Gaanaatti Imaamni Islaamaa ijaarsa bataskaanaaf doolaara 8,000 arjooman

Madda suuraa, AFP
Gaanaatti Imaamni olaanoon Sheek Osmaan Shaarubutu pirojaktii ijaarsa kaatediraalii biyyaaleessaa wal falmisiisaa ta'e deegaruuf jecha doolaara 8,000 arjooman.
Biyyi Gaanaa seenaa amantiin walitti dhufeenya gaarii kan qabaattus kennaan ammaa kun akka waan gochaa kana dura hin barmneetti ilaalamaa jira.
Maanguddoo waggaa 102 fi dureen amantaa Islaamaa kunis sababiin kennaa kana kan raawwataniif yoo himan, walitti dhufeenya nagaa qabeessaa amantaa Kiristaanaa fi islaamaa jidduu jiru cimsuufan jedhaniiru.
Dureen hawaasaa Islaamaa baay'inaan Gaanaa keessatti xiqqaa ta'anitis kannaa kanaan duras, leegaanii nagaa dhiisanii darbu akka barbaadan dubbatanii ture.
Waggaa lamaan duras, tajaajila sirna kabaja Faasikaa kan Waldaa Kaatolikii irratti hirmaachusaanii miidiyaa hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'ee tue.
Motummaanis dhiheenya kana lamiileen Gaanaa pirojaktii ijaarsa kaatediraalii gaggeeffamuutiin maallaqa akka arjoomaniif gaafatee ture.
Gamoon bataskaanaa kunis magaalaa guddoo biyyattii kan taatee Akiraa keessatti baasii doolaara miliyoona 100 olitiin gaggeeffamaa jira.
Ijaarsi gamoo bara 2024tti xumuramuuf karoorfame kunis muzeeyeemii Kitaaba Qulqulluu fi galma namoota 5,000 qabatu fa'i qabaata jedhameera.
Ijaarsi gamoo kanaa kan dhuunfaan deggaramu ta'ulleen, baayyeen garuu haalaa dinagdee biyyattii ammaa kaasuun pirojaktiichaan akka waan dhimma dursi kennamuuf hinmalleedha jechuun qeeqaa jiru.














