Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el manguddoo umrii 61 dabalatee lammiilee Paalistaayin sagal ajjeefte
Bulchiinsa West Bank keessatti Israa'el duula gaggeessiteen jaartii ganna 61 dabalatee namoota sagal ajjeesuu angawaan Paalistaayin tokko dubbatan.
Waraanni Israa'el ammoo qindeessaa garee "Islaamik Jihaad" hidhuudhaf waraana ishee garasitti erguu dubbatti.
Akka waraanni Israa'el gareen kun "haleellaa guddaa" raawwachuuf karoorsee waan jiruuf isa dursanii karaatti hambisuuf akka ta'e ibse. Pirezidaantin Paalistaayin Isra'eel ajjeechaa "jumlaa" raawwatte jechuun Irsaa'el wajjin dhimma nageenyarratti kan booda akka hin hojjanne beeksise.
Dabalatanis, boodarra namni kurnaffaan humnoota nageenyaa Israa'el wajjin walitti bu'uun ajjeefamuun ibsame.
Gama biraan Gaazaa irraa rokkeettiwwan gara Israa'elitti dhukaafamuu hordofee Israa'el halkan edaa iddoo buufata hidhattoota jette Gaazaa irratti haleellaa qilleensarraa raawwaachuu ibsite.
Garuu Gaazaa irraa gareen rokkeettii gara Israa'elitti dhukaafamef itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Haleellaa kanaan qilleensarraa Gaazatti raawwatameen namni miidhame akka hin jirre AFPn gabaasera.
Kutaa Palistaayin Gaazaa keessatti Israa'el bara darbe irraa kaastee haleellaa farra shororkeessumaati jette gaggeessuu erga eegaltee booda yeroo dhiyoo as West Bank keessatti muddamni uumamee jira.
Amajjii 26 ganama waraanni Israa'el duula sa'aatii sadiif buufata baqattootaa Jeenin jedhamutti gaggeessen irratti hidhattoota Paalistaayin wajjin dhukaasa cimaatu ture.
Ministeerri Fayyaa Paalistaayin akka beeksisetti mangudoon ganna 61 warra ajjeefaman keessayi.
Ministeerri Ittisa Israa'el gama isaatin waraanni biyyattii buufata baqattoota Paalistaayin Jeniin jedhamu kan seenan qindeessitoota garee Islaamik Jihaad to'achuudhafi.
Islaamik Jihaadfi Haamas hidhattoonni isaanii loltoota Israa'el haleeluu beeksisan.
Baha Giddu Galeessatti ergamaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan ta'an Toor Weneslaand waan mudatetti "gadduufi yaada'uu" himan.
Bara kana qofaa Israa'el haleellaa fudhatteen lammiilen Paalistayin 30 ajjeefamaniiru.
Bara darbe ammoo West Bank keessatti namooni 150 ajjeeffamanii turan.