Dirree Dhawaatti poolisootni nama dhuunfaa osoo reebanii viidiyoon mul'atan to’ataman

Madda suuraa, Fuula Feesbuukii Poolisii Dirree Dhawaa
Tibbana miidiyaa hawwaasaa irratti viidiyoon yeroo poolisooni magaalaa Dirree Dhawaa sadii waliin tahuun nama dhuunfaa tokko reeban agarsiisu qoodamuun dheekkamsa kaasee ture.
Kana hordofee poolisoonni sadeen to'annoo seeraa jala ooluun qoratamaa jiraachuu Ajajaan Komishinii Qajeelcha Poolsiii Magaalaa Dirree Dhawaa, Komishiner Alamuu Margaa BBCtti himaniiru.
''Ergamni keenya jagnummaan uumata kana eeguudha. Poolisiin tokko balaan kamiyyuu dhufu aarsaa kaffalee uummata isaa tiksa,'' jedhan.
Komishiner Alamuun ''waan tibbana poolisoonni keenya nama dhuunfaa tokko irratti raawatan garuu fudhatama hin qabu,'' jedhan.
Poolisoonni sadeen waliin tahuun nama dhuunfaa reebuun ture, baajaajii keessa yeroo galchan kan viidiyoon waraabamee qoodame.
Haa tahu malee, Komishiner Alamuun ''namni isaan qabanii tuman kun nama seeraan barbaadamuu fi to’annoo jala akka oolfamu ajajani irratti darbe miti,'' jedhan.
Osoma ergama biraaf karaa deemaa jiraniiti karaarratti ''nu arrabse, dhagaa nutti darbate jechuun kan tuman,'' jedhan.
Komishiner Alamuun namni dhuunfaa kun osoo isaan arrabseyyuu ykn dhagaa itti darbateyyuu akkaataatti to’annoo jala oolchuun seeratti dhiyeessan biraan jiraachuu danda’a ture jedhan.
Miidhamaan kana yoo ibsanis ''akka viidiyoo irratti arginetti nama sammuu dhukkubu fakkaata, maal irra akka jiru qorachaa jirra,'' jedhan.
''Nama kana tumuu jechuun sirna kaleessa poolsiin, qaamni nageenyaa itti jibbame deebisanii hojjetan taanaan waan sirna sana ittiin balaaleffannu hin qabnu jechuudha.''
''Ija seeraan yoo ilaalleyyuu seerumtuu mirga akkasii hin kennuuf,'' kan jedhan Komishiner Alamuun, ''Poolisiin uummata eeguu qaba, mirga isaa kabajuu qaba, yoo barbaachise eegumsa sana keessatti wareegama barbaachisu kaffala malee nama tumuu hin qabu,'' jedhan.
''Poolisiin waan seeraan ol tahu jechuu miti. Qaama seera kabachiisuu fi akka uummanni eegus barsiisuu fi fakkeenya tahudha.''
Poolisoonni sadeen yakka kana hojjechuun to’annoo jala oolfaman qoratamaa jiraachuu himan Komishiner Alamuun.
''Aangoo isaanii seeraan ala fayyadaman''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Komishiner Alamuun poolisoonni to’annoo jala oolfaman kunneen ''aangoo isaanii seeraan ala fayyadamuun himatamu,'' jedhan.
''Poolisiin tokko yakka yeroo raawwatu yoo argame battaluma sana to’annoo jala oolfama malee ajaja mana murtii hin barbaadu,'' jedhan.
Magaalichatti poolisoonni seera cabsuun yoo yakka hojjetan kun kan jalqabaa miti.
''Kana duras poolisoonni lama ajaja mana murtii malee mana namaa sakatta’uu isaaniin qabnee mana murtiitti dhiyeessinee murtoon irratti darbuun amma mana hidhaa jiru,'' jedhan.
''Poolisoota lameen irartti tokko tokko isaanii irratti hidhaa waggaa tokkoo fi ji’a shanii irratti darbuun amma hidhaa jiru,'' jedhan.
Waggootaaf rakkoo nageenyaa keessa kan turte magaalaan Dirree Dhawaa dhiyeenya tasgabbii gaarii qabdi. Poolisiin magaalittiis hojii fakkeenyummaan jajamaa ture.
Komishiner Alamuun ''poolisiin keenya nama kamiyyuu, eenyuunuu yoo ta'e hundumaa aantummaan wal qixa tajaajiluu qaba,'' jedhan.
Kana dura Kantiibaan magaala Dirree Dhawaa Obbo Kadir Juwaar turtii BBC waliin taasisan irratti poolisiin hawwaasa waliin tahee nageenyaaf hojjechuu qaba malee uummata reebuu hin qabu jedhan.
''Duraan namuu wal reeba. Halaalumaa wal dheessa, shororkaa hin taane walirrati oofa. Amma kana fooyyesinee, poolisiin gaaffii hawwaasaa deebisuufi furuu irratti akka hojjetu gochuun magaalittiin tasgabbii argatte,'' jedhan.
''Duraan poolisii keessa sabaan wal qooduun ture. Olaantummaa seeraa kabachiisuu dhabuufi hawwaasni poolisii irraa amantaa dhabuun ture. Kana irraa ka'uun raayyaan ittisa biyyaa magaalittii tasgabbeessaa ture.''
Obbo Kadir, ''poolsiin miseensa paarti siyaasaa miti. Dirqamni olaantummaa seeraa kabachiisuu waan taheef kana fooyyessuu irratti hojjenne,'' jedhan.












