Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Loltuun Israa’eel sirreeffamaa Paalistaayiin waliin saal-quunnamtii raawwatte arii'amte
Dubartoonni minseensoota looltuu Israa’el mana hidhaa eegumsi cimaan taasifamuuf eegaa turan, erga sirreeffamtoota Paalistaayinoota waliin saal-quunnamtii raawwatu jedhamuun himannaan irratti dhiyaateen booda tajaajila irraa ari'atamuuf.
Miidiyaa Israa’eel akka jedheetti, loltuun Israa'eel tunis lammii Paalistaayin kan lammiilee nagaa Isreaa’el irratti haleellaa ajjeechaa raawwate waliin walitti dhufeenya saalaa qabaachuu amante jirti.
Dubartiin amma sirreeffamaa waliin quunnamtii saalaa raawwachuun himatamte tunis tajaajila waraanaa kan lammiilee Israa’ee baayyeedhaaf dirqama ta’e irra kan turte akka taate himame.
Israa’eeliitti dubartoonni tajaajila loltummaa dirqamaa, yoo xinnaatee waggaa lamaafi dhiiroonni ammoo waggaa lamaafi baatiiwwan saddeetii kennuutu irraa eegama.
Maqaan dubartii looltuu jedhamtees ta’e, kan lammii Paalistaayin hidhaan umurii guutuu itti murtaa’e fi ishee waliin quunnamtii qabu jedhame ifa hin taasifamne.
Manni murtii dhimmicha ilaalaa tures, odeeffannoo gadii fageenyaa biraafi bakki mana sirreessaa sun itti argamu akka ifa hin taaneef ajajeera.
Miidiyaan Israa’eel akkasuma tibba gaaffii taasiseefiitti, loltuun to’annoo jala oolfamte tunis, dubartoonni gara biraa afuris akkasuma sirreeffamtoota dhiiraa waliin quunnamtii akka qaban dubbachu gabaasan.
Sirreeffamaan Paalistaayinis gaaffiin dhiyaachuufiin dura gara mana hidhaa kutaa dhuunfaatti dabarfamuu, Tajaajilli Mana Sirreessaa Israa’eel (IPS) hime.
Guyyaa Jimaata Fulbaana 29, 2023, Dureen Tajaajila Mana Sirreessaa Israa’el Kaatii Peerii fi Ministarri Nageenyaa Biyyaalessaa biyyattii, Itaamaar Been- Giviir, kana booda loltoonni dubartootaa ‘‘daangaalee’’ manneen sirreessaa eegumsi olaanaan taasifamuufi Paalistaayinoonni itti hidhaman hin eegan jedhan.
Miidiyaaleen Israa’eel Aab Been-Gviir, walakkeessa bara 2025tti ‘‘dubartiin miseensa loltuu tokkittiin damee eegumsa manneen hidhaa keessatti hin haftu’’ jechuu isaanii gabaasan.
Tajaajilli dubartoota miseensa loltuu Israa’eel eegumsa manneen hidhaa eegumsi olaanaan taasifamuuf keessaa kennan akka dhaabbattuuf irra deddeebiin waamicha taasifamaa ture.
Haata’u malee, sababii loltoota kanneen dhiirootaan bakka buusuuf hanqinni miseensaa jiruuf jecha kun hin taasifamiin tureera.
Bara darbes, mana sirreessaa tokko keessaatti sirreeffamtoonni Paalistaayin loltoota dubartootaa tajaajila eegumsa mana sirreessaa irra turan dorsiisuufi dirqiidhaan gudeeduu akkasumas qondaaltoonni mana sirreessaa gameeyyii muraasnis, dubartoota kanneeniitti akka fayyadaman erga saaxilameen booda, ministiroonni Isaa’eel qorannoon gadi fageenyaan akka gaggeeffamuuf ajajanii ture.