Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa hospitaala Gaazaaf, Israa'el quba kan itti qabde, Islaamiik Jihaad eenyu?
Kibxata galgala magaalaa Gaazaa keessatti haleellaan lubbuu namoota 470 olii galaafate hospitaala Al Ahlii al-Arabiyaa jedhamurratti raawwate dheekkamsa guddaa kaasera.
Onkololessa 7, Hamaasirraa haleellaa irratti raawwate hordofee tarkaanfii haaloo bahuu haleellaa qilleensaa walirraa hin cinneen Gaazaatti duulaa kan jirtu Israa'el, hospitaalicha akka hin haleelle waraanni biyyattii ibseera.
Qorannoo atattamaa gaggeesseen hidhataan biraan Filisxeem keessa jiruufi michuu Hamaas ta'e Islaamik Jihaad jedhamu dhoyinsa lubbuu namoota dhibbaan lakkaawaman gaaga'eef sababa ta'uu bira gaheeras jedhe.
Dhoyinsi kan mudate gareen hidhataa Filisxeem Islaamik Jihaad wayita rookkeeta dhukaasu dogoggora uumeeni jetti Israa'el.
Gareen Islaamik Jihaad gama isaan haleellicha keessaa gahee akka hin qabne himuun, kan raawwatte Israa'eel ta'uu ibse.
Gareen kun battala balaan sun qaqqabu magaalaa Gaazaafi naannoo san keessa socho'aa akka hin turre ibseera.
Haleellaan kun Israa'el wayita haleellaa walirraa hin citne Gaazaarratti raawwachaa jirtu mudachuusaarraa kan ka'e biyyootni fi qaamoleen hedduun Israa'eliin himachaa jiru.
Ofii gareen Islaamiik Jihaad eenyu?
Gabaasni Rooyitarsi qindeesse akka agarsiisutti gareen hidhataa Islaamik Jihaad jedhamu bara 1970oota keessa namoota Faatii Shiqaaqiifi Abdel Aziiz Odeeh jedhamaniin bu'uureffame.
Gareen kun uummata dhaaba Yaasiir Arafaat hundeessan, Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem, irraa abdii dhabaniirraa deeggarsa jabaa argate.
Hundeessaa qaama kanaa kan ta'e Shiqaaqiin, bara 1995 ajjeestota Israa'el qacarteen Maaltaa keessatti rasaasaan ajjeefaman.
Kakuun garee Islaamik Jihaad, Israa'el balleessuun bakkasaa mootummaa Islaamaa kan bara 1948 dura turee deebisuudha.
Mootummaa Islaamaa hundeessuu yaaduun lafa Israa'el erga Waraana Baha Gidduugalaa bara 1967 booda qabatte Weesti Baankiifi Gaazaa ni dabalata.
Gareen kun deeggarsa maallaqaa fi beekumsaa Iraan irraa argata. Israa'el deeggarsi maallaqaa Islaamik Jihaad Iraanirraa argatu waggaatti doolaara miiliyonaan lakkaawamu akka ta'e tilmaamti.
Teessoon garee kanaa Filisxeem keessa miti. Teessoowwan isaa Beerutiifi Damaaskos jirurraa hidhattootasaa gara lafa Israa'el to'atte Weesti Baankitti bobbaasa. Erga yeroo dhiyootii ammoo duula Gaazaatti godhus dabaleera.
Neetworkiin waraanaa Islaamiik Jihaad Gaazaa keessaa qabu kan magaalittii bulchu, Hamaasitti aanee isa guddaadha.
Gahumsa garee kanaa ifatti beekuun rakkisaadha. Odeeffannoon CIA bara 2021 bahe akka jedhutti gareen kun hidhattoota kumaan lakkaawwaman qaba.
Hidhannoon waraanaasaa akka rookkeettii, moortaarii fi misaayelootni farra taankii hedduudha. Islaamik Jihaad gahumsa waraanasaa kanarratti odeeffannoo hin baasu.
Hamaas filannoo teessoo Paarlaamaa Filisxeemiif dorgomee bulchiinsa Paalistaayin keessaa bakka buutota qaba. Islaamik Jihaad garuu Gaazaattis ta'e Weesti Baankitti mootummaa ijaaruuf fedha hin qabu.
Israa'el, US fi biyyootni Awurooppaa Islaamik Jihaadiin garee shororkeessaadha jedhanii labsaniiru.