Dargaggoon kuni nama dheeraa addunyaa ta'uf deemaa?

Dargaggeessi ganna 29 lammii Gaanaa Sulemaan Abdul Samed dhiyeenya kana qorannoodhaaf gara hospitaala naannoo isaa jiru deemee dheerinni isaa meetira 2.89 gahuu itti himame.
Akkaataa safara isaa kanaan namni kun dargaggoo Itoophiyaatti dheerinaan tokkoffaadha jedhame Nagawoo Jimaa kan 2.25m dheeratu ni caala.
Nama dheeraa addunyaa kanaa akka jedhamu isa taasisuus mala. Garuu mirkana ta'uf waan rakkiseetu jira. Gaazexeessaan BBC dhugaa jiru adda baasuuf qe'ee inni jiru imaleera.
Feevar Nuunoo gaazexessaa BBC Afaan Pijiniiti. Nama dheeraa addunya kanaan akkamitti akka wal bare akkanatti katabe:
Jalqaba waa'ee namni dheeraan addunyaa irratti dorgomaa ta'e Kaaba Gaanaa jira jechuu dhagahu, dhugaa ta'uu isaa adda baasuf deemee ilaalu malee jedheen ka'e. Rakkoo guddan jiru dheerina isaa safaruudha.
Waggoota muraasa dura dhibee dheerinni namaa akka dabalu godhuun qabamee ji'a ji'aan mana yaalatti deddeebi'uun hordoffii waldhaansaa argachaa ture.
Guyyaa tokko akka tasaa dheerina isaa safaruuf ka'aa akka dhaabbatu itti himama. Narsiin isa yaalaa turte waan isa naasisu itti himte: "Dheerinni kee meeshaa ittiin dheerina safaran caala" kan jedhu ture.
Qe'ee isaatti maqaa masoo Awuche jedhamuun beekama; hiikaan isaa afaan Hawusaatin "Haa Deemnu" jechuudha.
Baay'ee nama dheeraa ta'uun isaa isa osoo hin taane ogeeyyii fayyaa isa yaalaa turaniif gaaffii uume: "Namni akkamitti akkas dheerachuu danda'a?" kan jedhu.
Narsiin isa ilaalaa turte ajaa'ibsiifattee narsii kan biraa waamte. Ogeeyyin fayyaa biroos wal-gahanii akkaataa ittiin dheerina isaa safaran mariitti taa'an -dheerinni isaa meeshaa ittiin safaran caalera waan ta'eef.
Boodarra muka barbaadanii meeshaa ittiin dheerina isaa safaran irratti dabaluun dheerina isaa tilmaaman.
'Ammayyuu dheerataatuma deema'
Ji'oota muraasa dura gara Kaaba Gaanaatti imalee jalqaba gaafan Awuchee wajjin wal argu, dheerina isaa safaree adda baafachuuf meeshaa ittiin dheerina safaran hin qabun ture.
Ergasii deebi'een meeshaa safaraa dheeraa ta'e qabadheen gara mandara Gamabaagaa- bakka jireenya Awucheetti deebi'e.

Kaayyon koo keenyaa manaatti hirkatee dhaabatee, sana booda bakka mataan isaa gahe mallattoo itti godhee keenyaa manaa sana safaruuf ture.
Dheerina sirrii ta'e argachuuf karoora koo kanatti gammaduu beeksise. Garuu mana naannoo sana jiru hundumaa waan caalef waan bira dhaabbatee ittiin qixxeessinee safarru barbaachan itti fufe.
Boodarra mana keenyan isaa dheeraa ta'e argannee kophee isaa baafatee keenyaa manaatin qixxaatee dhaabate
Ollaan isaa tokko ammoo teessoo mukaa irra dhaabatee bakka matan isaa dhaqqabe sana cilee fuudhee mallattoo itti godhe.
Booda hanga bakka mallattoon itti godhamee sanatti safarre.

"Awuche, safartuun faana 7fi inchi 4 (2.23m) agarsiisa," jedheen. Kokkolfaa, "Maal jechuudha?" jedhe.
"[Adunyaa irratti] namni dheeraadha jedhame faana 8 fi inchii 2.8 (2.51m) dheerata, xiqqoodhuma faana tokko si caala."
Nama ganna 40 Sulxan Kosen kan Turkii keessa jiraatuufi nama dheeraa addunyaa jedhamee Galmee Addunyaa irratti galmaa'e jechuu kooti.
"Ammayyuu dheerataan deema. Eenyutu beeka guyyaa tokko dheerina sana qaqqabuun danda'a," jedhe Awuchen.
Arrabnis guddataa jira
Dheerinni isaa dabalaa akka jiru kan hubatame yeroo inni ganna 22 tureedha. Yeroo sana Awucheen magaalaa guddoo Gaanaa, Akiraa keessa jiraata ture.
Erga baruumsa sadarkaa 2ffaa xumuree obboloota isaa magaalaa Akiraa jiran bira taa'ee carraa isaa yaaluf ture.

Hayyama konkolaachisummaa baafachuuf jecha qarshii walitti qabachuuf mana foonii fa'aa keessa hojjataa ture.
Guyyaa tokko ganama gaafa ka'u dalga itti gale: "Arrabni koo guddatee afaan na guutee hangan hafuura baafachuu dadhabutti gaheen ture," jedha.
Qoricha fudhachuuf gara mana qorichaa deeme. Boodarra arraba isaa qofa osoo hin taane, qaamni isaa hundi dheerinni isaa dabalaa akka jiru hubate.
Maatiifi firoonni isaa magaalaa dhufanii gaafa isa argan baay'ee guddatee ajaa'ibsiifatu. Innis boodarra nama guddaa ta'uu isaa bare.
Kanumarraa kan ka'e dugdi isaa goobee hafe. Kuni ammoo mallattoo namoonni rakkoo akkasaa qaban isaan mudachuu danda'uudha.
Qaamni isaa kana caala akka hin dheeranneef wal'aansi sammuu baqaqsanii hodhuu akka isa isa barbaachisu itti himan.

Garuu ammoo waldhaansa kanaaf qarshii kaffalu hin qabu. Beellama deddeebi'ee ilaalamuuf si'a tokkotti hanga dolaara 50 kaffala.
Haalli fayyaa isaa kun waggaa jaha dura gara qa'ee isaa dur tureetti akka deebi'u isa dirqisiise. Abjuu konkolaachisummaa barachuu isaas addaan kutee gale.
"Mana baruumsaa konkolaachisummaa barachuuf karoorsaan ture, yeroon konkolaataa seenu garuu miilli koo waan na danquuf oofuu hun danda'u...," jedha.
Akkasumas jireenya hawaasummaa irraa danqamee jira.
"Akkuma nama kamii kubbaa miilaa taphataan ture, amma garuu fageenya xiqqooyyuu deemuu hin danda'u," jedha Awucheen.
Mandara isaatti beekamaa ta'eera
Awucheen rakkoo isa mudate kanaaf harka laachuu hin fedhu. Yeroo qe'ee dhaloota isaa keessa deemu, namni hunduu Awuchee! jedhee waamu inni fuuluma ifaadhan nagaa isaan gaafata.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qe'ee sanatti beekamtii horateera. Ijoolleen, jaarsoliin akkasumas dubartoonni gaafa isa argan ol isa ilaalanii wajjiin qoosu.
Namoonni tokko tokko ammoo suuraa wajjiin ka'u. Kanneen dheeraa ta'uu isaa dhagahanii dhuguma nama dheeraa beekamaa ta'uu isaa adda baafachuuf fageenya irraa isa barbaacha gara qe'ee inni jiraatuu imalanis danuudha.
"Yeroo heddu, eeyyee koottaa jedheen wajjiin dhaabannee suuraa ka'a," jedha Awucheen.
Maatiin isaa deeggarsa hamilee taasisaniif baay'ee isaan galateeffata. Maatii isaa keessas namni akka isaa rakkoo dheerinaa qabu akka hin jirre dubbata.
Sulemaana Abdul Saamed ykn Awuchern guyyaa tokko gaa'ela dhaabbatee ijoollee akka horatu abdii qaba; garuu amma rakkoo fayyaa isaarratti xiyyeeffachuu barbaada.
Xiyyeeffannoon isaa jalqabaa qarshii barbaaddatee waldhaansa baqaqsanii hodhuu pilaastikii (plastic surgery) akka taasifamuufidha.
Haala isaa gaafa ilaalu homaa komii hin qabu. "Allaah akkanatti akkan jiraadhuf naaf filate, komii hin qabu. Akkaataa itti Waaqayyo na uume irraa komii homaa hin qabu,'' jedha.












