Addi waraanaa inni dhumaa Armaageedoon eessa?

''Anis jechoonni xuraaʼoon geggeessaa hafuuraatiin dubbatamanii fi fattee fakkaatan sadii, afaan jawwee sanaa, afaan bineensichaa fi afaan raajii sobduu sanaa keessaa baʼuu isaanii nan arge.

''Isaan jechoota geggeessaa hafuura jinniiwwaniitiin kan dubbatamanii fi mallattoowwan kan raawwatan siʼa taʼan, gara waraana guyyaa guddaa isa kan Waaqayyo Hundumaa Dandaʼuutti walitti isaan qabuuf, gara mootota guutummaa lafaatti baʼu.

''Isaanins bakka afaan Ibrootaatiin Armaagedoon jedhamutti walitti isaan qaban.''

Kun raajii waa’ee Armaageedoon himamedha jedhan hayyuun dhimma amantii Dr Joorji Roowekaamp

Jecha Armaageedoon jedhu Macaafa Qulqulluu kakuu haaraa keessatti iddoo tokkotti qofatti eerame.

Innis Macaafa Qulqulluu, Macaafa Mul’ataa boqonnaa 16 irratti argama.

Arikiyoolojistoonni akka amananitti iddoo tarsimawaa Armaageedoon kan kaaba Israa'elitti argamutti yeroo jalqabaaf namoonni kan qubatan waggaa 6,000 dura dha.

Haatahu malee, magaalaan Armaageedoon maqaa guddaa qabdu ibidda achitti ka'een kan barbadoofte waggaa 3000 dura ture jedhu.

Armaageedoon dhimma dhuma biyya lafaa wajjin hidhata qaba, gama biraan immoo maqaa iddoo ani dhaabadhe jiru kanaati jedhu Dr Joorj.

‘’Gara Armaageedoon baga nagaan dhuftan,’’ jechuun Lii Door namoota daawwannaaf deemanitti naannicha agarsiisti.

''Armaageedoon jecha Ibraayisxii lama walitti fiduun kan uumame dha. ‘Har’ jechuun tulluu jechuudha. Meegedoon immoo maqaa magaalitti ykn naannoo kanaati,'' jetti.

"Iddoon kun biyyoota baayyee barbaadama ture waraanni garagaraas asitti adeemsifameera. Waraanni asitti adeemsifame hundi magaalatti balleessee, deebisanii immoo ijaaruutiin xumurama ture", jetti Liin.

Iddoo ol ka’aa Armaageedoon jedhamu kanatti yoo xiqqaate haftee magaalawwan wal-wal-irratti ijaaraman 20 olitu jira.

Meegedoon adda waraanaa bara durii fi ammayyaa hunda addatti beekamu akka ta'e himu Dr Joorji.

''Namni hundi waa’ee gaara Tsiyoon ni beeka, innis iddoo Yeruusaaleem keessa jiru qofa osoo hin taane, mallattoo magaala barabaraa amantoonni baraaraman iddootti walitti qabamanidha,’’ jedhan hayyuun kun.

Gaarri Armaageedoon immoo faallaa sanaati, iddoo waraanni inni dhumaa itti adeemsifamuudha. ''Achittis humnoonni hammeenyaa ni injifatamu,’’ jedhan.

Armaageedoon maaliif barootaaf qalbii keenya qabatee ture?

Yaadni Armaageedon bara Kiristiyaanotaa duriitti baayyee beekamaa hin turre kan jedhan Dr Joorjiin, ''Inumaayyuu gara jalqabaarra Macaafni Mul’ataa qaama caaffata qulqullaa’aa tahuu qaba kan jedhu irratti shakkiin ture,’’ jechuun ibsu.

Akka hayyuun qo’annoo amantii jedhanitti, ''boodarra namoonni miira addunyaa Waaqa mormu keessa jiraachuu hin barbaannu jedhu qaban dhufan.

Jarri kun yaada humni gaarummaa gaafa tokko humna hammeeyaa ni injifata yaada jedhu ni jaalatu ture,’’ jedhan.

Yaadni Armaageedoon bara gidduugaleessaa keessa baayyee beekamaa akka tures ni hubachiisu.

Akkasumas bara ammayyaa jaarraa 20ffaa keessa immoo deebi’ee dhufe. Innis yeroo Waraana Addunyaa lammaffaatti ture, ''namoonni baayyee waraanni dhuma addunyaa kanaa akka jalqabaa jiruutti dubbachaa turan,’’ jedhu.

Baruma ammaayyaa kanatti illee iddoo Armaageedoon jedhamu kanatti waraanni garagaraa adeemsifameera. Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa waraana Jeneraal Edimandi Aleenbaayiin hogganamu dhihoo Meegedoon waraana warra Otoomaanii injifate.

''Bara 1918tti Edimandi Aleenbaayi iddoo kanatti warra Tarkii mo’achuun booda maqaan ‘Gooftaa Megeedoo’ jedhamu kennameeraafi, garuu bakki kuni injifannoo waraana kanaaf shoorri inni qabu guddaa hin turre,’’ jedhan Dr Joorjiin.

Yaadni Armaageedoon har’allee ilaalcha namoota baayyee irratti dhibbaa akka qabu ni mul’ata.

''Namoonni lafa kanarra hammeenyi yeroo argan, dhumni addunyaa dhufaa akka jirutti amanu,'' jedhan Dr Joorjiin.