Venezuweelaan mana hidhaa wanbadoonni lafa bashannanaatti jijjiiran harkaa baasuuf loltoota 11,000 ramadde

Venezuweelaan mana hidhaa wanbadoonni akkaan hamoo ta'anii fi biyyattii keessatti beekaman to'atanii turan harkaa baasuuf loltoota kuma 11 ramaduu ibsite.

Wanbadoonni (gangs) kunneen caasaa humna cimaa qabu kan qabanii fi humna mootummaallee kan sodaachisaniidha.

Kaaba biyyattiitti kan argamu manni hidhaa Tokooron, waggootaaf wanbadoota hamoo ta'anii fi maqaa Tren de Aragua jedhamuun beekamaniin to'atamee ture.

Mana hidhaa sana keessatti miseensonni garee kanaa walabummaan socho'u.

Manni hidhaa kun bakka bashannanaatti geeddarameera. Hoteela fakkaateera. Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti manni hidhaa kun iddoo bishaan itti daakan (pool), kilabii halkanii fi paarkii xiqqaa ta'e qaba.

Aanga'oonni biyyattii akka jedhanitti sirreeffamtoonni kuma ja'a ta'an mana hidhaa akkaan mijataa fi to'annoo garee wanbadootaa jala ture kana keessaa gara mana hidhaa biraatti dabarfamuuf jedhu.

Manni hidhaa kun walabummaa kan qabuu fi qaama mootummaan kan hin to'atamne ta'uusaatiin, namoonni nagaa (balleessaan hin himatamne) hedduun mooraa sana keessa hidhamtoota waliin jiraatu.

Erga mootummaan sirreeffamtoota kunneen bakka biraatti dabarsaa jiraachuu isbuun duula eegalee, namoonni nagaa mooraa mana hidhaa kana keessa jiraachaa turan, mooraa sana fuulduratti ba'uun boo'aa turan.

Haalli mana hidhaa kanaa jijjiiramuun sirreeffamtoonnis iddoo biraa yoo geeffaman, egereen isaanii maal ta'uu akka danda'u hin beekan waan ta'eef yaaddoo qaban ibsan.

Kaan maatiisaanii waliin jiraachaa warra turaniidha.

''Abbaa manaa koo eessaa akka geessan baruuf gaddaanin eegaa jira. Isa waliinan mooraa sana keessa jiraachaa ture. Amma garuu keessaa nu baasan,'' jechuun AFPtti himte dubartiin Gilaadiis Hernaandez jedhamtu.

Duulli mana hidhaa kana keessaa sirreeffamtootaa baasuun gara biraatti dabarsuu wayita eegalamu, poolisoonni qabeenya namootaa- doqdoqqee, TV fi meeshaalee elektirooniksii kaan gara alaatti wayita guuran gaazexeessitoonni arguun gabaasaniiru.

Ministeerri Dhimma Biyya keessaa Venezuweelaa karaa miidiyaa hawaasaa X, tiwiitarii kan ture, ergaa dabarseen humnoota poolisoota bakka kana to'annoo mootummaa jalatti deebisan galateeffateera.

''Giddugalli madda yakkaa fi hookkara biyyattii ta'e diigamuutti'' gammachuu qabu ibse.

Dursaan garee wanboodataa Tren de Aragua gang jedhamanii Heektar Guweereeroo Filoorsi yakka ajjeechaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu daldaluutiin itti murtaa'ee waggaa 17f mana hidhaa sana keessa ture.

Namni kun humna guddaa waan horateef mana hidhaa kana to'annoosaa jala galchuun gara iddoo jireenyaaf mijataatti geeddare.

Itti murtaa'ee hidhaa galu duraanis mana hidhaa kana galee, ba'aa ture. Kanaafuu muuxannoo qaba, keessoo mana hidhaa kanaa fi naannawa isas bareechee beeka. Kanaaf salphaatti to'annoo isaa jala galche.