Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el mooraa baqattoota Paalestaayin- Jenin irratti haleellaa bante
Humni waraanaa Israa'el mooraa baqattootaa Kaaba West Baankitti argamu- Jenin irratti haleellaa banan.
Duulli warra Israa'el kun haleellaa dirooniitiin eegale.
Ministeerri Fayyaa Palestaayin duula haleellaa warri Israa'el eegalaniin hanga ammaatti namoonni sadi ajjeefamuu fi 20 kan caalan madaa'uu ibse.
Humni Ittisaa Israa'el ammoo garee shororkeessitootaa mooraa Jenin keessa faca'anii jiran haleelaa jiraachuu ibse.
''Wayita shororkeessitoonni mooraa Jenin akka da'ootti fayyadamuun uummata nagaa dararan callisnee hin ilaallu,'' jedhe humni ittisaa kun.
Mooraan kun da'oo shororkeessitootaati jechuunis ibse.
Gartuun humna waraanaa- Jenin Battalion kan loltoota garee Palestaayin garee Fatah jedhaman, garee Hamaas fi Islamic Jihad jedhaman irraa hundaa'e loltoota Israa'elitti dhaadateera.
''Hanga rasaasa ishee dhumaa fi hafuura keenya ishee xumuraatti humna weerartuu Israa'el dura dhaabbanne ni lolla. Humni jirru hundi tokko taanee ni falmanna,'' jedhan.
Loltoonni Paletaayin hedduun fuulasaanii haguuggatanii hidhannoo guutuudhaan kutaalee mooraa baqattootaa- Jenin keessa bobbaafamaniiru.
Namni mooraa kana keessa jiraatu Ahmad Zaakii, ''konkolaattonni meeshaalee waraanaa fi loltoota Israa'el fe'an kallattii hundaan gara mooraa kanaatti seenaa jiru,'' jechuun BBCtti hime.
Lammiin Palestaayin konkolaachisaa ambuulaansii ta'e Kaaliid Alahmad ''waraana guddaatu mooraa baqattootaa keessatti gaggeeffamaa jira,'' jedhe.
''Haleellaan qilleensarraan mooraa kanarratti gaggeeffamaa jira. Ambuulaansii shanii hanga torbaa qabannee mooraa naannofnee wayita deebinu yeroo hunda namoonni miidhamanii fe'aman ambuulaansii guutuudha,'' jechuun Rooyitarsitti hime.
Loltoonni Israa'el ji'a darbes mooraa baqattootaa Jenin weeraruun yoo xiqqaate lammiilee Palestaayin ja'a ajjeesaniiru.
Haleellaa kanarratti waggoota hedduu keessatti Israa'el yeroo jalqabaaf West Baank keessatti xiyyaara waraanaa fayyadamte.
Loltoonni Israa'el fi poolisoonni daangaa eegan torba haleellaa kanaan madaa'aniiru.