Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee lammiilee Israa'eel Hamaasiin butamanii kan beeknu
Haleellaa akka tasaa Hamaas kaleessa Israa'el irratti baneen wal qabatee lammiileen Israa'el hedduun loltoota Hamaasiin butamuu waraanni Israa'el beeksise.
Waraanni akka jedhetti, namoonni nagaafi loltoonni ''hedduun'' garee milishaa Paalestiin kan ta'e Hamaasiin Sulula Gaazaa keessatti qabamuu hime.
Muraasni isaanii yoo ajjeefaman kaan isaanii ammoo lubbuun jiraachuu dubbi himaan waraana biyyattii Let. Koloneel Joonaataan Konriikas himan.
Namoota butaman keessattis daa'imman, dubartoonni, jaarroliifi qaama miidhamtoonni ni argamu jedhan.
''Kunis baayyina hanga ammaatti beekamuufi kan hin amanamneedha. Innis kan egeree waraanichaa murteessu ta'a,'' jedhan.
Haamaas gama isaatiin baayyinni lakkoofsa lammiilee Israa'el to'atamanii ''baayyee olaanaa'' ta'uu himuudhaan, Sulula Gaazaa keessatti eddoowwan garaa garaatti geeffamuu hime.
Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Naataanyaahuus, nageenyummaa lammiilee buteetiif Haamaas itti gaafatamaadha erga jedhaniin booda, Israa'eel ''kan isaan miidhee qaama kamuu dachaa hedduun deebifti'' jedhan.
Viidiyoo Israa'eloonni manaa yoo fudhataman mul'isu
Waraabbiin viidiyoo heduun miidiyaarratti qoodamaa jiranis lammiileen Israa'eel looltoota Hamaasiin harkisaanii hidhamee agarsiisu.
Viidiyoo maxxanfameefi BBC mirkanneessee tokko irrattis konkolaataan lammiilee Israa'el butaman akka fe'e yaadamu tokko Suluula Gaazaatti ummata jidduu oofamaa ture.
Viidiyoon gara biraa Suluula Gaazaa ta'unsaa adda baafamee tokkos, dubartiin miilashee qullaa tooko duubaan konkolaataan harkishee booddeetti hidhamee karaa duubaan yoo harkiifamtu mul'isa.
Abbaa manaafi haadha warraa Reevaatii fudhataman
Namoonni butaman muraasni qophii Kibbutz Ree'im, kan kibba Israa'el Ofaakim, kan Gaazaa irraa baayyee hin fagaannee keessa fudhatamutuu himame.
Namoonni ijaan argan miidiyaa Israa'eeliitti akka himaniitti, hidhattoonni mootaraan deemaa turan namoota qophicharra turaniitti kan dhokaasan yoo ta'e bakka buuteen baayyeen isaanii ammalleen hin baramne.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaarratti maxxanfameefi BBC hin mirkanneeffannee tokko akka agarsiiseetti, dubartiin qophicharra turte tokkos butamuun dhiiroota lamaan mootara irratti fe'amtee fudhatamte.
Dubartiin obbooleessa abbaa manaashee Moshee Oriin dubartii ISraa'el No'aa Argaamaanii jedhamtu taatee adda baate.
Innis osoo viidiichaan isheefi obbooleeshee hin argiin dura ture bakka buteeshee kan gabaasee ture. Lamaan isaanituu milishoota hedduun butaman.
''No'aan naateefi soodaatee viidiyoo irratti argeera. Maal sammuu ishee keessatti yaadaa akka jirtu yaaduu hin danda'u. Mootora irratti sodaadhaan iyyaa turte,'' jedhe Obbo Ori gaaffii miidiyaa Israa'el Chaanal 12 jedhamu waliin taasiseen.
Viidiyoon BBCn hin mirkanoofne kan biraas Gaazaatti kutaa keessatti osoo bishaan dhunattuu agarsiisa.
Haala butamtoota magaaloota Israa'el keessaa
Suluula Gaazaatiin alatti, waraanni Israa'eel namoota nagaa Israa'el gara kibbaatti butamanii turan bakkeewwan lama keessaa gadi dhiisisuu hime.
Kibbutz- Bee'erii keessatti namoonni kutaa nyaataa keessatti danqamanii turan sa'aatii 18 booda gadi dhiifamuu TVn Israa'eel gabaaseera.
Miidiyaan Israa'eel akka gabaaseetti namoota gara 50 ta'anitu achii keessatti danqamee ture.
Dubartiin maqaan ishee Elaa jedhamtu tokko Rooyitarsiitti yoo dubbatteetti, sa'aatiiwwaniif magaalicha keessatti boombiidhaan marfamanii turan.
''Dhugaasa hedduu dhagaa turre. Shororkeessitoonni kutaa nyaataa keessa akka jiran nutti himame. Iyya hedduu dhagahaa turre'' jetti.
"Maatii koo waliin wal quunnamuu hin dandeenye. Abbaankoo butamuu dhagaheera... Maaltuu ta'aa akka jiru kan nutti himu omtuu hin jiru. Haatiikoo lubbuun jiraachuushee hin beeku.''
Viidiyoon BBCn mirkannaa'ee tokkoos, namoonni kophee malee daandii irra milishootaan Bee'erii keessa yoo ofaman mul'isa. Namoonni kunneens isaanuma galma nyaataa keessatti qabaman haata'anii ykn kan gara biraa kan barame hin jiru.
Haaluma walfakkaatuun, Kibbutz Uriim magaalaa ollaa Ofakiim keessattis, lammiileen Israa'el mala erga sa'aatiiwwaniif miilishoota Hamaasiin butamaniin booda baraaramaniiru.
Namoonni hidhatan erga magaalaa keessa seenaniin booda jiraattoota irratti dhukaasa banuun. Kunis kan raawwatame erga akeekkachiiftuu rookkeettii magaalattii keessaa hojii akka dhaabu taasifameen booda ta'u miidiyaaleen Israa'el gabaasan.
Jiraattoonni lamaanis appaartaamaa isaanii bakka milishoonni afur isaan butan jiraataa turan. Booda milishoonni sunis humnoota Israa'eeliin ajjeeffaman.
Loltoonni Israa'eel sadii ammoo tibba oppareshiinii baraarsaa madaa'aniiru jedhameera.