Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamaas rokkeettiiwwan 2500 ol itti dhukaasuu hordofee Israa'eel waraanaaf qophaa'uu labsite
Hidhattoonni Haamas har'a ganamarraa kaasee misaa'eloota heddu gara Israa'elitti dhukaasuu beeksisan.
Gareen kun daqiiqaa 20 keessatti misaa'eloota 5000 gara Israa'elitti dhukaasuu beeksisus Israa'el gamasheen gareen Haamas misaa'ela 2,500 dhukaasuu mirkaneessite.
Haleellaawwan kunniin hordofee Israa'eel waraanaaf qophaa'uu beeksifte.
Ministeerri Muummee Israa'el Beenjamiin Nitaaniyaahuu ibsa kennaniin, "Diinni keenya bifa kana dura argee hin beeknen gatii ni baasa" jedhan.
Itti dabaluunis "waraanatti gallee jirra" jechuun lammiilee biyyattiif ergaa dabarsan.
"Har'a ganama Haamas haleellaa tasaa Israa'el irratti labsee jira," buufataalee garee kanaa akka mancaasaniif qaamolee nageenyaaf ajaja kennuu beeksisan.
"Amma humni eeggataa guutummaan akka bobba'uuf ajaja kenneera. Bifa diinni keenya kana dura argee hin beekneen waraanni haaloo bahannaa akka gaggeeffamuufis ajaja kenneera," jedhan Beenahiim Netanaahoo.
Gageessaa garee hidhattoota Islaamikii Gaazaa keessa socho'anii kan ta'e Mohaammad Da'iif, Sanbata ganamarraa kaasee misaa'oloonni 5000 ta'an gara Israa'elitti dhukaafamuu ibse.
"Dursinee diina keenya akeekkachiisnee turre. Humnaan [lafa keenya qabachuun] lammiilee nagaa heddu galaafateera. Sababa yakka humnaan qabachuutin bara kana namoonni heddu aarsaa ta'anii kaan madaa'aniiru," jechuun haleellaan kun buufataalee xayaaraa, waraanaa fa'aarratti kan qiyyaafate ta'uu beeksise.
Viidiyoo miidiyaa hawaasarratti qoodamaa jirurraa akka mul'atutti hidhattoonin Hamaas Gaazaa irraa daangaa Israa'elitti cehanii taankii Israa'el yeroo guban fa'aa ni mul'ata.
Gama biraan hidhattoonni kun loltoota Israa'el heddus booji'uutu himama. Waa'ee loltoota booji'amanii Israa'el hanga ammaa homaa jechuu baattus bakkeewwan garaa garaatti lolli itti fufuu Ministiirri Ittisaa Isra'el ibsee jira.
Haleellaa misaa'elaa kana hordofee Israa'el Gaazatti haleellaa qilleensarraa eegaltee jirti.
Gama biraan ammoo Ministiirri Ittisaa Israa'el (IDF) loltoonni waraanaf akka of-qopheessan ajaja dabarse.
Haleella Hamaas gaggeesse kanaan namni hanga ammaa namooni 22 du'uufi heddu madaa'uu Tajaajilli Yeroo Balaa Tasaa Israa'el beeksise.
Rooyitars akka gabaasetti hojjaattoonni balaa abiddaa magaala Ashqeloonitti sababa misaa'ela Hamaas dhukaasen mudate dhaamsuf dhama'aa jiru.
Ministiirri Ittisaa Israa'el fuula X gubbaatti ibsa baasen lammiilen Israa'el naannoo Gaazatti dhiyoo jiran manaa akka hin baane dhaamun, "Ofii keenya ni ittisna, Hamaasifis gatiisaa dachaan deebisna" jedhe.
Biiron Ministeera Muummee Beeniyaamin Netanaahoo akka beeksisetti haleellaa Hamaas gaggeesse kana ilaalchise kaabineen nageenyaa Israa'el wal-gahii ariifachiisaa taa'uf jira.