Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaa Filisxeem hundeessuuf waliigaltee Arafaatifi Raabin waggaa 30 booda
Israa'elifi Filisxeem gidduutti Waliigalteen Osloo erga mallattaa'ee waggaa 30 guutera. Waliigalteen nagaa kun Bulchiinsi Filisxeem akka hundaa'uf bu'uura kaa'e. Bulchiinsi kun har'ayyuu waggaa 30 booda jira, garuu fudhatamni inni qabu kan gaafa hundaa'uu caalaa baay'ee gadi bu'eera.
Bara 1993tti Muummen Ministeeraa Israa'el Yisaaq Raabinifi gaggeessaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) kan ture Yaasir Arafaat jaarsummaa Ameerikaatin harka wal-fuudhanii nagaa labsan.
Erga gaggeessitoonni lamaan Waliigaltee Osloo mallatteessanii as deeggarsi dhaabbilee idil-addunyaarraa gara Weest Baankfi Ramaalaatti hedduu gaggeeffamaa ture.
Yeroo waliigalteen sun mallattaa'u lammiilen Filisxeem filannoon gaggeeffamee mootummaa mataasaanii waan hundeeffatan, Weest Baankifi Gaazaa walitti fiduun biyya walabaa magaalli guddoonshee Baha Yerusaalem taate hundeeffatu itti fakkaate. Abjuun sun achuma fagaataa deeme malee hin milkoofne.
"Waanti hundii hammaataafi duubatti deebi'aa jira," jedha magaala Ramaalaa keessaa daldalaa kan ta'e Um Nabiil.
Jalqabarra lammiilen Filisxeem waliigaltee kana baay'ee deeggaran, suuta garuu abdii irraa kutataa dhufan.
"Angawoonni Filisxeem waggaa 30 dura dogoggora guddaa akka hojjatantu heddumminaan hubatama, jechuun abjuun Filisxeem biyya mataashee ijaarrachuu dukkanaa'aa akka deeme hima dhimma kanarratti yaada uummataa kan qorate Kaliil Shikakii.
Jireenyi guyyuu lammiilee Filisxeem dhiibbaa Israa'el humna waraanaan taasistuun kan haguugameedha.
Bara 1993, yeroo waliigalteen Osloo Yaasir Arafaatifi Yisaaq Raabin gidduutti mallattaa'u, Baha Yerusaalem dabalatee Weest Baank keessa qubattoota Yihudii ta'an 110,000 ta'antu jiraataa ture. Har'a qubattoonni kun 700,000 ol ta'aniiru.
Seera idil-addunyaatin qubannaan seeraan ala. Israa'el garuu himannaa kana yeroo hunda haalti.
Yeroo ammaa kana Israa'el mootummaa akka malee leellistootan guutameefi namoota amantii ministiira ta'uun Weest Baank Israa'el jalatti deebisuuf barbaadan fa'aa of keessaa qabuun gaggeeffamti.
Gama biraan ammoo Filisxeem garee Faataatin kan hogganamantu yoo ta'u, gareen kun abjuu Filisxeemonni biyya walabaa ijaarrachuuf qaban dhugoomsuf humna kan hin qabneefi babal'ifannaa lafaa Israa'el taasiftu dhaabsisuu hin dandeenye jedhamuun himatama.
Akkasumas bulchiinsa malaammaltummaan faalameefi Israa'elif meeshaa ta'ee tajaajila jedhamuun himatama.
Angawoonni Filisxeem humnoota nageenyaa Israa'el wajjin waliigaluun akkamitti namoota Israa'el irratti haleellaa gaggeessan dabarsee kenna kan jedhus komii guddaa irratti ka'udha.
Qorannoon yaada uummataa akka agarsiisutti, lammiilen Filisxeem 60% ta'an bulchiinsa Mohaammad Abbaas amma jiru kana akka ba'aatti ilaalu.
Kaliil Shikakii akka jedhutti, qorannoon ji'a jaha dura gaggeeffame bulchiinsi Filisxeem amma jiru yoo diigame, abjuun Filisxeemotaa galma akka gahu agarsiisa.
Israa'el bara 1967tti Lola Guyyaa Jahaa (Six Day War) jedhamuun Weest Baankifi Gaazaa Yordaanosifi Masirii irraa erga fudhattee daangaawwan kana humnaan bulchaa turte.
Keessumaa Israa'el Baha Yerusaalem of jalatti galchuusheetin hawaasa idil-addunyaarraa mormii guddaatu ishee mudate.
Erga waliigalteen Osloo mallattaa'ee, Israa'el Angawoota Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) akka bakka bu'aa uummata Filisxeem seera qabeessa ta'eetti fudhatti.
Bulchiinsi Filisxeemis Israa'el akka biyyaatti fudhate.
Waliigaltee Osloo booda Bulchiinsi Filisxeem haaraa hundaa'efi Yaasir Arafaatin gaggeeffamu bu'uuraalee misoomaa kanneen akka fayyaa, barnootaa fa'aa bulchuu akkasumas nageenya Gaazaafi Weest Baank hanga tokko eeguu itti gaafatamummaa fudhate.
Yeroo sana daanga Weest Baank 60% kan ta'u Israa'el jalatti hafe, garuu lammiilen Filisxeem yeroon booda lafti kun isaanif deebi'a jedhanii abdataa turan.
Baay'ee osoo hin turin waanti baay'ee Filisxeemota aarse dhalate - gaggeessaa paartii mormituu Israa'el kan ta'e Masjiida Al-Aqsa, kan Yihuddoonnis akka iddoo seena qabeessatti ilaalan, daawwate.
Kana hordofuun Warraaqsi Filisxeem lammaffaa (Second Intifada) jedhamuun beekamu dhohee adeemsa nagaa yaaddoo keessa galche. Boodarra giddu seentummaa USn hamma tokko tasgabbiifi waliigalteen uumame.
Sabiir Saa'idam Ministeera Barnootaa ture, amma barreessaa olaanaa Koree Giddu Galeessaa Faataati. Bulchiinsi Filisxeem (Palestinian Aurthority) laamsha'aadha himata jedhu akka hin fudhanneefi bulchiinsi hundaa'unsaa "akka dhagaa bu'uuraatti" ilaalamuu akka qabu dubbata.
Sababa Waliigaltee Oslootiiin Bulchiinsi Filisxeem eenyummasaanii eegee tursiisuu danda'uurratti gahee guddaa akka taphate hima.
Bara 2005 pirezidaantii Filisxeem ta'uun kan muudaman Mohaammad Abbaas hanga ammaa bulchaa jiru. Amma ganna 87 guutaniiru, abbaa irreeti jechuunis himatamu.
Filannoo bara 2006tti Hamaasifi Faataa gidduutti gaggeeffameen Hamaas mo'atee ture. Mootummaa waloo hundeessuf yaalin godhame ni kufe. Walitti bu'iinsa cimaa isaan gidduutti mudateen Hamaas Gaazaa to'ate.
Angawoonni Filisxeem kaayyoo qabsaa'aniif galmaan gahuurra aangoo tikfachuurratti cichaniiru jedhamuun komatamu.
"Faallaa ofiin of-bulchuufi hiree ofii ofiin murteeffachuu ta'anii jiru," jechuun komatti Dubbi Himtuu PLO kan turteefi yeroo ammaa Kanaadaa kan jirtu Diyaanaa Buttuu.
"Bulchiinsa abbaa irreefi kanneen osoo uummanni hin filatin bulchanii ta'ee jira," jetti.
Filisxeem keessatti filannoon erga gaggeeffamee turuurraa kan ka'e har'a namni ganna 35 ta'e tokko filannoo filatee hin beeku jechuudha.
Ramaalaa keessatti hojjattoonni biiroo mootummaa oolanii galuufi barattoonni mana baruumsaa dhaqanii galuu danda'uun mootummaa Mohaammad Abbaas biratti akka bu'aa guddaa Waliigaltee Oslootti ilaalama.
Garuu lammiileen Filisxeem sodaa guddaa qabu - garaagarummaan keessoo babal'ataa deemuufi pirezidaantin umuriin dullooman gaafa biiroo siyaasaa gadi dhiisan maaltu dhalachuu mala kan jedhu.
Gama biraan ammoo angawoota Bulchiinsa Filisxeem irraa abdii kutachuurraa kan ka'e, hidhattoonni Hamaasif Islaamik Jihaad Israa'el wajjin wal-lolan akka jabaataniif karra baneera jedhama.
Gama biraan ammoo lola kana keessatti lubbuu baduufi qabeenya barbadaa'u guyyaa guyyaan dhagahuu kan nuffan maraammartoon kun akka dhuma argatu fedhu.