Haleellaa Hamaas Israa’el irratti raawwate hordofee gatiin boba’aa dabale

Haalli Israaeeliifi Gaazaa jiru dhiyeessii jiddugala Bahaa irratti dhiibbaa taasisuu mala yaaddoo jedhuun gatiin boba’aa dabaleera.

Gatii boba’aatiif madaalli ta’ee kan fudhatamu gatiin boba’aa hin qulqulloofnee Ameerikaa, barmeeliidhaan doolaara 3 hanga doolaara 87.68 oliin dabale. Gatiin boba’aa Ameerikaas akkasuma dabaleera.

Daangaalee Israa’eelii fi Filisxeem boba’aa hin oomishan garuu ammoo Jidduugalli Bahaa boba’aa addunyaa keessaa harki sadii kan irraa agramuudha.

Haleellaan Hamaas Israa’el irratti raawwate kunis waggoota kurnan darban keessatti muddama isa guddaa gama lamaaniin mudateedha.

Biyyoonni lixaas haleellaa kana balaaleffataniiru. Dubbi Himaan hamaas gareensaa Iraan irraa deeggarsi kallattii taasifamuufii himeera.

Ta’us walgahii Mana Maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii kaleessa Niiw Yoorkiitti taa’ameerratti Iraan hirmaannaa kamu akka hin qabne haaltee jirti.

Xinxalaan BBC dubbise, Saawul Kaavooniik, haalli Gaazaatti mudate kun biyya ollaa kan taatee Sawud Arabiyaa fi Iraan, kanneen boba’aa heduumminaan dhiyeessan irratti dhiibbaa qabaachuu danda’a jedheera.

‘‘Walitti bu’inis kunis Hamaas deeggaraa jirti kan jedhamtu Iraan kan dabalatu yoo ta’e, dhiyeessitiin boba’aa addunyaa harki sadi yaaddoo keessatti kufa,’’ jedhan.

Kana malees xinxalaan kun karaan boba’aa jiddugala bahaa keessaan darbu Sululli galaana Hoormuuz sababii walitti bu’insaatiin yoo gufate, addunyaarratti hammi boba’aa harka tokko shanaffaa kan ta’u ‘dhaabbachuu’ mala’’ jechuun dubbatan.

Sulullli Galaana Hoormuuz diinagdeen isaanii kan boba’aa irratti bu’urreffatu biyyoota Galoo Galaanaatiif sarara murteessaadha.

Guyyoota itti aanan haalli garamitti akka adeemu hin baramneettis invastimantiin boondaafi doolaara Ameerikaa dabalu danda’a jedhamee eegama.

Invastimantiin kunis yeroo rakkoon mudatuutti kan faayidaarra oolfamuudha.

Weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwatee hordofunis gatiin boba’aa baayyee dabalee kan ture yoo ta’u, baatii Waxabajjii keessa gatiin jigita boba’aa barmeela tokkoo doolaara 120 olitti gurguramaa ture.

Dhiheenya keessa garuu gariin jigita bobabaa gadi bu’uudhaan naannoo doolaara 70 gurguramuu eegalee kan ture yoo ta’u, dhiheessitoonni oomisha boba’aa erga dhiyeessitii isaanii hir’isuuf yaalanii turaniin booda ammo, deebii’ee gatiin dabaluu eegaleera.

Biyyoota boba’aa baayyee omishaan keessaa tokko kan taatee Sawudiin, oomisha boba’aa ishee guyyaatti miiliyoonaan akka hir’iftu beeksiifte turte.

Gamtaa biyyoonni boba’aa oomishan kaanii kan ta’e, miseensoonni ‘Opec+’ gatii dabaluun yaaduudhaan omishasaanii hir’isuuf yaalaa jiru.

Biyyoonni miseensa Opec+ hangi dhiyeessitii oomisha boba’aa addunyaa harka 40 kan haguuguu yoo ta’u, murteen isaanii gatii boba’aa irratti dhiibbaa olaanaa taasisa.