Ministirri hojjettoonni manaa dolaara miiliyoona tokko manasheetii hatuu hordofee aangoo gadhiiste

Dolaara hatame

Madda suuraa, Getty Images

Gaanaatti ministirri dolaara miiliyoona tokko [birrii Itoophiyaa miiliyoona 50 ol tilmaamamu] mana jireenyaashee keessaa hojjettoota manaan hatamuu hordofee aanga'aan kun aangoo gadhiiste.

Maallaqni hojjettoonni manaa hatan jedhamanii himataman kun mana jireenyaa ministarittiifi abbaa warraashee magaalaa guddoo biyyattii Akraa jiruuti ta'uu akka hin oolle himame.

Ministirri Qulqullinaafi Qabeenya Bishaanii Gaanaa Aadde Sesiiliyaa Abenaa Dappaah maallaqa guddaa hanga kana gahu hojjettoonnishee manaa hatuun shakkaman kana maaliif mana keesse gaaffiin jedhu irratti kaanaan aangoo gadhiiste.

Maallaqa dolaaraan ibsame ala yuuroo 300,000 akkasumas maallaqa biyyattii miiliyoonaan lakka'amullee argamuu gabaafameera.

Miidiyaan biyya keessaa akka gabaasetti hojettoonni hanna kana raawwatan namoota umriin isaanii ganna 18 fi 30'ti.

Hojjettoonni manaa lameen amma hannaan himataman. Taatee kanaan hidhata qabu namoonni jedhaman biroo sadiinis himatamaniiru.

Shakkamtoota keessaa gatii hoosiftuuf mirgi wabii kan kennameefi yoo tahu, kaan garuu gaaddisa seeraa jala akka turan taasifameera.

Dhimmi kuni saaxil-bahuunsaa Gaanaatti dheekkamsa kaaseera.

Lammiileen biyyattii ministirri Gaanaa kuni maaliif qarshii hanga kanaa manaa qabaatan jechuun gaafataniiru.

Hogganaa paartii mormituufi Pirezidantiin duraanii Joon Mahaamaa tiwiitara isaanii irraatti ''waan nama qaanessu'' jechuun barreessan.

Osoo qarshiin kuni karaa sirriin argame ta'ellee maaliif mana kaa'ama jedhanii gaafatan. Pirezidantii aangoorra jiraniis qeeqan.

Miseensonni Paarlaamaa yoo dhimmi kuni mirkanaa'e ministarittiin akka hojiirraa ka'an, akkasumas maallaqichi eessaa akka dhufe qorannoon akka adeemsifamu dursanii gaafataniiru.

Ministirri himannaan irratti ka'u dhimma kanarra homaa yaada hin kennine.

Boodarra garuu ifatti aangoo gadhiisuu beeksiste.

Ibsa isheen, "hangi maallaqa hatamee inni sirrii kan aniifi abbaan warraa koo poolisiitti beeksifne akka hin taane cimsee ibsaa oduun kana fakkaatan nama bakka koo jiruuf ergaa maalii akka dabarsan nan hubadha," jette.

Kun ifa taasifamuu hordofee, yeroo biyyattiin raafama dinagdee keessa jirtu maallaqa hangana gahu mana jireenyaa keessa maaliif kaa'ame jedhamee Gaanaa keessatti waca guddaa kaaseera.

Bara 2013'tti Ministirri Itti-aantuu Koominikeeshinii Gaanaa yeroosii hamman doolaara miiliyoona tokko argadhutti aangoorra hin bu'u yeroo jettee sagaleen waraabamuun hojiirraa ari'amteetti.

Qondaalli mootummaa yeroosii kuni garuu maqaa na balleessuu nama wayiitu kana uume jette.