Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Akka Haalaand tapha tokko irratti galchii shan lakkoofsisuuf maal gochuutu gaariidha?
Erliingi Haalaandi ammas seenaa haaraa galmeessuu itti fufeera. Rikardii Piriimer Liigii keessaa qofa osoo hin taane rikardii biyya isaa cabsuuf deema.
Torban dura Biraayitan irratti galchii tokko yeroo lakkoofsise waliigalaan galchii Piriimer Liigii 88 gahe.
Taphoota 100 osoo hin taphatiin galchii hamma kanaa lakkoofsisuudhaan Haalaand rikardii qabateera.
Amma ammoo biyya isaa Noorweyiif taphoota 45 irratti galchii 48 lakkoofsiseera.
Tapha Noorweey Moolvoodaa 11-1 mo'atte irratti Haalaand galchii shan lakkoofsise.
Yaadadhaa, Haalaand osoo gara Maanchister Siitii hin deemiin dura Boorushiyaa Doortimoondiif taphoota 89 irratti galchii 86 lakkoofsiseera.
Haala kanaan taphataa sarara duraa Maanchister Siitii Erliing Haalaand taphataa ''ajaa'ibaati'' jechuun ni danda'ama.
Baay'ina galchii fi miidhagina galchii inni lakkoofsisee yeroo ilaallu erga Piriimer Liigii galee carraa galchii argate galchiitti jijjiiruun dorgomaa hin qabu.
Taphataan sarara duraa cimaan gidduugaleessaan carraawwan galchii akkasii yoo argatu galchii 84 lakkoofsisuu danda'a.
Haalaand garuu galchii afur caalmaa qabu lakkoofsisuun carraa galchii argate hundaa akkamiin akka fayyadame agarsiisa.
Kun rukuttaa peenaaliitii irraa warra lakkoofsise osoo hin dabalatiinidha. Taphattoonni akka Mohaammad Saalaa fi Oolee Waatkiinsi fa'aa carraa galchii akkasii argachuun lakkoofsisaniiru.
Garuu Haalaand hedduu lakkoofsisa.
Warri Haalaandiin qeeqan garee Maanchister Siitii akkanaa keessatti taphataa kamtu carraa akkasii argatee galchii hin lakkoofsisu jedhu.
Haa tahu malee, taphattoonni kaan carraa wal fakkaataa argatanis saffisa, guddina qaamaa fi gahumsa kubba argatan galchiitti jijjiiruu hin dandeenye.
Akkasumas akka Haalaand kubbi kun garamitti darbuu dandeessi ejdhanii dursanii hubachuun bakkichatti argamuu, fi haala taphaa dubbisuu irratti haga isaa hin gahan.
Taphattoonni sarara duraa tokko tokko hin socho'an. Kanaaf Haalaand bakka qullaa kubbi darbutti socho'uu fi saffisni isaa taphataa jabaa akkasii isa godheera.
Kun taphattoota sarara ittisaafis akka itti ulfaatu godha.
Taphattoota Gaardiyoolaa jalatti taphachuun galchii hedduu lakkoofsisan keessaa yoo ilaalle Serjiyoo Afuweeroo isa tokko.
Aguweeroon gara galchiitti kubba hedduu dhiita. Garuu akka Haalaand hedduu isaanii hin lakkoofsisu.
Haalaand kan adda godhu kubba gara galchiitti yaale hedduu isaanii lakkoofsisuu isaati.
Liigota Awurooppaa gurguddoo shan keessaa taphattoota sarara duraa dorgomsiisnee yoo ilaalle, Imbaappee, Roobert Leewandowiskii fi Doortimondi irraa Guuraasii arganna.
Roobert Leewaandowiskiin waggoota kurnan darban keessa taphataa sarara duraa cimaa addunyaan kun argite keessaa tokko jedhamee faarfama.
Ammas Baarseloonaa keessatti umurii waggaa 36'n dhaabbataa hin jiru. Guurasiin carraa galchi argate fayyadamuun galchii ni lakkoofsisa.
Akka Haalaandi carraa galchii hedduu argachuu baatus. Biyya isaa Noorwey waliinis baay'inni galchii lakkoofsisaa jiru ajaa'iba.
Dorgommiin Piriimer Liigii bara kanaa reefu jalqaba. Haalaand garuu taphoota sadii irraa galchii sadii lakkoofsisuun dursaa jira.