Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Niiwukaasil gatii rikardii kilabichaa ta'een jifataa mallatteessise
Niiwukaasil Yunaayitid jifataa lammii Jarmanii Niik Wooltimeed gatii rikardii kilabichaa ta'e Paawundii miliyoona 69 baasuun kilaba Istootgart irraa bite.
Niik Wooltimeed taphataa baay'ee dheeraa yoo ta'u, ojjaansaa meetira 1.9 dheerata.
Jifataan lammii Jarman dargaggeessa ganna 23ti; dandeettii Jamaal Musiyaalaa fi Liyooneel Meesii wajjin wal isa fakkeessu qaba jedhameera.
Niiwukaasiil rikardii kana dura ittiin taphataa bite cabsuun Niik Wooltimeed kan bite.
Kilabichi waggaa sadi dura Paawundii miliyoona 63 baasuun dhalataa Ertiraa Aleeksaandar Isaaq bitee ture.
Isaaq wajjin atakaaroo keessa kan gale Niiwukaasil, jifataa haaraa mallatteessisuunsaa shakkii Isaaqiin gurguruu mala kan jedhu kaaseera.
Isaaq irra deddeebin Liivarpuul galuu akka barbaadu gaaffii dhiyeessus kilabichi Liivarpuul wajjin waliigaluu hin dandeenye.
Tapha Pirimer Liigii torban darbe Niiwukaasil Liivarpuul waliin taphatae irratti Aleeksaandar Isaaq osoo hin hiriirin hafeera.
Jifataan Niiwukaasil rikardii ofii cabsuun mallatteesise Niik kilabichaa cabsuun mallatteesise kun kontiraataa yeroo dheeraa mallatteessee jira.
Kana booda Aleeksaandaar Isaaq waggaa sadi dura Paawundii miliyeena 63 bitameefi taphataa qaalii Niiwukaasil jedhamuunsaa hin jiru.
Jifataan haaraan Niik Wooltimeed lakkoofsa 27 akka uffatu barameera.
Aleeksaandaar Isaaq ammayyuu egereensaa hin baramne. Wooltimeed garuu Niiwukaasilitti dabalamuusaatti heddu akka gammade ibse.
"Kilaba ajaa'ibaa kanatti dabalamuukootti baay'een gammade. Yeroo jalqaba kilabichi [Niiwukaasil] na qunnamuu kaasee akka na barbaadufi karoora gaarii naaf qabutu natti dhagahame," jechuun dubbate.
Simannaa Niiwukaasilitti godhameefitti gammaduus hime. "Jarman irraa garana dhufuun koo tarkaanfii guddaadha. Hunduu sirriitti waan na simateef miira maatummaatu natti dhagahame," kilaba isa madaalufi bakka dandeettiisaa sirriitti itti mul'isuuf carraa banuuf akka ta'e dubbate Wooltimeed.
Duraanuu karaa foddaa TV'n isteediyeemii Niiwukaasil akka daawwatu kan hime jifataa haaraan kun, "bakka baay'ee namatti toluudha. Taphadhee gahuumsa koo agarsiisuun goolii galchuu hawwiidhanin eegaa jira," jedhe.
Leenjisaan Niiwukaasil Edii Howe taphataa kana yeroo gabaabaa keessatti argachuutti gammaduu ibse.
"Niik ariitiin nuuf mallatteessuu isaatti baay'ee gammanne. Filannoowwan jifataa qabnutti dabalataan nama barbaadaa turre sirriitti kan madaaludha.
"Cimina heddu qaba, dandeettii teeknikaa guddaafi taphataa jifachuurratti kilaba masaanutti yaaddoo uumu ta'uusaa liigiwwan Awurooppaa heddurratti agarsiisedha," jechuun ammayyuu kana caala gahuumsa agarsiisuu akka danda'u abdii qabu ibse.