Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'eeliitti sababa barsiisonni dhalattoota Itoophiyaatti qoosaniif ministirri biyyattii dhiifama gaafate
Israa'eelitti Barsiisonni biyyattii barattoota shamarranii dhalattootaan Itoophiyaa-Israa’el ta'an, garee WhatsApp ‘Black School Trip’ jedhamu bananii osoo itt baacanii ykn ga'iisanii barattoonni bira gahan.
Taate kana hordofuunis Ministeerri Barnoota Israa’el ijoollee shamarranii hidda dhalootaa Itoophiyaa-Israa’el qaban dhiifama gaafate.
Barattoonni shamarranii kunneen barsiisonni garee daawwaannaa barattoota gurraachota ykn ‘Black School Trip’ jechuun bananirratti osoo waa'ee isaanii dhaaamsa waliif dabarsanii argaman.
Barattoota shamarranii kana keessaa tokko osoo barsiisonni kun waliin haasa’anii viidiyoon waraabdee miidiyaarratti barsiisota ''qaanessoo’’ jettee maxxansite.
Sana booda barsiionni haasaa jibbaa kana keessatti qooda qaban hojiirraa ittifamuun taateen kun qoratamaa jira.
Israa’el keessa dhalattoota Itoophiyaa 150,000 ta’anitu jiraata.
Namoonni kunneen irra caalaan isaanii bara 1980 keessa dhaabbanni basaasaa Israa’el opporeshinii gaggeesseen biyyattii seenan.
Jiwish Itoophiyaa hawaasa Israa’el waliin walitti makuurratti rakkoo guddoo kan mul’ate yoo ta’u, hawaasni Jiwishoota Itoophiyaa baayyeen isaanii hojii hin qaban, hiyyeeyyii fi cunqurfamoodha.
Waggoota murasaan asitti garuu hanga tokkoo foyya’iinsi mul’ateera.
Wiixata darbe kana barsiisonni fi barattoonni mana barnootaa amanta Netivot, Kibba Israa’el irraa guyyoota sadiif dawwannaaf bahani turan.
Ijoolleen shamarranii kana keessaa tokko dhaamsa barsiisonni garee WhatsApp irratti waliif qoodan argite.
Dhaamsi garee sanarratti keessatti qeeqa arrabsoo jibba barattoota hidda dhaloota Itoophiyaa ilaallatu argite.
Barattoota kana keessaa tokko otoo barsiisaan hin hubatiin gochasaanii viidiyoon waraabde.
Sana booda barattuun kun suuraan dhaamsa arrabsoo sana miidiyaa hawaasaarratti qoodde.
Akkas jettee barreessite; ''Akkam bultan barsiistoonni mana barnoota kanaa? Akka miseensa hawaasaa Itoophiyaa tokkootti dhaamsa gad-deebii akkasii arguun na gaddisiise,’’ jette.
Barsisoota keenya ta’uurra fi fakkeenya nuuf ta’uun, iddoo miidhaan nurra hin geenye gochuurra waan faallaa ta’e hojjattan jette.
''Garee daawwaanna ‘barattoota gurraachoota’ jechuun kan bantan barattoonni isin duuba jiraachuu dagachuudhaani, barattoota keessanitti ga’iistuu?'' jettee barreessite barattuun kun.
Sana booda barsiionni haasa’aa jibbaa kana keessatti qooda qaban yeroof hojiirraa ittifamuun dhiifama gaafatan.
Daarektarri mana barnoota kana ibsa baaseen ''qeeqa arrabsoo cimaa of keessa qabu barsiisonni barattoota Itoophiyaarratti kennaanitti ''guddoo rifanneerra’’ jedhan.
''Qeeqaa jibbaa akkasiif bakka hin qabnu, qeeqa akkasii manaa barnootaa keessatti hin eeyyamnu,bulchiinsi mana barnootaa qeeqa kana akka waan jabaatti ilaala’’ jedhan. Ministirri Barnoota Israa’el Yohaav Kisich barsiisoota kana balaaleffatan.
''Dhiphina barattoota mudateef dhiifaman gaafadha, taatee argine akkasiif obsa hin qabnu,’’ jedhan.