daangaa waloofi qarqara galaanaa isheetu to’ata.
Naannoolee sanattis eegumsa waraanaa idilee ni gaggeessiti. Kanaan alattis, kaameeraafi seensaroota neetiworkiidhaan weerara ittisan keessee jirti.
Haata’u malee sa’aatiiwwan keessatti dallaa cimaan kun irra deebiin cabeera.
Hamaas attamiin dallaa cabsee galuu danda’e?
Loltoonni Hamaas tokko tokkoo gutummaatti dallaa cabsanii seenuuf yaalaa turan. Waraabbiin viidiyoo BBCn hin mirkanneessine tokko akka agariiseetti, yoo xinnaate loltoonni torba ta’an meeshaa akka paaraashuutii fakkaatuun dallaarraan bolala’uun akkasumas bidiruudhaan galaana qaxxaamuruun seenaniiru.
Humni raayyaa ittisaa Israa’el Hamaas daangaa galaanaarratti dooniiwwan dhaabuudhaan gara Israa’el seenuudhaaf yaaliin yeroo lama taasise akka fashaleessee ibseera.
Ta’us haleellaa ammaa kan adda taasisuu ammo haleellaawwan kallattii hedduu qondaa’oo eddoowwan qaxxaamura daangaa irratti raawwatamanniidha.
Gamana naannii 11:50tti toorri Telegraamii damee hidhattoota hamaas waliin hidhata qabu irratti, fakkii jalqabaa waan lafa jiru mul’isuufi Keeram Shaaloomii kaafame qoodamee ture. Naannoon kunis kan daangaa Gaazaa gara kibbaatti argamuudha.
Fakkiicha irrattis hidhattoonni yoo fiiganiifi reeffi loltoota Israa’el dhiigaan makame rafarratti kufee mul’ateera.
Fakkiin gara biraa ammo mootarri tokkoon tokkosaanii yoo xinnaate hidhattoota lama baatanii turan qaawwa daangaa sararaan dalleeffame irraatiin yoo darban mul’iseera.
Kallattii eegumsa baayyee hin qabneen, dallaa sararaan dalleeffame buldozariin yoo diigamu argameera.
Namoonni hidhannoo kan hin qabne fakkaatan hedduun achitti walitti qabamanii kan ture yoo ta’u, muraasni isaaniis karaa banameen darbuun fiigaa turan.
Hamaas Kaaba gaazaatiin Eraz kan Keeram Shaaloom irraa kiilomeetira 43.4 irratti argamuun seensa gara biraa saaqee ture.
Mootaroonni hidattoota baatanii turan yoo xinnaate shan ta’anis qaawwa karaa dallaa sararaatiin banameen yoo darban argamaniiru.
Waraabbiin kunis miidiyaalee holoola garee hidhattootaa irratti qoodameera.
Waraabbii kanarrattis dallaa simintoon ijaarameerratti dhohiinsi yoo rawwatamuufi loltoonni gara eddoo dhohiinsichaa akka dhaqaniif mallattoon yoo kennamuuf mul’ata.
Achiniis dhiiroonni uffata ittisa rasaasaa uffataniifi qawwee qabatan saddeeti gara buufata sakkatta’iinsaa to’annoo cimaan taasifamuutti fiiguudhaan lolttoota Israa’el irratti dhokaasan.
Boodarra ammo viidiyicha irratti hidhattoonni kutaa kutaa keessa imaluun dallaa yoo to’ataniifi loltoonni Israa’eel lafatti kufanii agariiseera.
Kunis hidhattoonni kan haalaan leenji‘aniifi qindaa’an ta’usaanii agarsiisa.
Gaazaan karaa ce’umsaa beekaman torba qaba. Jahaan isaanii to’annoo israa’el jala yoo ta’an, tokkoonsaa kan gara Masriitti ceesisuu ammo to’annoo kaayiroo jala jira.
Ta’us hamaas qaawwa sa’aatii muraasa keessatti argateetti fayyadamuun dallaa dheeraafi hin yaalamneen qaxxaamuruun gara Israa’eliitti darbee seenuu danda’eera.
Viidiyoo BBCn mirkaneeffachu danda’eerratti kutaan dallaa muraasni buldozariin yoo barbadaa’u agarsiisa.
Haleellichi gara daangaa Israa’el darbee seeneera
Loltoonni Hamaas kallattii hundaanu gaazaa keessaa walqabatanii bahaniiru. Qondaaltoonni Israa’el akka jedhaniitti, eddoowwan garaa garaa 27 irratti haleellaa kana raawwatan yoo ta’u, nama argatan huna akka ajjeessaniif ajajni kan kennameef fakkaata.
Hamaas daangaa Israa’el fagoo keessa darbee seenuun haleellaa kan raawwate baha Gaazaatti fageenya kilometira 22.5 irratti kan argamtu magaalaa Ofikiim keessatti.
Naannoolee Filisxeemoonni karaa gaazaatiin darbanii seenan
Sideerooti keessatti hidhattoonni konkolaataa pick-up jedhamu irra dhaabbatanii gara magaalaa yoo seenan mul’ataniiru. Sidarooti baha gaazaattii fageenya kiiloomeetira 3 irratti argamti.
Loltoonni hedduun daandii Ashikeloon sagaleen omaatuu hin qabne irra yoo socho’an mul’ataniiru. Haalli walfakkaataan kibba Israa’el keessattis kan mul’ate yoo ta’u, namoonni nagaa mana keessatti akka dhokataniif hidhattootaan itti himameera.
Dargaggoota dhiheenya Ree’imaatti qophii muuziiqaa irratti hiraamaataa turan irrattis dhukaasni irratti banameera.
Namni ijaan arge tokko BBCtti akka himeetti, hidhattoonni konkolaataa meeshaa waraanaa fe’e oofaa akka turaniifi kaan ammo lammiilee Israa’el irratti qiyyeeffachuun sakkata’iinsa sa’aatii sadi fudhate taasisaniiru.
Loltoonniifi namoonni nagaa butamaniiru
Namoonni qophii muuziiqaafi eddoowwan gara biraa irraa butamuun gara Gaazaatti geeffamu BBCn hubachuu danda’eera.
Israa’el gama isheetiin loloonniifi namoonni nagaa 100 ta’an butamu beeksiifte jirti.
Viidiyoon magaala Beerii keessatti waraabameefi BBC mirkanaa’e tokko, namoonni nagaa afur hidhattootaan dirqisiifamanii yoo fudhatan agarsiisa.
Viidiyoowwan hedduun miidiyaalee hawaasaa irratti qodamanis lammiilee Israa’eel muraasni isaanii kan miidhaa olaanaan irra gahee daandiiwwan namoonni itti baayyatan irra qabamanii yoo fudhataman agarsiisu.
Nmoonni hidahttootaan dirqisiifamanii yoo fudhataman kan argasiisan =viidiyoowwna hedduun miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaniiru. BBCnis butamni viidiyicha irratti mul’atu kan Berii ta’u mirkanneesseera.
Hamaas hawaasa israa’el irratti qiyyeeffachuun alatti buufataalee waraana Israa’el lama kan Ziikiim fi Ree’iim keessatti argaman irrattis haleellaa raawwateera.
Viidiyoowwan dhiheenya Ree’imiitti waraabaman konkolaattoota gubatan hedduun dabalatee, haala haleellichaan booda ture agarsiisaniiru. Garuu ammo walitti bu’iinsa sanaan namoonni meeqa akka du’an ifa miti.
Miidiyaalen hawaasaa hamaas loltoota Israa’el ajjeefaman irra deddebiin agariisaa turan. Ta’u warrabbiin kunneen BBCn hin mirkannoofne.