Elizaabeet Ohenee: Gaanaatti dubartii rifeensa harrii akka baratamu yaaltu

Elizabeet Ohenee

Madda suuraa, Elizabeet Ohenee

Gabaasaa xalayaa gaazexessitoota Afrikaa kutaa kanaatiin barreessituun lammii Gaanaa Elizaabeet Ohenee tibba weerara koronaavaayirasiitti shaakala baredinaa baratamaa hin taane fayyadamuu eegaluu ishee himti.

Short presentational grey line

Dhiyeenya kana keesssa maal akkan fakaadhu irratti murtee guddaan fudhadhe.

Kunis wal’aansa baqaqsaani hodhuutiin googakoo shunture sirreeffadhee ykn wal’aansa Botox argadhee miti.

Innis, rifeensakoo harrii - kan garrii caalaansaa adii ta'e agarsiifachaa deemuun eegale.

Umurii ganna 76tti rifeensa harrii qabaachuunkoo waan nama ajaa’ibu hin turre. Ta’us garuu na amanaa kun murtee isa guddaadha.

Yeroon kun yeroo itti akkataa rifeensa dubartii Gaanaa tokkoo itti qixeeffattu ilaaluun kan umurii ishee itti baru dandeessudha.

Hanga umurii ganna 16 ykn 17tti shamarreen tokko rifeensashee gabaabsite muratti. Sana booda garuu rifeensaashee shurubbaa dhahatti ykn mala bebbekamaa adda addaa barbaaddeen miidhagfatti.

Dhuma rifeensa harrii

Dhirooti rifeensa gabaabaa filatu, yeroo itti ‘Afroo’ (goofareen) beekamaa turetti sana filatu ture.

Yeroo halluu rifeensaa ilaallu, kan nama hundaa haala walfakkaataan yeroo dhalatan gurraacha yeroo dullummaa harrii ture.

Yeroo tokkotti garuu kun geeddarameera.

Halluun rifeensaa namtoolchee gurraachi yoom hawaasaa Gaanaa akka seene sirriitti hin beeku – garuu bara 1950’n keessa yemmuu jedhamu dhaga’eera.

Maqaa “yoomoob3 Ga” ykn gabaabamatti “yoomo” jedhamuun waamama, kun ammoo Afaan Gaanaatiin dubartii dulloomtuu (jaartii) jechuudha.

Maqaan guutuu halluu namtoolchee kanaa hiika “Akraa keessa dubartiin dulloomtuu hin jirtu” jedhu qaba.

2px presentational grey line

Nama umuriin deemee ykn dulloomee adda baasuuf inni jalqabaa rifeensa harriidha. Amma garuu, sababa halluu gurrachaa kanaan, magaalaa gudditti Gaanaa Akraa keessa dubartiin dulloomte hin jirtu.

Nama mana rifeensaatti rifeensa sirreeffatan

Madda suuraa, Getty Images

Sana booda halluun kun gandaafi baaddiyyaa biyyatti seenee, simannaa “yoomon” argates kan guddaa nama ajaa’ibudha.

Halluun rifeensa dubartii Gaanaa dhaloota hanga du’aatti gurraacha ta’e.

Bifa dullumaan dhufuuf “furmaata salphaa”

Kan dagatamuu hin qabne fedhii harrii hambisuu kan qabu dubartii dulloomte qofa miti.

Suuta suuta, dhirootnis kana filatanii, amma dhiiras ta’e dubartii umarii kamirrayyuu jiran kan rifeensa harrii qabu hin agartu.

Jijjiiramni akkataa itti dhirootni Gaanaa rifeensa isaani midhagfachuu filatan ammoo caalaatti nama ajaa’iba.

Hunda isaanii miti harrii isaani halluu guaracha dibachuuf kan filatan, bifa dullumaan dhufu jalaa miliquuf furmaata salphaa filatani.

Rifeensuma biqilfachuu dhiisuu filatani – guutummaatti moluu ta’uun faashinii ta’e.

Guutummaatti rifeensa haadachuun, rakkoo suuta molachaa deemuufis furmaata ta’e.

Kana dura dhiirotiin meeqaa, keessumaa kan dargaggummaa keessa jiran molachuu akka jibbaan tilmaamuun ni cima.

Amma garuu dhiraa gariin molatee gariin rifeensa qabu hin agartu. Dargaggeessis ta’e jaarsi guutummaatti haadatee deema.

Anis hanga umurii ganna 50tti refeensa gurraacha dheeraan qaba ture, sana booda harriin natti baayyachaa deeme, akkan halluu gurraachaa dibuuf na amansiisnaan sanuma godheen gurracha ta’ee itti fufe.

Elizaabeet Ohenee - lrifeensa haarriifi wiigii gurraachaan

Madda suuraa, Elizabeth Ohene

Bara Koronaa, yeroo mana rifeensaa deemuun rakkoo ta’etti, rifeensakoo halluu dibuu dhiisee shaashii hidhachuun eegale.

Torban lama dura, rifeensakoo harrii isaa haraatiin manaan gadi ba’e.

Shakala haraa jalqabaan jira yoo ta’e hin beeku, garuu amma dubartii dullomtee – yoomo- tokko Akraa keessatti ni agartaa jechuudha.