Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liiverpuuliin erga mo'amanii Mikel Arteettaa fi taphattoonni Arsenaal maal jedhan?
Morkiin shaampiyoonaa Piriimer Liigii Liiverpuulii fi waggaa sadii walitti aansuun lammaffaan kan xumure Arsenaal gidduutti gaggeefame dubbii Mikeel Arteettaatti bishaan naquun xumurame.
Arteettaan eenyu akka taanee fi barana waancaa injifachuuf hagam gahumsa akka qabnu Aanfiildi irratti ''itti agarsiifnee deebina'' jedhee ture.
Garuu Arsenaal Aanfiilidi irratti erga Liiverpuuliin mo'atee waggoonni 13 darbaniiru. Bara 2012 ture isa dhumaaf kan mo'ate.
Doominik Sooboslaayi rukuttaa peenaaliitii fageenya irraa bareechee dhahuun galchii lakkoofsiset Liiverpuuliif injifannoo kenne.
Soobooslaayi ''gidduu kana rukuttaa akkanaa shaakalee hin beeku. Fageenya gabaabaa irraa malee. Deevid Raayaan karra eegaa jabaa utaaluu jaalatu tahuu waanan beekuuf humna itti dabaleen irraa ol fageesseen rukute,'' jedhe.
Arteettaan taphaan booda Liiverpuul hedduu nu hin caalle jedhe. Arsenaal garuu kubba kallattii isaa eeggate tokko qofa karra Liiverpuul irratti yaalee bahe.
Taphattoonni Arsenaal Aanfiildi irratti tokkoon Liiverpuul dhaabuun ofiis qixa bahanii qabxii tokko tokko qooddachuuf yaalaa turan.
Garuu hin milkoofne. Arteettaan hanqina garee isaa keessa ture guuttachuuf paawondii miliyoona 248 ol baasii taasiseera.
Gatii Hinkaappeef baasan osoo hin dabalatiin jechuudha. Isaan keessaa taphataan hedduu barbaadamaa ture Arsenaal argate Viiktar Giyookeresidha.
Inni biraan deeggartoota kubba miilaa biratti hedduu kan jaalatamu Ebereche Eezzee yoo tahu paawondii miliyoona 67'n mallatteesisan.
Amma Arsenaal Arteettaaf waan inni barbaadu guuteeraafii. Waggoota shanii oliif waancaa tokko malee kilebichi turuun garuu Arteettaa dhiibbaa guddaa keessa galchuu mala.
Landan keessaa kileboonni akka West Haam, Cheelsii, Kiristaal Paalas fa'aa waancaa injifataniiru. Arsenaal garuu waggaa shan keessatti waancaa guddaa mo'ate hin qabu.
Taphataan duraanii Manchister Yuunaayitid Wayinii Ruunii ''barri kun Arteettaaf baay'ee murteessaadha. Mo'annaan barana tahuu baannaan yoomuu hin mo'attu, akka jechuuti. Kilebichi taphattoota baay'ee inni barbaadu fidaniiruufi. Waancaa irraa eegu,'' jedhe.
Ruuniin ammas bara kana carraa waancaa mo'achuu kan qabu Liiverpuulidha jedhe.
''Liiverpuul garee baay'ee gaarii tahedha. Akkaataatti tapha mo'atanii bahan barataniiru. Kun mallattoo garee cimaa waancaa mo'achuun beekamuuti'' jedhe.
Ruuniin Arsenaal gootummaa wayii qabaachuu qabu. Onneedhaan sodaa malee taphachuu qabu. Yoo akkas godhan carraa waancaa injifachuu argatu jedhe.
"I think that's a real chance missed for Arsenal today. But then I think Liverpool have done what champions do - they stayed in the game."
Inumaayyuu akka Arteettaan jedhe osoo hin taane jalqabuma bara dorgommii kanaatti ammas carraa shaampiyoonaa tahuu qabaachuu kan agasiisaa jiru Liiverpuulidha.
Taphoota sadii irraa qabxii sagal argateera. Liiverpuul gahumsa guddaa bara darbe ittiin beekamu illee osoo hin agarsiisiin taphoota sadan mo'achuun qabxii sagal argate.
Arsenaal taphoota 13 Aanfiildi irrati taphatan keessaa tokkoyyuu mo'anii hin beekan. Saddet mo'amuun shan qixa bahaniiru.
Arteettaan akak sababaatti miidhama Bukaayoo Saakaa, Wiiliyaam Saaliibaa fi Odeegaardi kaasuu danda'a.
Osoo Arsenaal tapha kana mo'atee jiraate haamilee guddaa taheefii dhugumayyuu bara kana shaampiyoonaa tahuu dandeenya jedhanii akak onnatan isaan gargaara ture.
Jalqabbii irra tahus ammaaf hin milkoofne.
Arsenaal bakka Odeegaardi Meeriinoo taphachiise. lakkoofsa 10 kana irra ammoo taphataan gahumsa guddaa qabu Eezzeedha.
Daqiiqaa 20 dhumaa irratti kan gale Eezzeen osoo jalqaba irra hiriiree jiraatee garaagarummaa tokko uumuun ofiifis Arsenaaliifis ergaa guddaa dhaamuu danda'a ture.
Waancaa mo'achuu dandeenya kan jedhu. Arteettaan kana hin goone.
Meerinoon taphataa muuxannoo qabudha. Garuu taphataa tapha guddaa akkasii irratti dhiibbaa guddaa uumu miti.
Qabxiin tapha kanaa ''dogogora nama tokkoon ykn gahumsa addaa taphataan tokko agarsiisuun murtaa'a'' jedhee ture taphichi osoo hin jalqbaiin dura.
''Asitti daqiiqaa 90 guutuu kuubba qabattee caaltee hin taphattu. Gonkumaa hin danda'amu. Garuu dhuma irratti tooftaa ittiin tapha guddaa kana mo'annu argachuu qabnan'' jedhe.
''Kubba argattan kamiyyuu galchuu qabdu. Garee isa bara darbee irra caalu qabna. Galchii lakkoofsisuun dirqama. Tapha kana mo'achuuf galchii lakkoofsisuun dirqama keessani,'' jedhe taphattoota isaan.
Arteettaan ''Liiverpuul dirree isaa irratti yeroo akkas rakkatu arginee hin beeknu. Hedduu itti cimnee turre. Tapha kana irraa waan gaarii baay'ee fudhachuu dandeenya,'' jedhe.
Viiktar Giyookeres kubba argataa hin turre. Yeroo taphachuuf yaalus Virjil Vaan Daayikii fi Ibiraahim Koonaateen taphachiisaa hin turre.
Arsenaal isa dhumaaf Aanfiildi irratti yeroo Liiverpuuliin mo'atu Arteettaan Arsenaaliif taphataa ture.