Israa'el Gaazaatti qondaala biraa ajjeeste, lakkoofsi namoota du'anii dabale

Israa'el hoogganaa hidhattootaa garee Palestinian Islamic Jihad olaanaa lammeessoo ajjeesuu hordofee, lakkoofsi namootaa Gaazaatti haleellaa qilleensaan du'anii dabale.

Daa'imman jahaa fi loltoonni PIJ hedduun, lammiilee Paalastaayin 32 ajjeefaman keessaa tahuun gabaafameera. Hooggantoonni Kaalid Mansuur fi Tayseer Jabarii jedhaman keessatti argamu.

Erga Jimaataa as rokkeetii fi mortaariin 600'tti siqan gara Israa'elitti dhukaafamuu angawaan biyyattii himaniiru.

Israa'el oppireeshinicha kan eegalte sababa PIJ irraa ''sodaan ammee'' waan ishee mudateef tahuu himte.

Muddamni ammaa kun erga Caamsaa 2021 as Israa'el fi Gaazaa gidduu haleellaa olaanaa mudatedha.

Gaafas lammiileen Paalastaayin 200 ol fi lammiileen Israa'el kurnaan lakka'aman du'aniiru.

Waraanni Israa'el oppireeshinii si'anaa 'Breaking Dawn' jedhee maqaa itti baase kun, torban tokkoof turuu mala jechuun akeekkachiiseera.

Guyyaa Dilbataa rokkeetiin Paalastaayin, Gaazaarraa furguggifame erga hokkora 2021 sanaa as yeroo duraaf Yerusaalem qaqqabeera.

Haleellaan kun kan raawwate erga Israa'el qondaala olaanaa PIJ Kaalid Mansuur jedhamu ajjeesuu hordofeeti. Qondaalli kun kan ajjeefame kibba Gaazaa, kaampii baqattootaa Rafah keessatti ture.

Komaandarri kun amma dura yaalii ajjeechaa waraana Israa'el jalaa marroo shaniif irratti raawwate irraa kan oole ennaa tahu, Israa'el namni kun duula hidhannoo Gaazaa keessaa karoorsaa ture jechuun himatti.

Israa'el haleellaa Gaazaatti raawwachaa jirtuun ulaawwan lafa jalaa PIJn itti fayyadamu haleelaan jira jetti.

Kana cinaatti ammoo West Baank qabattee jirtu keessatti hidhaan jabaateera. Akka Israa'el jettutti, miseensonni PIJ kurnatti lakkaa'aman to'annoo jala oolaniiru.

Ministeerri fayyaa Gaazaa du'aafi madoolee lammiilee Paalastaayin 200 tahaniif humna fayyadamuu Israa'el balaaleffate.

Israa'el gamasheen du'aatii kanneen keessaa muraasaaf hidhattoonni PIJ itti gaafatamu jetti.

Akkamiin jennaan, gareen kun rokkeetiin inni dhukaase kallattiirraa gooruun, ijoollee hedduu bakka Jabalia jedhamu keessatti ajjeese jedhan.

BBCn waan Israa'el taheera jettu kana qaama walabarraa mirkaneessuu hin dandeenye.

Hokkora si'anaa kanaan gareen hidhataa guddichi Hamaas, rokkeetii hedduu qabu keessaa dhukaasaa jiraachuun hin baramne.

Kanumaanis haleellaan qilleensarraa Israa'el, Hamaas irratti xiyyeeffachuu isaaf haga ammaa gabaasni hinjiru - silaa kun adoo tahee hokkorri kun akkaan cimuun gulantaa biraatti ol dabra.