Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Libaanosii fi Filisxeem irratti haleellaa qilleensaa cimaa gaggeessite
Humni ittisaa Israa'el bakka gareen hidhataa Filisxeem, Hamaas qabatee jiru irratti haleellaa guddaa gaggeesse.
Haleellaan guddaan kun kan gaggeeffame Libaanoo irraa rookkeettiiwwan gara Israa'elitti dhukaafamuu hordofee tarkaanfii fudhatamedha.
Humni ittisaa Israa'el akka jedhetti, halleelaa xiyaaraa gaggeffame kanaan qaxanaan waraanaa humna garee 'shororkeessaa' Hamaas baayyee guddaa adabameera.
Tibba kana poolisiin Israa'el Masjiida Haqisaa weeraruu isaa hordofee muddamni uumameera.
Al- Haqisaan hordoftoota amantaa Islaamaatiif bakka qulqulluu sadaffaadha.
Kana waan ta'eef poolisiin Israa'el dallaa Masjiida kanaa cabsee seenuun isaa biyyoota naannichaa keessatti dabalatee dheekkamsa kaasisee tureera.
Yeroo rookkeettiiwwan dhukaafamanitti Libaanos kan ture dursaan garee Hamaas Ismaa'el Haniiyyaa "Filisxeemonni weerartoota Israa'eliin yeroo haleelaman harka marannee teenyee hin ilaallu," jedheera.
Humni ittisaa Israa'el gama isaatiin, Libaanos keessatti bakka Hamaas qabatee jiruu fi bu'uura misoomaa loltuu inni qabu barbadeessuu beeksiseera.
Hamaas rookkeettiiwwan Libaanos irraa dhukaafaman ilaalchisee odeeffannoo hin qabu jedheera.
Karaa gama Kaaba Israa'el hollaa kan taatee Libaanosiin haleellaan rookkeettii gaggeeffame kun waggoota 17 keessatti isa olaanaa ta'edha jedhameera.
Rokkeettiiwwan 37 dhukaafaman keessaa gara caalu fashalsuu himteetti Israa'el. Rokkeetiiwwan ja'a garuu gamoowwan irratti miidhaa qaqqabsiisaniiru jette.
Kana hordofee xiyyaaronni waraanaa Israa'el Gaazaa Sarxi keessatti haleellaa kan gaggeessan yoo ta'u, daqiiqaa 10 keessatti misaa'eloonni 20 ta'an bakkawwan gara garaa haleelaniiru.
Hidhattoonni Filisxeemis gara Israa'el Kibbaatti kan dhukaasan yoo ta'u, naannawaa sanatti sagaleen bilbila akeekkachiisaa dhaga'ameera.
Jeettiiwwan Israa'el lafa jala bakka meeshaawwan waraanaa itti omishaman barbadeessuu isaanii Yerusaalem Poosti humna ittisaa waabeffachuun gabaaseera.
Israa'el kanaan dura Islaamist Jihaad irratti Hagayya 2022 haleellaa wal fakkaatan erga raawwatteen booda kun isa guddaadha jedhameera.
Haleellaan kun ministirri muummee Jonaataan Netinyaahoon walga'ii nageenyaa ariifachiisaa erga waamanii booda kan gaggeeffamedha.
Netinyahoon haasaa TV irratti taasisaniin diinonni keenya yeroo nu miidhanitti gatii guddaa baasu jedhe.
Ministirri muummee Libaanos Najiib Mikaatii Israa'el birmadummaa biyyaa cabsuun haleellaa raawwatte balaaleffataniiru.
Humni nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii Libaanositti 'haalli jiru sodaachisaadha' kan jedhe yoo ta'u, qaamoleen lamaan dubbii hammeessuurraa akka of qusataniif gorseera.