Lola Israa’eliifi Hamaas: Waraana Addunyaa III'tti geessuu danda’aa?

Onkololeessa 7 gareen Hamaas haleellaa Israa’elirratti gaggeesse hordofee Israa’el Gazaa qilleensarraan haleeluu itti fuftee, waraana lafoon eegaluuf qophaa’aa jirti.

Waa’ee waldhabdee kanaa, dhibbaa inni fiduu malu, akkamiin akka xumuramuufi biyyootiin biroo waraana kanatti makamuu maluu kan jedhurratti gaaffiin hedduu hordoftoota irraa BBC’f dhiyaateera.

Waahiloonni keenya kan hedduun naannicha keessa jiran, gaaffilee hedduminaan gaafataman harmaan gadiif deebii kennaniiru.

_____________________________________________________________________________

Waraanni kun gara Waraana Addunyaa III'tti geeddaramuu danda’aa?

Sikermasdeel, UK irraa Kireeg Joonsan: Waraanaa kanarratti Iraan kallattiin yoo hirmaatte, kun Ameerikaa fi michootashee akka kallattiin waraanicha keessa galan gochuu danda’aa? Kunimmoo waraana addunyaa sadaffaa fiduu danda’aa?

Gulaalaan idil-addunyaa BBC Jeremii Boowen, Kibbaa Israa’eel irraa akkas jedha:

Iraan ykn michuun isaanii Libaanos Hizboollaan waraana kana seenuu danda’u jechuun yommuu gaafataman Joo Baayden ‘dhiisaa’ jechuun deebii kennaniiru.

Iraaniif akeekkachisa gidduu hin seeninaa jedhu cimaa kennuuf Ameerikaan doonii waraanaa xiyyaara baatan lama gara Lixa galaana Meditareeniyaatti ergiteetti.

Yoo eenyuyyu gidduu seene, humna waraanaa Israa’el qofa osoo hin taane humna waraanaa waliin lolatti galtu jechaa jiru.

Baha Gidduu-galeessaa keessatti adda addaammaan yaadaa inni ijoon Ameerikaa (US) fi michoota ishee, Iraaniifi michoota ishee gidduu jirudha.

Gama lamaaninuu yaaddoo jiru beeku. Waraana hololaa irraa gara waraanaa qabatamaatti yoo geeddarame Baha Gidduu-galaa keessatti ibidda saafaa addunyaa guutuutti dhibbaa qabaatu uumuu danda’a.

_____________________________________________________________________________

Kaayyoon Israa’el maali?

Daangaa Iskootish irraa Lusiyaanoo Sisii: Waraanaa Lafoo eegamaa jiruun kaayyoon waliigalaa Israa’el maali?

Gazexeessituun BBC idil-addunyaa, Liis Duseet Kibba Israae’el irraa akkas jetti:

Waraanaa kana duraa keessatti, Israa’el “cimsitee Hamaasiin rukutuuf'' holqa lafa jalaa qabu dabalatee- dandeetti gara Israa’ellitti rookkeetti dhukaasuu qabu barbadeessuuf waadaa seentee turte.

Amma garuu addadha. Israa’el “Hamaasiin ballleessuuf” waadaa seentu – dhaabbati kun akkuma gartuu Islamic State (IS) barbada’uu qabudha jetti.

Ijaarsa Hamaas diiguuf, holqaa isaanii balleessuufi hidhannoo ajajaa isaa dadhabsiisuuf dandeettti waraanaa qabdi.

Garuu Israa’el wanta Gaazaa keessatti ishee eeggatu hangam akka beektu ifa miti. Hubannoo cimaa waa’ee humna Israa’el qabaniin, humna addunyaa irratti cimaa jedhamu kana bira darbuun humni waraanaa Hamaas, lammilee Israa’el riffachiseera.

Deebiin hammaataa Israa’el maal akka fakkaatu waan beekuuf Hamaasis qophii cimaa walfakkaataa qabaachuu mala.

Akka gartuu Islamic State osoo hin taane, Hamaas dhaabbata siyaasaafi hawasuummaa ummata Filisxeemota keessatti hundee horatedha.

Haleellaan waraanaa sibiilaafi manneen isaa diiguu danda’a garuu ejjeennoo ummatichi kayyoo isaaniif du’uuf qaban kan cimsu ta’a.

_____________________________________________________________________________

Kaayyoon haleellaa Hamaas maal ture?

UK irraa Andiruu Paarker: Kayyoon haleellaa jalqabaa Hamaas maal ture?

Gazeexessaan nageenya BBC Firaank Gaardinar akkas jedha:

Dubbi-himaan Hamaas Mohaammad Al-Dayiif tibba lola kana eegalanitti sababa ''Gahe jechuun gahe jechuudha!'' jedhu kennan.

Haleellaan banan kun dubbii barbaachaafi sarbama warri Paalistaayin Gaazaafi Weest Baank harka Israa'elitti argaa jiraaniif deebii laachuuf jedhan.

Xiinxaltootnimmoo tarii sababni biraan ifa hin taane ni jiraata yaada jedhu kennu.

Lolli kun wayita eegalu Israa'eliifi Sawud Arabiyaan hariiroosaanii naga-qabessa gochuuf daandii milkii qabatanii ture.

Kanammoo Hamaasiifi biyyi Hamaasiin deeggartu, Iraan mormaniiru. Sawudiin dubbii daandii qabate kana adda kutteetti.

Kana dabalatee sababootni biroonis jiraachuu malu.

Aanga'oonni Hamaas rifoormii damee seeraa bulchiinsi Netaaniyaahuu baase uummata Israa'el qoqqodaa akka jiru dursanii hubataniiru. Isa kana hammeessuun milkaahaniiru.

Masriin maaliif daangaa cufatte?

UKrraa kan gaafatte Diyaanaa: Musliimonni waayee maatiifi obbolummaa Islaamummaa haasa'u. Maarree Musliimonni Maasrii daangaa gama Gaazaan jiru cufachuun sirrii ta'uu akkamiin amanu?

Jeremii Boowen, gulaalaan idil-addunyaa, Kibba Israalirraa gabaasuutti jiru deebii kenna:

Musliimonni Masrii miiliyoonaan lakkaawwaman dararaa namoota nagaa Gaazaa furuuf fedha qabaachuu shakkii hin qabu.

Mootummaan Masrii garuu yeroo nagaayyuu karaa ulaa Raafaah Gaazaarraa akka as ce'an hin hayyamu. Hamaas bara 2007tti Gaazaa erga qabatee booda Masriin biyyoota haleellaa jalqabaa Israa'el deeggaran keessaati.

Hamaas Masrii keessa dhaaba socho'u Musliim Biraazeerhuud keessatti hundee qaba. Dhaabni erga hundaa'ee jaarraa tokko guute biyyootaafi hawaasa naannicha jiru bu'uura barsiisa Islaamaan caasessuu barbaada.

Humni waraanaa Masrii ammoo yaada kana ni morma. Pireezidantii Masrii dhaaba kana keessaa filannoo injifachuun aangoo qabatanis aangoorraa buqqiseera.

Mootummaan Masrii amma jiru Hamaas waliin hariiroo ni qaba. Baroota darban ammoo qaama Hamaasiifi Israa'el gidduu deemuudha. Garuu ammoo itti godaanuu Paalistaayinootaa hin fedhu.

UN dhimma haleellaa qilleensaarratti maaliif giddu hin galle?

Saadul Hook Landanirraa gaaffatti: Namni hunduu Israa'el haleellaawwan qilleensaan namoota nagaa ajjeesaa jirti fuula duraafis haleellaa haaraan hedduu ajjeesuuf jirti jedhee erga waliigalee, UN fi biyyotni kaan maaliif gidduu hin galle?

Jeems Laandel, gaabaasaan dhimma dippiloomasii keenya deebii laata:

Biyyootni baayyeen Israa'el haleellaa qilleensaa akka dhaabdu kan hin watwaatne biyyattiin Hamaasiin haleelamteetti; kanaafis mirga ofirraa qolachuu qabdi jedhanii waan fudhataniif.

Ministirri Muummee UK Kibxata ganama ibsa kennaniin ''Ministira Muummee Israa'el waliin yoon haasa'u dhiibbaa namoota nagaarra gahu hanga danda'ameen xiqqeessuun barbaachisaa ta'uu kaaseera'' jedhan.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomaniis Israa'el namoota nagaa miidhuu akka dhiistu gaafateera.

Barreessaa Olaanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Gutareez guyyoota dura: ''seeronni namomaa idil-addunyaafi kan mirga namoomaa kabajamuu qabu; namoonni nagaan balaarraa eegamuu qabu, akka dahoottis fudhatamuu hin qaban'' jedhaniiru.

Hizbollaafi Hamaas akkamiin walbiratti madaalamu?

Ulaa Gaazaarraa gama Kaabaatti Libaanosiifi Israa'el gidduuttis muddamni dabaleera. Dubbisaan tokko Libaanos waraana kanatti yoo makamte Humni Hizbollaa Hamaas waliin walbira yeroo qabamu hammam? waan jedhu beekuu barbaada.

Kibba Libaanosii kan gabaasu Hugoo Bacheegaa akkas jedha:

Dhaabbata siyaasaa, waraanaafi hawaasummaa Libaanos jiru Hizbollaa jedhamu kana Israa'el Hamaas caalatti gartuu waraanaa jabaa akka ta'etti fudhatti.

Gareen waraanaa Iraaniin deeggaramu kun, rookkeettiifi misaayela 130,000 ta'u akka qabu Giduugalli Tarsiimoo fi Qo'annoo Idil-addunyaa ni tilmaama.

Meeshaaleen waraanaa kun irra hedduun isaanii rookkeettiiwwan xixiqqaa, humna namaan socho'aniifi lafaa lafarratti dhukaafamaniirraa hojjetaman.

Kun ammoo meeshaa walxaxaa Hamaasiyyuu of harkaa hin qabnedha.

Hooggansi Hizbollaa loltoota 100,000 akka qabu dubbata. Tilmaamni kaan ammoo 20,000-50,000 jedha. Hedduun isaanii muuxannoo waraanaa qabu. Waraana waliinii Siiriyaa keessatti hirmaataniiru.

Akka Israa'el jettutti, Hamaas loltoota 30,000 qaba.

Israa'el akkamiin dursitee haleellaa Hamaas baruu dadhabde?

Dubbisaan maqaan akka hin eeramne gaafate: Humni waraanaa Israa'el odeeffannoo tikaafi hordoffii gahaa buufata Hamaas Gaazaa jiruu qabu akkamiin Hamaas haleellaa banuuf akka ta'e beekuu dhabe ykn agarsiistuu akeekkachiisaa dhabe?

Yoolaand Neel, Gabaastuu Giddu-gala Bahaa, Jarusaaleem jirtu:

Duraan humni waraanaa Israa'el wiirtuu to'annoosaa gaazexessitoota Gaazaa jiraniif banaa godha ture. Dirooniifi Kaameraawwan biroorraa waa'ee sochii laffarra jiruu odeeffannoo wayitaawaa sassaabuun jabaa akka ta'e ifadha.

Neetwoorkii odeeffannoo bal'aa akka qabus ni beekama.

Caamsaa darbe lola Islaamiik Jihaad waliin gaggeeffamerratti hidhattootni garam akka jiran beekuurratti odeeffannoon sasssaaban hangam sirrii akka ta'e mul'ateera.

Haleellaa Hamaas isa alanaa lubbuu hedduu galaafate kanaan walqabatee garuu waraanni Israa'el hanqinni tikaafi nageenyaa mudachuu ifatti amanee jira.

Takkaa humni lafoo Gaazaa seennaan xiyyeeffannoowwan Hamaasiifi bakka argamasaanii tarreessee harkaa qabu garuu mirkanaa'a akka ta'an amana.