Kaabinoota Dirree kubba taphataniifi aantummaan ummata tajaajilan irraa maaltu baratama?

Madda suuraa, Kom Dirree Dhawaa
Kaabinoonni magaala Dirree Dhawaa erga torbanitti guyyaa sadiii kubba miilaa taphachuu jaqabanii waggaan lama lakkaa'ameera.
Hojiisaanii idilee erga xumuranii booda galgala sa'a 1:30 hanga 3:30 kubbaa taphatu. Jiraattonni magaalichaa ammoo bahanii daawwatu. Abbaan dhimmaa tasa qondaala barbaadus achuma dirreetti argachuu danda'a.
Miseensonni poolisii magaalichaas hoggansa magaalichaa waliin tahuun kubba miilaa taphatu.
''Kabajamoo MM Dr Abiy Ahimed, sammuun namaa qaroomina fiduuf waa dubbisuu qofa osoo hin taane, fayyaa keessan eeggachuu qabbdu, ispoortii hojjedhaa waan nu jedhaniif,'' jedhan Obbo Kadir Jawaar, Kantiibaan Dirree Dhawaa.
''Wiixata, Roobii fi Jimaata galgala sa'a 1:30 irraa hanga sa'a 3:30 taphanna. Kubba miilaa daqiiqaa 90 taphanna, itti bohaaraas, dadhabbiis itti daganna,'' jedhan.
Dirree kubba miilaa ammoo buufata poolisii magaalittii keessatti argama.
Kanaaf jiraattonni gara buufata poolisii yoo deeman kubba ilaaluufi malee hidhamaa gaafachuuf qofa miti jedhan kantiibaan magaalichaa Obbo Kadir Jawaar.
Dur uummanni fagootti argeeyyuu poolisii jibba. Ilaalcha gaarii hin qabuuf. Magaalaan Dirree Dhawaa rakkoo nageenyaa keessa waan turteef yaada kana fidne jedhan.
Obbo Kadir '' ani walitti qabaa mana-maree nageenyaa waanan taheef achumaan haala itti poolisiin hojjetu ilaaluuf carraa gaarii naaf kenna. Bakkichis akka uummataaf tolutti ijaarame,'' jedhan.
Buufata poolisii keessa manni nyaataafi kaaffeewan haala uummataaf mijatuun waan hojjetameef jiraattonni magaalitti garas yoo deeman waan nyaatamuuf dhugamu argatanii kubbas ilaalanii galu jedhan.
Hariiroo uummataafi miseensota poolsii cabee ture fooyeessuuf jennee kana goone,'' jedhan Obbo Kadir.
Komishinerri poolisii magaalittiis akka isaan waliin taphatan kan himan Obbo Kadir, ''magaalittiin waan nagaa taateef nutillee kubba taphanna malee silaa nuyis nagaa taanee hin taphannu ture'' jedhan.
Poolisoonni Dirree Dhawaa uffata siiviliin maaf magaala keessa oolu?
Magaalaa Dirree Dhawaa keessa sabaafi sablammii hedduutu jiraata. Rakkoo nageenyaa guddaanis magaalittii keessa waggootaaf tureera.
Obbo Kadir poolisiin hawwaasa waliin tahee nageenyaaf hojjechuu qaba malee uummata reebuu hin qabu jedhan.
''Duraan namuu wal reeba. Halaalumaa wal dheessa, shororkaa hin taane walirrati oofa. Amma kana fooyyesinee, poolisiin gaaffii hawwaasaa deebisuufi furuu irratti akka hojjetu gochuun magaalittiin tasgabbii argatte,'' jedhan.
''Duraan poolisii keessa sabaan wal qooduun ture. Olaantummaa seeraa kabachiisuu dhabuufi hawwaasni poolisii irraa amantaa dhabuun ture. Kana irraa ka'uun raayyaan ittisa biyyaa magaalittii tasgabbeessaa ture.
Obbo Kadir poolsiin miseensa paarti siyaasaa miti. Dirqamni olaantummaa seeraa kabachiisuu waan taheef kana fooyyessuu irratti hojjenne jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti dabaluun poolisii fi hawwaasa qofa osoo hin taane buchiinsaa fi poolisii gidduu hariiroo gaarii hin turre jedhan.
Kana irraa ka'uun hojiin seer-alummaa akka ture kan himan Obbo Kadir, amma kun fooyya'uu himan.
Komii uummataa yeroo baay'ee Itoophiyaa keessatti dhagahamu, hoggansa mootummaa argachuun dhimma isaa rawwachiifachuu dadhabuudha.
Kun magaalaa Dirree Dhawaatti jijjiiramaa dhufuu kan himan Obbo Kadir, ''Dr Abiy of tuultanii hin deemiinaa, gadi bu'aa uummata tajaajilaa waan nu jedhaniif sana hojiirra oolchine'' jedhan.
Namoota rakkoon koo kantiibaa biratti furama jedhee dhufu abdii kutachiisuu hin dandeenyu kan jedhan Obbo Kadir isaantu filee achirra nu kaa'e jedhan.
''Waan achi teenyuuf waan isaan nu filaniif. Har'a of tuultee, tajaajiluu yoo dhiiste, bor gaafa aangoo irraa buunu, akkamiin uummata kana waliin jiraanna?'' jedhan.
Bakka kubba taphannuttillee yoo dhufan akkasumaan hin deebisu jedhu.
Dabalataan Obbo Kadir ofii hawwaasa keessa yoo deeman eegduu malee socho'u.
''Ani torbeetti guyyaa lama ykn sadii maatiikoof nan kenna. Magaalaa kiyya keessa yoo bilisummaan hin deemne eessattan bilisaan deema? Yoo hawwaasa kana hin miine, kiraa sassaabduu hin taane eessattiyyuu bilisaan deemuu danda'a,'' jedhan.
Nmani harki isaa qulqulluu taanaan bakka barbaade tahee taa'ee nyaatee dhugee taphatee gala jedhan.
Ani haawwasuma kana keessattan dhaladhee guddadhe kan jedhan Obbo Kadir hawwaasa kana tajaajilee bilisummaan keessa jiraachuun barbaada malee aangoo kiyyatti hirkadhee of tuuluu hinfedhu jedhan.
Magaalaa Dirree Dhawaa akkuma magaalaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa of dandeessee hundooftedha.












