Israa'el lammiileeshee hidhachiisuun rakkoo nageenyaa furamoo hammeessa?

Lammiilee Israa'el keessaa kanneen eeyyama meeshaa waraanaa qaban dhibbeentaa lama qofa turan, yeroo ammaa garuu fedhiin jiru dachaa oliin dabaleera.

Ajjeechaa Amajjii darbe, Lixa Jerusaalem iddoo warri Israa'el qabatanitti mudate booda, Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el Itamar Ben-Gvir warra Paalastaayin irratti tarkaanfii jabaan akka fudhatamuuf murteessan.

Dubbiin qawwee hidhachuu kun kan eegale bakka Neve Yaakov jedhamu keessatti.

Shimon Mizrah, kan daa'imni fi soddaan jalaa ajjeefaman, nama dhimma kana cichoominaan gaafataa tureedha.

Ijoolleen kunneen sagalee meeshaa dhagahuun wayita manaa gadi ba'an, dhukaasa namni Paalastaayin tokko dhukaasaa tureen achumatti du'an.

''Namichi daandii walakkaa dhaabbatee kallattii hundatti rasaasa roobsaa ture. Daa'ima kiyya achitti ajjeese,'' jedhe Shimon.

Haleellaa Amajjii keessa mudate sanaan namoonni biroo shanis lubbuu dhabaniiru.

Ajjeechaan akkanaa waggoota dhihoo as mudatee hin beeku.

Taateewwan akkanaa kunneen lammiileen Israa'el hedduun eegumsa mootummaan taasisaafii jiru gaaffii keessa akka galchan taasisaniiru.

''Waan na mudateef Ministira Muummee Benjamin Netaniyaahuun komadha. Itti gaafatamaan waraanaa, nageenyaa isa waan ta'eef,'' jedha Shimon.

Aab Ben Gvir namoota akka Shimon fa'iif meeshaa waraanaa hidhachiisuu barbaadu, rakkoo isaan mudachuu malu akka ofirraa qolataniif.

Qondaalli kun filannoo paarlaamaa Sadaasa darbe gaggeeffamerratti paartii isaa Ozma Yehudit (Jewish Power) jedhamuun aangoon kennameef.

Akkaataa qabiinsaa fi eegumsa nageenya lammiilee mootummaa isa dura ture keessa ture akkaan qeequun beekamu, akkasumas lammiilee hidhachiisuuf waadaa guddaa galaniiru.

Waadaan kun eeggattoota (namoota bakka humnoonni nageenyaa hin jirretti itti darbuun nagaa eegsisan) hidhachiisuu fi seera dhukaasaa laaffisuu of keessatti qabata.

Haleellaa Amajjii booda Aab Ben-Gvir namoota hedduuf eeyyama hidhannoo meeshaa waraanaa kennuu eegalan.

Karoorri isaanii ji'atti namoota 2,000 hanga 10,000 hidhachiisuudha.

Haala kanaan namoonni eeyyama hidhannoo argachuuf ji'a ja'aa hanga saddeetii eegaa turan ji'a lamaa hanga sadii gidduutti argatu jechuudha.

Uummata Israa'el keessaa namoonni meeshaa waraanaa qabatan dhibbeentaa lama qofa, lammiilee biyyattiif shugguxii fi rasaasa shantamaa gadi qofatu eeyyamamaaf.

Amma fedhiin meeshaa waraanaa hidhachuu dachaa oliin dabaleera, bara 2021 19,000 kan ture bara darbe 42,236 ga'eera.

Akka seera biyyattiitti namni tokko meeshaa waraanaa hidhachuuf dandeettii isa barbaachisu hunda gonfachuu qaba, sammuunsaas nagaa ta'uu qaba.

Gama kaaniin West Bank iddoo warri Israa'el qubsuma isaanii godhatan keessatti, namoonni dirqama nageenya eegsisuu ofitti fudhataniiru.

Gareen hin hidhanne bakka loltoonni Paalastaayin hin jirretti nageenyasaanii ofumaan eeggachuuf gurmuu uummataniiru.

Namoonni kunneen guyyuu sodaa haleellaa Jewish jala jiraatu, ji'oota darban haleellaan irratti raawwatamaa ture.

Humna haaraa, dargaggoota irraa ijaaraman kunneen warri Paalastaayin loltoota Israa'el ittiin qolachuuf gargaaramu.

Namoota Qindoomina Garee Farra meeshaa waraanaa Israa'el- Gun Free Kitchen Tables hundeessan keessaa tokko kan ta'e Rela Mazali, meeshaa waraanaa harka uummataa galchuudhaan haleellaa ofirraa qolachuun yookiin ammoo madoo hambisuun hin danda'amu jedha.

Inumaa hidhannoo meeshaa waraanaa namoota hedduuf eeyyamuun ajjeechaa fi dhumaatii lammiilee dabala jedhe Rela Mazali.

Lakkoofsi namoota eeyyama meeshaa waraanaa argatanii dabaluurraa kan ka'e, durumaanuu Israa'el keessatti yakki meeshaa waraanaan mudatu bayyachuu eegaleera jedha.

Haleellaa meeshaa waraanaan raawwatuun irra-jireessaan kan ajjeefaman lammiilee Paalastaayin ta'uu fi dubartoonni Jewish fi Paalastaayin ta'anis ajjeefamuu dubbate.

''Hojii nageenya eegsisuu harka namoota dhuunfaa (uummatatti dabarsuu) caalaa, caasaa nageenyaa dandeettii qabu, yeroodhaan deebii kennu, of eeggannoo fi itti gaafatamummaan socho'u ijaaruutu barbaachisa,'' jedhe.

''Humna nageenyaa dubbii hammeessu miti kan barbaannu. Kan amma Israa'el keessatti ta'aa jiru osoo hin taane, humna nageenyaa rakkoo mudatu tasgabbeessuu beekutu ijaaramuu qaba.''

Tarkaanfiin kun kan xiyyeeffannoo argate wayita mormiin paartii warra siyaasa gara mirgaa hordofanii (Far-right) kan amma aangoorra jiranii mudatee jiruttidha.

Hiriirri kun karoora mootummaan sirna mana murti biyyattii haaressuuf karoorse mormuuf bahame.

Wayita dubbiin Israa'el fi Paalastaayin gidduutti hammaatee jiru kanatti tarkaanfii akkanaa fudhachuun namoota hedduuf yaaddoo ta'eera.