Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arsenaal barana waancaa hin nyaatu taanan yoom nyaata?
Turtii waggaa shaniifi walakkaa leenjisummaa Arsenaal keessatti barri kun Mikeel Arteettadhaaf bara baay'ee murteessadha.
Arsenaal ganna kana mallaqa itti dhangalaasun taphattoota qaqqaalii bituun 'madfii' dhukaasuf qophii xumuruu hima.
Waggaa 21 keessatti yeroo jalqabaaf barana waancaa Pirimeer liigii mo'achuuf paawundii miliyeena 190 baasuun taphattoota ciccimoo bitateera.
Waggoota sadan darban Arsenaal walitti aansuun lammaffaa bahaa ture, waancaa garuu hawwuu malee harkaan hin qabanne. Abaarsa kana ofirraa cabsuuf barana waancaan kan kooti jechaa jira.
Kana ittiinan milkeessa kan jedhu sarara gidduufi fuulduraa irratti taphattoota ciccimoo lama mallatteessise- Maartiin Zubimeendiifi Viiktoor Gaayikorees.
Arsenaal barana waancaa Pirimerliigii nyaachuuf gamanumaa maalif akka murteesse BBC Sport xinxaala qindeesseera.
Ganna kana Arsenaal akkamitti of-ijaaraa bahe?
Arsenaal tapha michummaaf gara Eshiyaa yeroo imaletti, Miikeel Arteettaa Arsenaal barana waancaa nyaachuuf waanti isa barbaachisu hunduu jiraachuu dubbatee ture.
Taphattoonni haaran garee duranuu cimaafi abdii qabutti dabalamuun miira deeggartoota Arsenaal mirqaansera. Waancaa ni nyaanna jedhanii akka abdataniif kilabicha qofa osoo hin taane deeggartootatti abdii horeera.
Maartiin Zubimeendii Riyaal Soosidaad irraa dhufuunsaa Diklaan Raayis giduurraa ka'ee gara fuulduraatti dhiibee akka taphatu carraa banaaf.
Taphattoota haara dhufaniin dabalaamuun carraa galchii uumuu dabaluuf mundhii hidhatee ka'uu hima Arteettaan.
Keessumaa jifataa haaraan Viiktoor Giyookerees kilaboota faallaf yaaddoo akka ta'u dubbate Arteettan.
Giyookerees taphataa tokko qofaa waliin walitti dhufnaan "si balleessa" jechuun dubbatee ture.
Dabaluunis, "Inni [Viiktoor Gooyikerees] bakka heddu nuuf uuma" jechuun kunimmoo taphattoonni kaanis galchii lakkoofsisuuf carraa guddaa akka uumu afaan laphee dhiibee dubbate Arteettan.
Arsenaal barana waancaa hin argatu yoo ta'e hoo?
Deeggartoonni Arsenaal barana waancaa Isteediyeemii Emireets keessatti arguu barbaadu. Arteettan kana gochuu akka qabu deeggartoonni yoo irraa eegan waana nama ajaa'ibuu miti- waggoota kurnan lama darban miixataa turan waan ta'eef.
Gama biraan ammoo hojii manaa Arteettaaf kennameedha. Waggoota shanan darban keessatti waancaa FA Cup maalee waan milkeesse hin qabu.
Barana maallaqni guddaan bahee taphattoonni Arteettan barbaadu erga dhufanii booda waancaa Pirimerliigii hin milkeessu yoo ta'e sababa maal dhiyeessa?
Dandeettiin leenjisummaafi turtiinsaa Arsenaal gaaffii keessa galuuf deema jechuudha.
Hanga ammaattuu Arteettarraa amantaa dhabuun Arteettan leenjisummaa gadi haa dhiisu jedhanii kan morman jiru.
Arsenaal waggootaf jifataa bituu didee deeggartoota boossisaa ture, barana ija jabaatee Viiktoor Gaayikorees biteera. Sarara ittisaafi gidduu akkasumas sarara cinaarratti taphattoota murteessoo mallatteessiseera.
Arteettaan barana garee dargaggootan dabalaame, humnaafi hawwii waancaa milkeessuu qabu qabatee dorgommiitti akka seenutu himama.
Taphattoota ciccimoofi baasin guddaan itti bahee bitamaniifi kanneen duraanuu jajjaboo ta'an qabatee barana waancaa hin milkeessu taanan dhiibbaan keessoo Miikeel Arteettaa irratti dhufu cimaa ta'a.
Tapha michummaarratti ciminaafi dadhabina Arsenaal mul'atan
Arteettaan taphoota michummaa gara Eshiyaa deemee taphate akka michummaatti osoo hin taane "akka qormaata Pirimerliigitti" akka ilaalu ibsee ture.
Tapha michummaa jalqaba AC Miilaan waliin Singaapporiti taphatan irratti saffisiifi kubbaa milkaa'inaan xumuruun irraa mul'atee ture.
Itaan Waaneerii gidduu akka taphatu gochuun eegalee ture. Bara kana Arsenaal garee sodaachisaadha kan isa jechisiisu tokko sarara gidduutti taphattoota akka Diklaan Raayis, Zubimeendii, Kiristaan Noorgaard, Maartiin Odigaard fi Meriinoo akka filannootti hiriirsisee taphachiisuu danda'uu isaati.
Cheelsirraa kan dhufe Maaduukeen ammoo sarara qarqaraa irra hiriiree yoo taphatu, Waaneeriin gara gidduutti dhiibbatee taphachuuf carraa uuma.
Pirimerliigiin osoo hin eegalin dura taphoota michummaa shan Arsenaal taphate irraa waanti hubatame, kubbaa kallattiin qabatanii gara fuulduraatti deemuu isaaniti.
Arsenaal bara darbe galchii qabxii 10 fi galchii 17n Liivarpuuliin caalamee Pirimerliigii sadarkaa lammaffaan xumure.
Rakkoolee bara darbe Liivarpuuliin caalamee boodatti isa hambisan sana furuuf, taphattoota yeroo mallatteessisu hanga danda'ametti carraa galchii akka uumaniifi.
Bara kallattii gidduufi sarara bitaafi mirgaarraa galchii heddu lakkoofsisuuf kakatee jira Arteettan.
Deeviid Raayyaa kubbaa qabee deebisee fageessee dhiituun carraan Kaayi Havertz, Maartineelin ykn Saakan galchiitti jijjiiruu ammayyuu jira.
Keessumaa Odigaard, Raayisiifi Zubimeediin gubbaa qabachuun gidduudhaa gaafa ka'an, imalli Arsenaal gara karra kilaba faallatti taasisu sodaachisaafi saffisa kan qabuudha.
Ganna kana tapha michummaarratti Arsenaal saffisaan gara karra kilaba faallatti imaluuf tattaaffiin agarsiise cimina irraa mul'ateedha.
Lewis Keelii ammoo ittisa karaa bitaa irraa gara gidduutti seenee akka taphatu godhamuunsaas jijjiirama biraa Arsenaal agarsiisedha.
Jijjiiramni kunneen Gaayikoreesiif haalli akka mijatuufi dandeettii sarara ittisaa cabsee seenuu qabuuf kubbaan akka mijatu gochuufi.
Arsenaal waan addaa maal gochuu qaba?
Dorgommii Pirimerliigii bara darbeerratti Liivarpuul yaaliwwan galchii 100n Arsenaal yoo caalu, akkasumas garaa garummaa galchii 17 lakkoofsisuun Arsenaal caale.
Galchiiwwan kanneen keessaa 7 rukuttaa peenaaliitii ta'us, tokkoon tokkoo taphaa irratti giddu galeessaan Liivarpuul yaalii gara goolitti taasisu 2.5 Arsenaal caala.
Gama biraan ammoo Arsenaal bara darbe taphattoota ciccimoo miidhamaan dhabuun dorgommii waancaa Liivarpuul waliin taasisu keessaa isa baasee ture.
Keessumaa taphattoonni sarara duraa kanneen akka Saakaa, Gabireel Yesuus, Kaayi Haveertz fa'aa yeroo dheeraaf miidhamuun, duubatti deebi'anii ittisuun suuta gara karra kilaba faallatti akka deemaniif sababa ta'eera.
Barana rakkoo sana hin qaban; jifataa haaraa Viiktoor Gaayikorees mallatteessisuun isaanii saffisaan gara fuulduraa imaluun galchii lakkoofsisuuf isaan gargaara.
Taphattoota gahuumsa olaanarratti argaman
Haaraa kan Arsenaalitti makaman Zubimeendiifi Gaayikorees gahuumsa olaanarratti akka argamantu amanama.
Taphattoonni Arsenaal duraan turanis kaansaanii sadarkaa gahuumsa olaanarratti yoo argaman kaan ammoo sadarkaa sanatti dhiyaachaa jiru.
Taphattoota Arsenaal dhaabbiin hiriiranii taphatan keessaa keessaa saddeettan isaanii ganna 23-27 gidduu kan jiraniidha. Isaan keessaa Diklaan Raayis qofaatu umuriin caala.
Taphattoonni hedduun gahuumsa olaanarra jiraachufi kaansaanii sadarkaa gahuumsa olaanatti dhiyaachaa jiraachuun akkasumas taphattoonni Arsenaal hunddii bifa jechuun danda'amun dargaggoota ta'uunsaanii abdii waancaa Pirimerliigii injifachuu kenneeraf.
Kilaba Riyaal Soosidaaditti sarara gidduu waliin taphataa kan turan Zubimeendifi Meriinoon wal-argachuunsaanii muuxannoo Maartiin Odigaardiin dabaalamee sarara gidduu Arsenal akka to'an isaan taasisa.
Taphattoonni akka Lewiis Keelii, Itaan Waaneerii lammanuu ganna 18, Bukaayoo Saakaa, ganna 23 dargaggoota Arteettan waancaaf abdii irra kaa'ateedha.
Taphattoonni akka Noorgaardifi karra eegaan Keeppaa Arizabalaadaas Arsenaalitti dabalamuunsaanii iskuwaadiin Mikeel Arteettaa akka bal'atu taasiseera.