Dirre Dhawaan Alii Birraa yaadachuu eegalte

Artistiin gameessi Alii Birraa waggaa dura boqote

Madda suuraa, DDCFB

Ibsa waa'ee suuraa, Artistiin gameessi Alii Birraa waggaa dura boqote

Guyyaan yaadannoo waggaa tokkoffaa Artist Alii Birraa magaalaa keessatti dhalate - Dirree Dhawaatti guyyaa Wiixataa eegaleera.

Artistiin waggoota 60'tti siqaniif walleewwan danuu dalageefi aartii ummata Oromoo keessatti maqaa guddaa horate kuni waggaa dura boqote.

Dinqisifattoonni isaa ''mootii muuziqaa Afaan Oromoo'' jechuun isa waamu.

Yaadannoon waggaa tokkoffaa artistichaa kaleessarraa eegale hanga Onkololeessa 30, 2016’tti kan turu yoo ta’u, sagantaaleen garagaraas adeemsifamuu eegalaniiru.

Barjaan (bilboordiin) kabaja guyyaa yaadannoo kana ibsu Wiixata kaleessaa iddoo kantiibaan magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Kadir Juhaar, haatii warraa artistichaa Aaddee Liillii Birraafi keessummoonni biroon argamanitti saaqameera.

Sagantaan dungoo qabsiisuus akka taasifame gabaafameera.

Bakki kuni raawwatees paarkii wayita Alii Birraan lubbuun turetti maqaa isaan moogga'etti akka taasifamu sagantaa dura qondaalli magaalichaa BBC'tti himanii turan.

Sagantichi Kibxata har'aa ALI Obkololeessa 27, 2016 itti fufuun deemsi lafoo kan adeemsifamu yoo ta’u, taphni kubbaa miilaa artiistotaa fi angawoota magaalichaa gidduutti taasifamus kan eeggamudha.

“Gareen kabajamoo kantiibichaan durfamu fi gareen artistotaa boru waaree booda walmorkii kubbaa miilaa adeemsisu” jedhan Hogganaan Waajjira Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaa Obbo Mikaa'el Indaalaa.

Artiist Alii Birraa wayita lubbuun turetti hojiilee tola oltummaa garagaraa hojjechaa akka ture kan himan Obbo Mikaa’el, guyyaa Roobii mana barumsaa Faawundeeshiniin Alii Birraa deeggarsa itti taasisutti sagantaan daawwiifi deeggarsa taasisuu akka adeemsifamu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Barattoonni wayita inni lubbuun jirutti gama faawundeeshinii isaatiin deeggarsa taasisuuf 1,000 ol ta’antu jiru. Mana barumsaa sana yaadachuufi qaamoleen biroos deeggarsa akka taasisaniif kan yaadamedha” jedhan.

Kana malees Kamisa Onkololeessa 29 immoo seenaa jireenyaafi hojiilee Artist Alii Birraa irratti xiyyeeffatan ilaalchisee waraqaaleen qo’annoo dhiyaachuun mariin paanaalii akka irratti adeemsifamus himaniiru.

“Kamisaa fi Jimaata galgala sa’aa 12:00 irraa eegalee konsartiin muuziqaa guddaan kan artiistoonni garagaraa hojiileesaa (Alii Birraa) itti dhiyeessan ni adeemsifama” jedhan.

Jimaata ganamammoo sagantaan daawwii pirojeektotaa fi hojiilee babal’iinsaa Paarkii Alii Birraa angawoota fi keessummootaan akka daawwataman himaniiru.

Paarkiin Alii Birraa iddoo hambaaleen seenaa magaalaa Dirree Dhawaa agarsiisan, manneen aadaa magaalichaa agarsiisan akkasumas iddoowwan bashannanaa ofkeessatti kan qabate akka ta’es himaniiru.

Kabajni guyyaa yaadannoo kun Artiist Alii Birraa fi hojiileesaa yaadachuun artiistonni biroos isa fakkeenya godhachuun akka bahan haala mijeessuu kan kaayyefate akka ta’es dubbatan.

Alii Birraa Caamsaa 26, bara 1948 magaalaa Dirree Dhawaa, Ganda Qoreetti akka dhalatee seenaan jireenyasaa hima.

Mata dureen Aliin irraa hin weellisne hin qabu. Waggoota 60’tti siqaniif jaalala, cunqursaa, aadaa, afaan, siyaasa, ispoortii, waliin jireenyaafi kaan hedduurratti weellise.

Ammoo Afaan Oromoon qofaan hin weellisne. Afaanota gara shanii ta'aniin akka weellisaa ture seenaan isaa ni mul'isa.