Yom Kippur: Waraana waggaa 50 dura gaggeeffamee, miidhaansaa ammallee mul'ataa jiru

Waraana dhiiga dhangalaase, kan lubbuu Araboota hedduu galaafate, waraanni addunyaa jijjiire- Yom Kippur bara 1973 Onkoloolessa keessa gaggeeffame.

Sambata darbe (Onkoloolessa 07, 2023) wayita rookeetiin Hamaas Gaazaa irraa gara Israa'elitti akka bokkaa roobu waraanni kun waggaa 50ffaasaati.

Amma warri Israa'el fi Filisxeem waraana hamaa keessa jiru. Guyyaatti lubbuun namaa hagana ga'u wayita darbu waggoota kurna hedduu keessatti kun ta'ee hin beeku.

Haleellaa rookeetii Hamaas hordofee haaloo ba'umsi Israa'el amma waraanicha hammeesseera.

Waraanni Israa'el fi Filisxeem waraana umrii dheeraa qabuudha, garuu erga waraana Yom Kippur kanaa as walitti bu'iinsa darbee darbee mudaturraa kan hafe, waraanni akkanaa mudatee hin beeku.

Daafoo waraana Yom Kippur kanaan kan hin miidhamne muraasa, addunyaan fedhii garaagaraa agarsiisteetti, waraana addunyaa jijjiire.

Ammas waraanni eegalame kun kan Gaazaa fi Israa'el gidduutti hafu hin fakkaatu.

Ammumaanuu biyyoonni Arabaa ollaa kana jiranii fi biyyoonni jajjaboon addunyaa gamasii gamanaan garee wal waraanan irra goraa jiru.

Ameerikaa fi UKn akkuma durii gara Israa'el goran, Iraan fi Libaanon Hamaas tumsaa jiru. Raashiyaa fi Chaayinaan araaraaf waamicha dhiyeessan.

Fedhiin addunyaa ammas dhibdee Israa'el fi Filisxeem keessaa hin baane jechuudha. Garuu madaan waraana Yom Kippur ammallee hin qoorre.

Waraanni Yom kippur akkamiin eegale?

Bara 1973 ji'a Onkoloolessaa ture, Masrii fi Siiriyaan yeroo kamuu caalaa diina waloo isaaniirratti tokkooman. Aanga'oonni waraanaa biyyoota kunneenii tarsiimoo haleellaa waliin baasuun dagachiisanii warra Israa'el rukutan.

Waraana ammallee miidhaansaa addunyaa goolaa jiru gaafas eegalan.

Warri Arabaa waraana bara 1967 injifannoo Israa'eliin xumurame haaloo ba'uuf haleellaa hamaa raawwatan.

Waraana bara 1967 sana booda Israa'el kaartaa Baha Giddugaleessaa akka haaraa fi isheef tolutti tolchite.

Injifannoo argatteen Israa'el hurufa gammoojjii Sinaayi Masrii harkaa, Goolan Haayit Siiriyaa irraa, Laga Jordaan karaa lixaa (West bank) fi Jerusaalam gara bahaa warra Jordaan harkaa fudhatte.

Masrii fi Siiriyaan yoo xiqqaate lafasaanii [kabaja biyyasaanii ta'e] irraa fudhatame deebifachuuf qabsootti cichan.

Jenaraalli waraanaa Masrii Saamii Elyaazaal waraana 1967 irratti wayita taankiin isaa xiyyaara waraanaa Israa'eliin haleelamu keessatti miidhame.

Waraana 1973 wayita eegalan akkamitti yaadaa akka turan fi ilaalchi namootaa maal akka ture akkanaan ibsa.

''Wayita waraana 1967 irraa deebinu akki uummati itti nu ilaalaa ture gaarii hin turre. Kabaji akka nuuf hin malle agarsiisa. Maatiin keenyallee biyya keenyaaf kanaa oltu malaaf jedhan. Kanaafuu ilaalcha kana sirreessuuf lafa gammoojjii hurufa galaanni marsee jiru- Sinaayi deebifachuu malee furmata biraa akka hin qabne murteeffanne.''

Wayita haleellaan kun ishee mudatu Israa'el ni rifatte, ni ajaa'ibsiifatte. Osoo hin qophaa'in waraana eessaa dhufteensaa hin beekamne keessa seente, adda waraanaa lamaan ofirraa qolachuutti gadi teesse.

Kallattii kibbaan komaandoowwan waraanaa Masirii Suwiiz Kaanaal qaxxaamuruun karaa bahaa gammoojjii Sinaayitti qajeelan.

Dahannoo warri Israa'el qarqara Suwiiz Kaanaal irraa qaban hedduu battalatti to'atan.

Kaabaan ammoo hoomaan taankii waraanaa Goolan Haayitis weeraruun warra Israa'el irra garagale.

Battala kana ajajoonni waraanaa Israa'el of ijaaruu eegalan. Yeroo sana (1973), boodarra Ministira Muummee Israa'el kan ta'an, Ihuud Baraak Ameerikaa Yuuniversitii Istaanfoorditti barataa turan.

Garuu durumaanuu murna komaandoo Israa'el Sayeret Matkal jedhamu keessatti ajajaa ta'uun tajaajilaa turan.

Waraanni eegalamuu dhageenyaan haadha manaa fi mucaa durbaa akkasumas barnootasaaniitti nagaa dhaamuun gara Israa'el qajeelan.

Akka galaniin kallattiin adda waraanaatti seenan, dahannoo lafa jalaa bakka loltoonni Israa'el keessa socho'an The Hole jedhamuun beekamutti galan.

Haala ture akkaan hamaadha. ''Fuula dhukkee uffatee fi daalachaa'e hedduun arge. Waraana akkaan rifaasisaa,'' jedhan Aab Ihuud Baraak.

Humnoonni Israa'el suduudaan gurmaa'uu eegalan. Osooma ofirraa qolatanii bakka qabatan.

Garuu inni haala salphaan waraana 1967 irratti injifatan seenaa ta'ee hafe, isa 1973 irratti hin hojjenne. Nuti hin tuqamnu jechuun kan warri Israa'el dhaadataa turan faallaa ta'ee argame.

Waraana hololaa

Egasii hamma yoonaa rakkoon Baha Giddugaleessaa hin obbaane, darbee addunyaa raasaa jira.

Bara 1970 keessa waraanni hololaa addunyaarratti akkaan hammaate. Kan lafarratti mul'atu diraamaadha.

Lolli warra koministii Yuuniyenii Sooviyeet fi garee Ameerikaan hoogganamu gidduutti. Garuu harka biyyoota kunneniin taphatu.

Gorsitoonni humna waraanaa Raashiyaa loltoota Siiriyaa cinaa hiriiruun lolaa turan. Rasaasaa fi meeshaalee waraanaa Arabootaaf kennaa turan.

US ammoo Israa'el deeggarti. Israa'el warra humna qabaniin filatamuu yookiin warra humna qaban filachuunshee akkaan ishee fayyade.

Warri Ameerikaa meeshaa waraanaa fooyya'aa fi salphaatti dirree waraanaa ga'uun diina haleelu oomishuun addunyaa dursu.

Haala kanaan kallattiin waraana kanaa jijjiirame. Soballee taatu, mariin dhukaasa dhaabuu tokko erga eegalamee booda waraanichi gara qabbanaa'uutti deeme.

Wayita kana humnoonni Israa'el Damaaskas seenuu ga'aniiru, Kaayiroo seenuuf ammoo kiilomeetira 100 qofatu isaan hafa.

Waraanni 1973 gabaabaa ture, garuu waraana addunyaa mara jijjiireedha.

Hanqina boba'aa

Biyyoonni Arabaa yeroo sana boba'aa biyyoota addunyaaf dhiyeessuu keessaa ga'ee olaanaa qaban biyyoota lixaa Israa'el deeggaran irraa oomishasaanii kutan.

Tarkaanfiin kun ''Boba'aa akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu [Oil Weapon]'' jedhama.

Dhiyeessin boba'aa baayyee gadi bu'e, gatiin ammoo akkaan dabale.

Daafoo kanaan addunyaan miidhaa hamaa keessa seente. Ameerikaan boba'aa qusachuuf hedduu ifaajje. Konkolaataan sa'atiitti kiilomeetira 50 imaluu akka qabu kan murteessites kanarraa ka'uuni jedhama.

Kanafaatu dhiibbaa waraana Yom Kippur addunyaalessa taasisa.

Duuba Awurooppaa fi Ameerikaan biyyoota boba'aa irraa argatan biroo barbaaduutti ka'an.

Anniisaa haaromsamu oomishuu fi boba'aa qusachuu akka mala tokkootti fayyadamuu eegalan.

Gama dippiloomaasiitiinis yoo ilaalle Masriin dhiibbaa Yuuniyenii Sooviyetii jalaa ba'uun Ameerikaatti michoomte.

Dhumarratti gammoojjii Sinaayi deebifatteetti, garuu adeemsa dippiloomaasiin argatte malee waraanaan miti.

Erga dhukaasi dhaabbatee waggoota muraasa booda dura taa'ummaa Ameerikaatiin waliigaltee nagaa Israa'el waliin mallattteessuun lafa kana deebifatte Masiriin.

Waliigalteen Kaamp Deeviid (Camp David accord) milkaa'ina dippiloomaasii waraana 1973 booda argame isa guddaadha.

Warri Arabaa walga'ii iccitiidhaan waa dubbatan, waraana fuulaa fi fuulaan Israa'el mo'achuun akka itti cimu- Ameerikaatu duuba jira waan ta'eef.

Waraanni sun kan taankiiwwan waraanaa hedduun irratti barbadaa'aniidha, humni taankii dadhabaa ta'uun kan irratti hubatamuu eegaledha.

Meeshaaleen waraanaa lafoo (taankii dabalatee) isaan bobbaasan hagam yoo cimanillee haleellaa qilleensaa fi misaa'ela samirraa roobu dura dhaabbachuu akka hin dandeenye hubatan.

Garuu Israa'elis biyyoota Arabaa salphaatti akka hin mo'anne mirkaneeffatteetti. Keessattuu loltoota Masirii dura dhaabbachuun akka ulfaatu amanti.

Gareen lameenuu akkanaan akka yaadan waliif hin ibsan, iccitiidhaan qabatu.

Kanaaf wal tuttuqaa jiraatu. Adaamii ollaa agamsaa waliif ta'an. Garuu akkuma bara 1973 sana humna jabaatu garee lamaanuu duuba jira. Ameerikaa fi raahsiyaa, UK fi Chaayinaa... hunduu dantaa keessaa qaba.

Madaa fi laalaa duraaniirra taa'anii egeree sodaa fi yaaddoon guutame keessa jiraatu.

Waraanni amma eegalame kunis tooftaa fi tarsimoo bara sanaa keessa waan galu fakkaata.