Neeymaar Juuner: Nama fira isaa hin taane irraa dhaala doolaara biliyoona tokko argate

Abbaan qabeenyaa firummaa sirraa hin qabne, qaamaan takkaa wal argitee hin beekne qabeenya isaa hundaa akka dhaaltuuf yoo siif dhaamee du'e maaltu sitti dhagahama?

Taphataa beekamaa duraanii Baarseloonaa Neeymaar kanatu mudate.

Biliyeenerri beekamaan Biraazil magaalaa Poortoo Alegree qabeenya isaa hundaa gara doolaara biliyoona tokkootti tilmaamamu Neeymaar da Silvaa qofaa isaa akka dhaaluuf dhaame du'uu miiidyaaleen Biraazil bal'inaan gabaasaa jiru.

Oduun kun dubbii ijoo jabaa tahus Neeymaar waan kana takkaa hin eegne. Firummaa dhiigaa walirraa qabaachuu miti, qaamaaniyyuu wal arganii hin beekan.

Isa irratti Neeymaar ofiisaayyuu abbaa qabeenyaa guddaadha. Miindaa inni waggaa tokkotti Al Hilaal irraa argateyyuu miliyeenera isa taasisa.

Namni qabeenya isaa hundaa Neeymaar akka dhaalu jecha isaa laatee boqate jedhame kun haadha warraa ykn ijoollee hin qabu.

Manni murtii Poortoo Alegree dhimmoota seeraa kaaniif fedhii isaan namni kun qabeenyichi Neeymaariif akka darbu dhaamuu isaa qoratanii mirkaneessaa jiru.

Isaan booda adeemsa seeraa hunda keessa darbuun qabeenyicha fudhachuuf fedha qabaachuu isaa Neeymaar gaafatama.

Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti Neeymaar tole jennaan qabeenyichi akka gara isaatti darbu manni murtichaa ni ajaja.

Akka gabaasonni tokko tokko agarsiisanitti Neeymaar durumaanuu maallaqa callaa doolaara miliyoona 300-350tti dhiyaatu qaba.

Taphattoota Kubba miilaa Biraazil qabeenya guddaa qaban keessaa Neeymaar warra jalqaba irratti maqaan isaanii dhahamu keessatti ramadama.

Sababani dhaala kana Neeymaariif kennuu maali?

Abbaan qabeenyaa maqaan isaa hin dhahamne kun Neeymaariin akka

hedduu jaalatu himama.

Neeymaar taphataa kubba miilaa ajaa'ibaa akka tahe amana. Miidhamni yeroo baay'ee isa mudachuu irraa kan ka'e hedduu qeeqamaa ture.

Baarseloonaa booda PSG, achii ammoo Al Hilaal galus miidhamne bakka gahuu qabu isa hanqise jedhama.

Taphataa dandeettii addaa qabu garuu osoo badhaasa Ballon d'Or hin mo'atiin hafedha Neeymaar.

Nmani qabeenya isaa dhaalchisuuf jecha isaa laateefii du'e jedhamu kun ''Neeymaar baay'een jaaladha, waan baay'eetu wal nu fakkeessa'' jedhee dubbachuu isaa miiidyaaleen gabaasaniiru.

Maaliif osoo hin du'iin dura qabeenya Neeymaariin waamee akka hin dubbisne garuu hin himamne.

Qeeqa Neeymaar mudachaa turee fi rakkoo taphatichi miidhamaan dabarseen akka gaddaa tures himeera.

Abbaan qabeenyaa kun ''Neeymaar ofittoo miti. Nama namaaf jiraatuufi gaddudha'' jedhee ragaa barreeffamaa mana murtiif kenne irratti ibseera.

The Sun akka gabaasetti, Hariiroo Neeymaar abbaa isaa waliin qabu, hariiroo ani abbaakoo waliin qabaachaa ture na yaadachiisa'' jechuu gabaase.

Bakka bu'aan Neeymaar abbaa isaati. Jijjiirraa taphataa kanaa irraa komishiniin argamu hunduu abbaa isaaf galaa ture.

Bara 2024 barruun Forbes' akak gabaasetti Kiristaanoo Roonaaldoo fi Liyonel Meesiitti aanuun Neeymaar miindaa olaanaa argataa ture.

Amma gara kileba isaa ijoollummaa Saantositti deebi'uun taphachaa kan jiru Neeymaar, bara 2026tti Waancaa Addunyaatiin biyya isaa Biraazil bakka bu'uun taphata jedhamee eegama.

Garuu sababa miidhamaa fi guutummaan gahumsa isaa irra hin geenyeef Kaarloo Anchelootiin tapha gulaalliif Neeymaariin hin waamne.

Dubbiin Neeymaariifi maatii isaa ijoo dubbii tahuu irraa fagaatee hin beeku. Kana dura dubartii tokko gudeeduunis himatamee bilisa baheera.

Harmeen isaa erga abbaa isaa irraa adda baatee dargaggeessa umuriin isaa Neeymaarii gadi tahetti heerumiinsi ijoo dubbii tahanii ture.

Abba akka adda bahan kan himamu haati Neeymaar naadiin Gonkaalves yeroo umuriinishee waggaa 52 ture dargaggeessa waggaa 23 tahetti heerumtee ture.

Ilmashee Neeymaariin abbaan warraa Tiyaagoo Raamos jedhamuun waggaa jaha hangafa ture.

Miiidiyaaleen biyyichaa garuu amma akka adda bahan gabaasaniiru.