Atileet Dirribee Waltajjii dorgommmii atileetiksii addunyaa Jaapaanitti akka hin hirmaanneef dhorkamte

Manni Murtii Waldhabdee Ispoortii (Court of Arbitration for Sport (CAS)) atileetiin Itoophiyaa Dirribee Waltajjii kan kan fiigicha fageenya jidduugalaatiin beekamtu dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii tibban Tookiyootti gaggeeffamu irratti akka hin hirmaanneef murteesse.

Manni Murtii Waldhabdee Ispoortii (CAS) kunis murtee kana kan dabarse haaluma gaaffii Atileetiksiin Addunyaa, Waajjira Farra Doping Biyyoolessaa Itoophiyaa (ETH-NADO) fi fiigicha dheerina giddu galeessaa Diribe Welteji Kejelcha (Itophiyaa) irratti tarkaanfiin yeroo akka fudhatu gaaffii dhiyeesetiin jedhameera.

Atileet Dirribeen atileetota Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Jaapaan Magaalaa Tookiyootti Sanbata duraa adeemsifamuu eegalurratti Itoophiyaa bakka bu'uun dorgoman keessaa tokko.

Atileetiksii Addunyaan kan hundaa'e Kutaan Amanamummaa Ispoortii (Athletics Integrity Unit)-AIU, Atileet Dirribee Waltajjii dorgommiirraa akka ittifamtu Mana Murtii Waldhibdee Ispoortiitti (CAS) iyyata dhiyeesse.

Atileetotaan walqabatee dhimma qorichoota nama jajjabeessan yookiin humna kennan kan to'atu AIU'n, qorannoo farra qoricha nama jajjabeessuuf samuuda kennuu diduu yookiin kennuu dadhabuu kan jedhuun Atileet Dirribee himate.

Koreen biyyaalessaa Abbaa Taayitaa Farra Qorichoota Nama Jajjabeessanii Itoophiyaa (Ethiopian Anti-Doping Authority) jalatti hundaa'efi dhimma atileet Dirribee ilaale, atileetittiin seera farra qorichoota nama jajjabeessanii hincabsine jechuun torbee muraasa dura murtee dabarsee ture.

Haa ta'u malee AIU, murtee kanaa atileetittiin dorgommiirraa akka ittifamtuuf mormuun Mana Murtii Waldhibdee Ispoortiitti iyyata dhiyeeffate.

Iyyatasaa kanas ALA Fulbaana 8, 2025 mana murtichaaf galchuusaa ibsa toora marsariitiisaarri Fulbaana 11, 2025 baaseen beeksiseera.

Haaluma kanaan iyyannisaa furmaata hanga argatutti Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii atileetiksiirraa akka ittifamtu gaafateera.

Manni Murtichaa atileetittiin dorgommicharratti dorgomuufi dorgomuu dhabuushee akka murteessu kan eegamu yemmuu ta'u, Atileet Dirribee Waltajjii dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Sanbata Duraa ALI Fulbaana 3, 2025 eegaluurratti hirmaachuuf guyyoota muraasa dura gara Tookiyootti imalteerti.

Kana malees guyyuma dorgomichi itti eegalamutti fiigicha meetira 1,500nin dorgommii gulaalliirratti akka hirmaattu sagantaan atleetiksii dorgomichaa agarsiisa.

AIU'n iyyannisaa dorgommiin gulaallii kun osoo hinadeemsifamin dura murtee akka argatu abdii akka qabu ibsasaa keessatti eeree jira.

Atileet Dirribee Waltajjii eenyu?

Dirribee Waltajjii atileetii dorgommilee atileetiksii fageenya gabaabaafi giddugaleessaan waggoota muraasaa as dirree atileetiksii addunyaarratti maqaa horachaa jirtudha.

Atileetiin ganna 23 kun, fageenyichaan akka addunyaattuu morkattuu cimtuu ta'uushee mirkaneessusheen dabalataan biyyasheefis meedaaliyaa argamsiisuu dandeesseerti.

Haaluma kanaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2023 Budaapeestitti adeemsifame fiigicha meetira 1,500 sadarkaa 2ffaa bahuun meedaaliyaa meetii argatteerti.

Kana malees Olompikii addunyaa bara 2024 Firaans magaalaa Paarisitti adeemsifame sadarkaa 4ffaa qabachuun xummurte.

Kana malees Shaampiyoonaa Fiigicha Daandiirraa bara 2023 Laativiyaa magaalaa Riigaatti adeemsifameen rikardii cabsuun injifatteerti.

Dorgommiilee atileetiksii umrii waggaa 20 gadii kan Addunyaa fi kan Afrikaas yeroo garagraatti sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa bahuun biyyasheef meedaaliyaa argamsiisterti.

Atileet Dirribeen yeroo dhumaaf dorgommii atileetiksii idil addunyaarratti kan hirmaatte ji'a 2 dura US Filaadelfiyaatti yemmu ta'u, fiigicha meetira 1,500niin atileetii Keeniyaa Feeyiz Kipyeegonin durfamuun sadarkaa 2ffaa bahuun xummurte.

Atileetiin kun atileetota Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyootti adeemsifamurratti eegaman keessaa tokko.